6
Yesuus Nama Kuma Shan Areere
(Mat. 14:13-21; Mar. 6:30-44; Luq. 9:10-17)
1 Achiin duuba Yesuus gara Abbaayaa Galiila'aa ta Xiberiyaas jedhantuun gamatti bu'e. 2 Gumiin hedduun baasa inni worra dhibamaa fayyisiisaan tolche waan dhaggiteef isa hordotte. 3 Yesuus gara gaara tokkoo ol bayee, barattoota ifii woliin tee'e. 4 Yennaa san Jilti Irra Dabaramaa ta Yihudootaa dhikaatteertiiyyu. 5 Yesuus adaala ifii ilaalee, gumiin hedduun gara isaa dhufiisatti jirtuun dhaggee, Filiphoosiin, «Sagalee kolbaan tun nyaattu eessaa binna?» jedhe. 6 Inni waan Filiphoos jedhu ilaaliisaaf tana jedhe malee, maan akka godhu hin beekaayyu.
7 Filiphoos, «Daabboon mindaa ji'a saddeetiille*Mindaa ji'a saddeetii: Dinaara dhibba lama diqquma diqqoolle'een isaan mara hin geettu» jedhe.
8 Barattoota isaa keessaa, Indiryaasiin obboleessi Simoon Pheexroosii, 9 «Mucaan tokko ka daabboo garbu'uu xaltaa shanii fi qurxummii lama qabu as jira. Tun ammoo kolbaa tana maraaf hin geettu» jedheen.
10 Yesuus isaaniin, «Kolbaa teessisa'a» jedhe. Marra gudda'atti achi jiraayyu; maarre dhiirti gara kuma shanii gad teteette. 11 Yesuus xaltaa fuudhee, Waaqa galateeffatee, kolbaa achi tee'iisatti jirtuuf haga isaan barbaadane qoode; qurxummiille akkasuma tolche. 12 Isaan mara yennaa quufane, inni barattoota ifiitiin, «Hambaa hatte irraa wonni tokkolle akka hin banne wolitti qaba'a» jedhe. 13 Maarre isaan xaltaa daabboo garbu'uu shanan kolbaan nyaatteertuun, hambaa hatte wolitti qabanee kollonjoo kudhanii lama guutane.
14 Kolbaan yennaa bilbaasa Yesuus huje kana dhaggite, «Kun dhugumaan raagicha gara biyya lafaa dhufu'uu jiruuyyu!» jette. 15 Yesuus akka isaan hunnaan isa qabanee, mootii isa godhachu'uuf dhufaaranu beekee, qofii ifii ammalle gara gaaraa deeme.
Yesuus Bisaan Gubbaa Ideeme
(Mat. 14:22-33; Mar. 6:45-52)
16 Yennaa latti galgalootte, barattooti Yesuusii gara abbaaya'aa gad bu'anee, 17 hoboloo takka seenanee, abbaaya'aan gama gara Qifrinaahomii bu'iisaaf ka'ane. Latti dukkanoottelle'een Yesuus gara isaanii hin dhunne. 18 Bubbeen waan bubbisiisatti jirtuuf bisaan raafame. 19 Haga kiiloomeetira shanii yookiin jaa shaffisa'aan laaqaneeranuun, Yesuus bisaan gubbaa ideemaa, gara hobolo'oo dhufee dhikaatiisatti jiruun dhagganee bararaqane. 20 Yesuus ammoo, «Wonni anaa, hin bararaqina'a!» isaaniin jedhe. 21 Achiin duuba isaan gara hobolo'oo isa fudhatiisa barbaadane; hoboloon ammoo yoosuma lafa dhaqiisatti jiranu geette.
Kolbaan Yesuus Barbaadde
22 Guyyaa lammeesso'oo kolbaan abbaaya'aan gamatti hatte, hoboloon takkattiin callaan akka achi jirtu hubatte. Yesuus barattoota ifii woliin hobolo'oon akka hin deemin, barattooti ammoo qofuu akka deemaneeranu kolbaan sun beette. 23 Hobolooti dhibiin, Xiberiyaas irraa, gara lafa addee Goottaan galata galcheeruun, kolbaan daabboo itti nyaatteen dhikaattuu dhufane. 24 Kolbaan, Yesuusii fi barattooti isaa akka achi hin jirre yennaa dhaggite, hoboloota san seentee Yesuus barbaadiisaaf, gara Qifirnaahoomii dhaxxe.
