17
1 Qooqqee qofatti na keessa jira;
barri jiruu tiyyaa haleelameera;
awwaallille na eegata.
2 Dhugumaan worri natti murgu
na marsaneeran;
ilti tiyyalle nunnuussaa isaaniititti xiyyeeffatti.
3 «Waaqa kiyya,
ka si woliin wobii naaf te'u naa kenni;
si'uma malee,
ka dhibiin ka wobii naaf te'u eennu ree?
4 Akka isaan hin hubanneef
qalbii isaanii cutteerta
tanaaf akka isaan injifatanu hin gootu.
5 Nama beese'eef jedhee
jaala ifii dabarsee kennu
ijoolleen isaa hin rakkatti.
6 «Waaqi nama nami marti fuulatti tufu
nama duudi'iifille ka mammaassaa na godhe.
7 Gadda irraa ta kaate
ilti tiyya dhagguu dadhaddee
nafi kiyya duudiin akka gaaddiddu'uu te'eera.
8 Worri qajeelaa ifi seyu waan kana maadeffata;
worri yakkaa hin qanne
worra Waaqa malee le'utti ka'a.
9 Te'uu malee balchooti
karaa dhuga'aa irraa hin goranu;
worri harki isaanii qulqullu'uu ifi seyanu
jabeenna irratti jabeenna ede'atan.
10 «Isin marti ammoo
deebi'aatii ammalle wodhaana'a.
Ani odduu teessanitti
nama qaroo hin dhaggu.
11 Barri le'ii tiyya hobba'eera;
karoorrii fi halchaan gadhaa kiyyaa
karaa irratti hafane.
12 Jarri tun halkan guyyaa gooti;
yennaa dukkanaa, ‹Ifi dhikaateera› jedhan.
13 Boolla awwaalaa akka mana kiyyaatitti
yoo ilaale,
taqee tiyya dukkana keessatti yoo afadhe,
14 boolla awwaalaatiin, ‹Ati abbaa kiyya›
corroqa na nyaattulle'een,
‹Haadha tiyya yookiin obboleettii tiyya› yoo jedhe,
15 addiin tiyya meet ree?
Addii tiyya tana eentu naaf dhagga ree?
16 Yoo ani gara boolla awwaalaa bu'u
addiin tiyya na woliin gad buutii ree?
wolille'een biyyee seennaa ree?» jedhe.