12
Maariyaam Yesuus Fiqiree Issite
(Mat. 26:6-13; Mar. 14:3-9)
1 Jila Irra Dabaramaatiif guyyaan jaan hafeeruun, Yesuus addee Alaazariin inni du'aa kaase le'u, Bitaaniyaa dhaqe. 2 Isaan achitti irbaata isaaf qopheessanee, Maartaan areerte; worra Yesuus woliin achi addee nyaataa tetee'aneeranu keessaa tokkochi Alaazar. 3 Achiin duuba Maariyaam fiqiree gatii guddo'oo ta Naardoos*Naardoos: Maqaa mukaa yookiin fiqiree muka Naardoos jedhamu irraa hujamee ti qofa irraa hujante ta litirii takkaa hidha geettu fuutee, miila Yesuusii lamaanittuu naxxee, rifeensa mataa ifiitiin haxxe. Fiqqeessi fiqire'ee mana duudii guute. 4 Barattoota Yesuusii keessaa tokko ka te'e, Yihudaan nami biyya Keriyootii, ka isa dabarsee kennaaru, 5 «Fiqireen tun mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatu†Mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatu: Dinaara dhibba saditti gurgurantee maaf hiyyeeyyi'iif hin kennamin?» jedhe. 6 Inni waan hattuu te'eef, tana jedhe malee, marroo hiyyeeyyi'iitiif jedheetii moti. Inni korojoo beese'ee ba'ata; beesee korojoo keessaalle fudhataa ture.
7 Yesuus ammoo, «Isiin guyyaa awwaala kiyyaatiif qophii goote waan te'eef, isii dhiisa'a. 8 Namooti Hiyyeeyyiin yennaa maraa isin woliin jiran, ani ammoo yennaa maraa isin woliin hin jiraadhu» jedhe.
Alaazar Ijjeesiisaaf Itti Malane
9 Worra Yihudootaa keessaa Kolbaan hedduun Yesuus Bitaaniyaa akka jiru beette; maarre Yesuus qofaaf adoo hin te'in Alaazarii inni du'aa kaaselle dhaggiisaaf achi dhaxxe. 10 Sooreyyiin hayyootaa ammoo Alaazarille ijjeesiisaaf itti malane; 11 sababille Yihudooti hedduun sababa Alaazariitiif isaan lakkisanee Yesuusitti waan dhugeeffataneef.
Yesuus Ulfinnaan Yerusaalem Seene
(Mat. 21:1-11; Mar. 11:1-11; Luq. 19:28-40)
12 Boruyyaa Gumiin guddoon Jila Irra Dabaramaatiif dhutteertu Yesuus gara Yerusaalemii akka dhufiisatti jiru dhageette. 13 Maarre dameelee meexxi'ii qabattee, qoonqoo guddo'oon, «Hosaa'inaa!‡Hosaa'inaa: Addee tanatti yaada Waaqi galatoomu jedhu qaba Mootiin Israa'elii ka maqaa Gootta'aatiin dhufu ka eebbifame!» jedhaa isa fudhatiisaaf baate.
14 Yesuus ilmayyoo harre'ee tokko dhaggee irra tee'e. Kunille akkuma Barreeffam Woyyichi,
15 «Kolbaa Yerusaalemii, hin sodaatina'a!
Mootiin keessan kunoo ilmayyoo harre'ee irra tee'ee dhufa» jedhu.
16 Barattooti isaa jalqaba irratti kana hin hubanne; Yesuus gara ulfinnaa ol fudhatameen duuba ammoo, isaan Barreeffam Woyyichi marroo isaatiif akka kana jedhee fi isaanille kanuma akka isaaf godhane qaabatane.
17 Kolbaan yennaa inni Alaazar awwaala keessaa waamee du'aa kaasu Yesuus woliin jirtu waan te'e dhugaa bayaa turte. 18 Bilbaasa kana akka inni tolche waan dhageetteertuuf gumiin isa fudhatiisaaf baate. 19 Kanaaf Fariisaayoti, «Ilaala'a, nuuti womaa godhuu hin dandeenne! Kunoo, biyyi lafaa duudiin isa hordofaarti!» woliin jedhane.
Giriikooti Gariin Yesuus Barbaadane
20 Worra yennaa jilaa waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii dhaqaneeranu keessaa gariin Giriikoota. 21 Isaan gara nama Betsayidaa Galiilaa keessa jirtuu, gara Filiphoosii dhaqanee, «Gootta'a, nuuti Yesuus dhaggiisaaf barbaanna» jedhaneen.