Yesuus Sagalee Jiru'uu ti
25 Kolbaan abbaaya'aan gamatti yennaa Yesuus dhaggite, «Barsiisa'a, yoom as dhutte?» jetteen.
26 Yesuus deebisee, «Ani dhuguma isinitti hima; isin waan sagalee nyaattanee quuttaneef na barbaadiisatti jirtan malee, bilbaasa kiyya waan dhaggitaneefii moti. 27 Sagalee badduuf hin hujina'a; sagalee jiruu bara baraatiif jiraattuuf ammoo huja'a. Waaqi Abbaan, chaappaa†Chaappaa: Beessisa ifii ka ittiin mirkaneessu waan isa irratti godheeruuf, Ilmi Namaa sagalee san isiniif hin kenna» jedhe.
28 Maarre isaan, «Hujii Waaqi akka hunyuuf barbaadu hujiisaaf maan goona?» jedhaneen.
29 Yesuus deebisee, «Wonni akka isin gootanu Waaqi barbaadu, ka inni ergetti dhugeeffatiisa» jedhe.
30 Isaan, «Akka dhagginee si'itti dhugeeffannu bilbaasa maan goota? Maan hujja? 31 Akkuma Barreeffam Woyyichi, ‹Inni sagalee ol-gubbaa irraa akka nyaatanu isaaniif kenne› jedhu, Abbootiin teenna lafa goomole'ee keessatti sagalee mannaa‡Mannaa: Yennaa kolbaan Israa'elii lafa goomole'ee keessa marte, Goottaan sagalee sagalee dhibii irraa adda teete isaanii kenne. Sagaleen sun yoo afaaniin qabanu busukutii busukutii jetti jedhantu nyaatte» jedhaneen.
32 Yesuus, «Ani dhuguma isinitti hima; ka sagalee ol-gubbaa irraa isiniif kenne Muuse'ee moti; ka sagalee dhuga'aa ol-gubbaa irraa isiniif kennu Abbaa kiyya. 33 Sagaleen Waaqi kennu sun, ka ol-gubbaa irraa gad dhufee, jiruu biyya lafaatiif kennu» jedheen.
34 Isaan, «Gootta'a, sagalee tana yennaa mara nu'uuf kenni» jedhaneen.
35 Yesuus isaaniin, «Sagaleen jiru'uu ana; ka gara kiyya dhufu ijjumaa hin beelotu; ka natti dhugeeffatu ijjumaa hin dheebotu. 36 Akkuma ani isinitti hime, isin na dhaggitaneertan; ammoo hin dhugeeffanne. 37 Ka Abbaan kiyya naaf kennu mara gara kiyya hin dhufa. Ka gara kiyya dhufu ani ijjumaa ifi irraa hin ari'u. 38 Wonni ani ol-gubbaa irraa gad dhufeef, fedha ka na ergee godhiisaaf malee, fedha kiyya godhiisaafii moti. 39 Fedhiin ka na ergee, worri inni naaf kenne mara guyyaa muumme'ee akka jiru'uuf isaan kaasu malee, isaan keessaa tokkolle akka ani balleessuufii moti. 40 Fedhiin Abbaa kiyyaa, nami Ilma isaa dhaggee itti dhugeeffatu mara jiruu bara baraa akka qabaatu. Anille guyyaa muumme'ee jiru'uuf isa kaasa» jedhe.
41 Worri Yihudootaa waan inni, «Sagaleen ol-gubbaa irraa gad dhutte ana» jedheef itti gungumiisatti ka'ane. 42 Maarre isaan, «Namichi kun Yesuusii ilma Yoseefiitii moti? Abba'aa fi haadha isaa hin beenna. Amma inni attamiin, ‹Ol-gubba'aa gad bu'e› jedha ree?» jedhane.
43 Yesuus deebisee, «Wolitti gungumiisa lakkisa'a. 44 Abbaan na erge yoo isa harkise§Yoo isa harkise: Akka gara kiyya dhufu yoo isa godhe malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande'u; anille guyyaa muumme'ee du'aa isa hin kaasa. 45 Raagoleen, ‹Nami martinuu ka Waaqi barsiise hin te'a› jedhanee barreessaneeran. Ka Abbaa dhage'uu fi ka isa irraa baratu marti gara kiyya dhufa. 46 Ka Waaqa biraa dhufe qofattuu Abbaa dhaggeera male, nami tokkolle Abbaa dhaggee hin jiru. 47 Ani dhugaa isinitti hima; nami dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba. 48 Sagaleen jiru'uu ana. 49 Abbootiin teessan lafa goomole'ee keessatti sagalee mannaa jedhantu nyaatte; te'uu male duute. 50 Sagaleen nami akka hin duuneef akka nyaatu, ol-gubbaa irraa gad buutu ammoo tana. 51 Sagaleen jiraattuun ol-gubbaa irraa gad buute ana. Eennulle yoo sagalee tana nyaate, haga bara baraa hin jiraata. Sagaleen akka biyya lafaatiif jiruu teetuuf, ani kennu tun, foon kiyya» isaaniin jedhe.
