15
Eliifaaz
1 Achiin duuba Eliifaaziin nami qachaa Temaanii deebisee,
2 «Nami qaroon
dubbii hiikkaa hin qanne hin dubbataa?
Gadhaa ifii keessalle'etti
yaada miidhaa qabu qabatuu qabaa ree?
3 Inni dubbii bu'aa hin qanneen,
yookiin haasowa woy hin baaneen
hin falmataa ree?
4 Ati ammoo Waaqa sodaatiisa lakkitteerta;
waaqonfannaa isaaf maltelle hin gufachiitta.
5 Yakkaan teeti dubbii teetiin beekkanti;
ati ammoo akka worra malte'ee
dubbatiisa filatta.
6 Dubbuma teetittuu sitti mura;
arrabuma keetittuu
dhugaa si irratti baya malee,
anaa moti.
7 «Nama duudi'iin dura ka dhalate si'ii ree?
Ati gaaroti adoo hin dadaminiin dura dadantee ree?
8 Marii Waaqaa ta dhossa'aa dhageetteertaa?
Qarummaa nama duudi'ii ka beeku
si qofa seetaa?
9 Waan nuuti hin beenne,
maan beetta?
Waan nu'uuf ifa hin te'in maan hubatte?
10 Worri mataan isaanii arrii te'e
ka abbaa keeti caalaa dulloomane
nu woliin jiran.
11 Jajjabeessiis Waaqaa
yookiin jechi inni malaan sitti dubbate
si hin gewuu?
12 Qalbiin teeti maaf si fudhattee ideenti?
Aari'iin ila teeti maaf baatta?
13 Maaf Waaqatti aartee
dubbiin akkasii afaan keetii baati?
14 «Nami qulqulluu te'uu hin dande'aa ree?
Nami foon uffate balchaa te'uu dande'a ree?
15 Waaqi ergantoota ifiitittuu hin addatu;
ol-gubbaanuu isa duratti qulqullu'uu moti.
16 Nami yakkaa akka bisaanii unu,
attam attam bada'aa fi battowa'a ree!
17 «Ani waan dhagge hin dubbadha;
sitti hima na caqasi.
18 Sunille waan worri qaroon
abbootii ifii irraa fuudhee
adoo hin dhossin dubbate.
19 Latti abbootii isaanii qofaaf kennanteertiiyyu;
ormille odduu isaanii hin leene.
20 Nami hamaan ka nama cunqursaa le'e,
bara ifii duudii farraa le'a.
21 Qoonqoon bararassitu gurra isaatitti iyyiti;
yennaa wonni marti nageya itti fakkaattutti
ka balleessu isatti hin dhufa.
22 Shallaagaan isa waan eegatuuf
inni dukkana keessaa bayiisaaf
addii hin qabu.
23 Sagalee allaatti'ii te'iisaaf hin joonja;
guyyaan dukkanaa akka isatti dhikaatelle hin beeka.
24 Gaddaa fi laaleffati isa bararassan;
akka mooticha lolaaf qophowee itti hammaatan.
25 Inni harka ifii Waaqa irratti waan kaaseef,
Waaqa waan mara dande'u irratti
jabaa waan ifi fakkeesseef,
26 mataa jabinnaan wontee ifii
furdoo-jadduu fudhatee
ifi irraa dhooggatiisaaf itti fiiga.
27 «Fuulli isaa coomaan gollameera*Gollameera: Yookiin bobbokokeer.;
hidhi isaa coomaan furdateera.
28 Nami kun qachoota diigame,
mana nami keessa hin leene,
ka diigamiisaaf dhikaate keessa le'a.
29 Inni hin duroomu,
karri isaalle yennaa heddu'uuf hin turtu;
lafa irralle'etti hin babadhattu.
30 Inni dukkana jalaa hin miliqu;
akka muka dameelee isaa bobeenni ibiddaa gosseetii fi
daraaraan isaalle hafuura aarii Waaqaatiin harca'ee hin te'a.
31 Inni womaa waan irraa hin dhagganneef,
waan bu'aa hin qannetti addatiisaan ifi hin sobin.
32 Akka muka jirmi isaa yennaan adoo hin geyin goguutii fi
dameeleen isaa hin bisillee hin te'a.
33 Inni akka muka woyni'ii
ka unkuruura ifii adoo hin bilchaatin harcaafatuutii fi
akka muka ejersaa
ka daraaraa ifii harcaafatuu ti.
34 Worri yaada Waaqa malee le'u
sanyii hin qabaatu;
Manni safu'uun†Safu'uun: Yookiin malaamaltumma'aa. ijaarame
ibiddaan gubatee bada.
35 Worri akkas jiru
hammeenna karoorfataa rakkinna fida;
gadhaan isaaniille sobaan guutameera» jedhe.