22 Filiphoos dhaqee Indiryaasitti hime; Filiphoosii fi Indiryaas lamaaniin dhaqanee Yesuusitti himane. 23 Yesuus deebisee, «Yennaan Ilmi Namaa ulfaatu amma geetteerti. 24 Ani dhugaa isinitti hima: Midhaan qamadi'ii yoo lafa bu'ee du'e malee, tokkochuma te'ee hafa. Yoo du'e ammoo, midhaan hedduu buusa. 25 Nami jiruu ifii jaalatu jiruu ifii hin dhaba; nami biyya lafaa tana keessatti jiruu ifii jibbu ammoo jiruu bara baraatiif isii eegata.Mat. 10:39; 16:25; Mar. 8:35; Luq. 9:24; 17:33 26 Nami na tajaajiluu barbaadu na hordofuu ti; tanaaf tajaajilaan kiyyalle na woliin addee ani jiru hin jiraata. Nama na tajaajilu Abbaan kiyyalle hin ulfeessa» jedhe.
Yesuus Marroo Du'a Ifii Dubbate
27 Yesuus itti dabalee, «Amma lubbuun tiyya rakkatteerti, ani maan jedha? ‹Abba'a, yennaan tun akka natti hin dhunne oolchi jedha moo?› Akkas akka hin jenne yennaa rakkinnaa tanaaf dhufe. 28 Abba'a, maqaa keeti ulfeessi!» jedhe.
Achiin duuba qoonqoon ol gubba'aa dhuttee, «Ulfeesseera, ammalle hin ulfeessa» jette.
29 Gumiin achi dhaabbattee qoonqoo tana dhageette keessaa gariin, «Wonni mandiisu'u» jette; worri kuun, «Ergamaa Waaqaatitti isatti dubbate» jedhe.
30 Yesuus ammoo isaaniin, «Qoonqoon tun isiniif jettee dubbatte malee, anaafii moti. 31 Yennaan biyya lafaa tanatti murantu amma; bulchaan biyya lafa tanaa Seexanni amma hin gatama. 32 Ani Yennaa lafa tana irraa ol kaafame, nama maraa gara kiyya harkisa» jedhe. 33 Yesuus du'a attamii akka du'uuf jiru mudhisiisaaf tana jedhe.
34 Gumiin deebittee, «Masiihiin haga bara baraa akka jiraatu seera keenna irraa dhageenneerra. Ati attamiin Masiihiin ol kaafamuu qaba jetta ree? Ilmi namaa kun eennu inni?» jetteen.
35 Yesuus deebisee, «Ifi yennaa gabaaddu'uuf isin woliin hin jiraata. Dukkanti akka isin hin dhaqqanne, ifa adoo qaddanuu ideema'a; nami dukkanaan deemu eessa akka deemiisatti jiru hin beeku. 36 Ijoollee ifaa akka teetanuuf, adoo ifa qaddanuu, ifatti dhugeeffadha'a» jedheen.
Yesuus tana dubbateen duuba, biraa ideemee isaan duralle'ee ifi dhosse.
Dhugeeffannaa Dhabiisa Kolba'aa
37 Yesuus addee isaan jiranutti bilbaasota kana mara hujulle, isaan isatti hin dhugeeffanne. 38 Dubbiin raagichi Isaayaas, «Gootta'a, eennutti waan nuuti itti hinne dhugeeffate? Hunni Gootta'aa eennutti mudhatte?» ka jedhe akka muummottuuf tun teete. 39 Maarre isaan dhugeeffatiisa hin dandeenne, sababille Isaayaas addee dhibiille'etti, 40 «Ilti isaanii akka hin dhaggine, gadhaan isaaniille akka hin hubanne, gara isaalle deebi'anee akka hin fayyine, Waaqi ila isaanii jaamseera; gadhaa isaaniille jabeesseera jedha» jedheera. 41 Isaayaas ulfinna Yesuusii waan dhaggeef tana jedhee marroo isaa dubbate. 42 Te'uu malee, Yihudooti worri baallii qabanu hedduun Yesuusitti dhugeeffatane; ammoo Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa nu baasan jedhanee, Fariisaayota waan sodaataneef, isatti dhugeeffatuu isaanii ifa baasanee hin dubbanne. 43 Isaan ulfinna Waaqa irraa dhaggachuu caalaa ulfinna nama irraa dhaggachuu jaalatane.
44 Yesuus qoonqoo guddo'oon, «Nami natti dhugeeffatu ka na ergelle'etti dhugeeffata malee na qofatti hin dhugeeffatu. 45 Nami na dhaggu ka na ergelle hin dhagga. 46 Ka natti dhugeeffatu marti dukkana keessatti akka hin hanneef, ani ifa te'ee gara biyya lafaa dhufeera. 47 Nama jecha kiyya dhage'ee hin eeganetti ka muru anaa moti; ani biyya lafaa fayyisiisaaf dhufe malee, itti muriisaaf hin dhunne. 48 Nama na didee Jecha kiyya hin fudhannetti ka muru hin jira. Jecha ani dubbadhettuu gaafa guyyaa dhumaa itti mura. 49 Ani baallii tiyyaan hin dubbanne; ammoo Abbaa na ergetti waan ani jedhee dubbadhu na ajaje. 50 Ajaji isaa kun gara jiruu bara baraa akka geessu ani hin beeka. Maarre wonni ani dubbadhu, waan akka ani dubbadhuuf Abbaan natti hime» jedhe.