52 Yihudooti, «Namichi kun attam foon isaa akka nyaannu nu'uu kenniisa dande'a?» jedhanee wol mormiisatti ka'ane.
53 Yesuus isaaniin, «Ani dhuguma isinitti hima: isin yoo foon Ilma Namaa hin nyaatin, dhiiga isaalle yoo hin unin, jiruu ifi keessaa hin qaddanu. 54 Nami foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu jiruu bara baraa qaba; Ani guyyaa muumme'ee du'a keessaa isa hin kaasa. 55 Foon kiyya sagalee dhuga'aa ti; dhiigi kiyyalle unii dhuga'aa ti. 56 Ka foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu anaan jiraata; Anille isaan jiraadha. 57 Abbaan jiraataan akkuma na erge, Anille sababa Abba'aa akkuma jiraadhu, nami na nyaatulle sababa kiyya hin jiraata. 58 Sagaleen ol-gubba'aa gad buute sun tana ree; isiin ta akka abbootiin teessan nyaattee, ammoo achiin duuba duuteetii moti. Sagalee tana ka nyaatu haga bara baraa hin jiraata» jedhe.
59 Yesuus Qifirnaahoomitti Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti yennaa barsiisiisatti jiru tana dubbate.
Jecha Jiruu Bara Baraa
60 Barattooti isaa hedduun kana dhage'anee, «Barsiisi kun guddoo jabaata. Eennutti isa fudhatiisa dande'a?» jedhane.
61 Yesuus akka barattooti marroo waan kanaa gungumiisatti jiranu beekee, «Wonni kun isin gufachiisaa? 62 Ilmi Namaa addee dur jirutti deebi'ee ol bayiisatti jiruun yoo dhaggitane maan jettan ree? 63 Ayyaanni Waaqaa jiruu kenna; hunni namaa womaa bu'aa hin qaddu. Jechi ani isinitti dubbadhe Ayyaana Waaqaa ti; jiruulle'e. 64 Ammoo isin keessaa worri hin dhugeeffanne gariin jiran» isaaniin jedhe. Yesuus ka isa hin dhugeeffannee fi ka isa dabarsee kennu eennu akka te'e duruu beekeera. 65 Yesuus ede'ee, «Ani waan kanaaf ka Abbaan kiyya akka gara kiyya dhufu godhe malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande'u isiniin jedhe» jedhe.
66 Waan kanaaf, barattoota isaa keessaa hedduun gara duubaa deebi'ane; eega san isa woliin hin deenne. 67 Maarre Yesuus barattoota kudhanii lamaaniin, «Isinille deemuu barbaaddanii?» jedhee gaafate.
68 Simoon Pheexroos, «Gootta'a, gara eennuu deenna? Ati Jecha jiruu bara baraa kennu qadda. 69 Ati Woyyicha Tokkocha Waaqaa akka teete dhugeeffanneerra; beenneerralle'e» jedhaneen.Mat. 16:16; Mar. 8:29; Luq. 9:20
70 Yesuus deebisee, «Isin kudhanii lamaan ka file anaa motii? Te'uu malee isin keessaa tokko Seexana» jedhe. 71 Inni marroo Yihudaa ilma Simoonii nama biyya keriyootii, ka barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko te'ulle, isa dabarsee kennaaruu dubbate.
*6:7 Mindaa ji'a saddeetii: Dinaara dhibba lama
†6:27 Chaappaa: Beessisa
‡6:31 Mannaa: Yennaa kolbaan Israa'elii lafa goomole'ee keessa marte, Goottaan sagalee sagalee dhibii irraa adda teete isaanii kenne. Sagaleen sun yoo afaaniin qabanu busukutii busukutii jetti
§6:44 Yoo isa harkise: Akka gara kiyya dhufu yoo isa godhe
6:69 Mat. 16:16; Mar. 8:29; Luq. 9:20