38
Deebii Mootiin Waan Maraa Iyoobiif Deebise
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa hobonbolattii keessaa Iyoobitti dubbatee,
«Dubbii beekkumsa malee dubbatantuun,
gorsa kiyya ka diqqeessu kun eennu?
Akka dhiiraa hidha keeti hidhadhu;
ani si gaafadha; atille naaf deebis.
 
«Yennaa ani hundee lafaa dhaabe
ati eessa jirtaayyu?
Hubantii yoo qabaatte natti himi.
Haga lafaa ka murteesse eennu?
Isii irralle'etti sarara miki'ii*Mikii: Meeshaa miki'iititti fayyadamiisaan haga wonni tokko dheerattu yookiin badhattu beekiis. ka diriirse
eennu akka te'e hin beettaa?
Hundeen lafaa maan irratti dhaabatte?
Dhakaa roga isi'iille ka dhaabe eennu?
Yennaa urjooti ganamaa wolitti qabantee faarsitu,
ergantooti Waaqaalle yennaa ilillittu
ati eessa jirtaayyu?
 
«Yennaa abbaayaan lafa keessaa dhoote,
balbala madda isi'ii ka cufe eennu ree?
Abbaayaa duumensaan uffisee,
dukkana dimmalle'een ka isii golle ana.
10 Meessaalle itti godhee,
balbalaa fi danqaraa ka itti keye ana.
11 ‹Ati haga asii hin dhutta; asi irra hin dabartu!
Danbaliin teeti jadduun
asitti dhaabbatuu ti!› ka jedhe ana.
 
12 «Iyoob, bara jiruu teetii
latti akka bariitu ajajjee beettaa?
Bariin lafaalle addee akka qabattu gooteertaa?
13 Bari'iisi lafaa haga qaccee lafaa dhaqqabee,
worri hamaan akka isii irraa hargufamanu gooteertaa?
14 Ifi bari'ii koobotii fi dhooqoti
akka woyaa dachaafantee
dhaabbatanee akka mudhatanu godha;
akka chaappaa faara jiidhaa irratti dhowamee
guddisee mudhisa.
15 Worra hamaa ifi isaan duraa fudhatameera;
harki isaan hantuu hujiisaaf ol fudhatanelle cabeera.
 
16 «Ati gara madda abbaaya'aa gad buuteertaa?
Yookiin hundee qilee abbaaya'aa keessa ideenteertaa?
17 Balbalti du'aa sitti mudhifanteerti?
Yookiin balbala dukkana dimmaa dhaggiteerta?
18 Badhinna biyya lafaa hubatteertaa?
Tana mara yoo beettu teete me natti himi.
 
19 «Karaan gara ifaa geessu meet?
Addeen dukkanti jirtulle eessa?
20 Ifaa fi dukkana
addee isaaniititti geessuu hin dandeettaa?
Karaa gara addee isaanii geessu hin beettaa ree?
21 Biyyi lafaa yennaa dadante
ati waan dhalatteertuuf dhuguma hin beetta;
bara hedduulle leeteerta.Yaada laakkossa kanaa: Wonni as irratti jedhamuu barbaadame, biyyi lafaa yennaa dadantu ati womaa hin beettuu; bara dheeraalle leetee hin jirtu yaada jedhu.
 
22 «Ati gara mana dhakaan bokkeyaa itti kuufamu seenteertaa?
Yookiin mana dhakaan bokkeyaa itti kuufamu dhaggiteertaa?
23 Dhakaan bokkeyaa kun,
ka ani yennaa rakko'ootiif,
guyyaa woraanaatii fi guyyaa lolaatiifiille maffadhe.
24 Karaan gara addee ifi irraa balaqqisu geessu kam?
Yookiin qilleensi gara aduun baatuu
eessa irraa lafatti bittinnowa?
25 Bokkeya gad lola'uu fi
bokkeya bubbe'ee ka mandiisu'uutiif
karaa ka baase eennu?
26 Lafa nami tokkolle hin leenetti
goomolee nami tokkolle hin jirre keessa,
bokkeya roobisiisee,
27 lafa goomolee duwwaa jiisee,
marra akka baattu ka godhe eennu?
28 Abbaan bokkeyaatii fi copha fixeensaa eennu ree?
29 Dhakaan bokkeyaa gadaamessa eennuu keessaa baye?
QorraQorra: Yookiin boojjii jedhama. ol-gubbaa irraa bu'u eentu dhale?
30 Qorri sun bisaan akka dhaka'aa jabeessee,
dirri abbaaya'aa akka dhakaa bokkeyaa ite'a.
 
31 «Tuuta urjootaa ka, ‹Torbii§Torbii: Hiikkaan gariin Piliyaadis jedhan.› jedhamanu, wolitti hidhuu,
yookiin wodaroo tuuta urjoota, ‹Sadee*Sadee: Hiikkaan gariin Ooriyoon jedhan.› jedhamanuu hiikuu hin dandeettaa?
32 Tuuta urjoota gara kibbaa yennaa isaaniititti bobbaasuu dandeettaa?
Tuuta urjootaa ‹Ka bineensa DoobbaaDoobbaa: Bineensa Iyyaa fakkaatu.› jedhamu fakkaatu, ilmaan ijoollee isaanii woliin sooressuu dandeettaa?
33 Ati sirnaSirna: Yookiin sirinya jedhama. ol-gubba'aa beettaa?
Sirni kun lafa irratti akka huju godhuu dandeettaa?
 
34 «Lolaan bisaanii akka si liqinsuuf,
qoonqoo ol-qabattee duumensatti dubbatuu dandeettaa?
35 Ati balaqqeettiin akka buutu erguu dandeettaa?
Isiille si'iin, ‹Kunoo, ani as jira› hin jettii?
36 Kormi lukku'uu bari'iisa lafaa beekee akka iyyu,
yookiin sinbirreen akka mana ijaarrattu
ka qarummaa kenneef eennu?
37-38 Yennaa bukuun lafaa jabaattee wolitti tuulantuu fi
quqquuqaan lafaa wolitti qabatu,
duumensa laakkowiisaaf ka qarummaa qabu eennu?
Waabaa§Waabaa bisaanii: Yookiin okkotee bisaanii guddittii jedhamuu dande'a. bisaanii ta ol-gubba'aa jissee,
ka bisaan gad naquu dande'u eennu?
 
39 «Ati neenqa dhala'aaf
waan nyaatu hin adansitaa ree?
Yookiin dardaroota neenqaa hin quussitaa ree?
40 Yennaa isaan mandhee ifii keessatti riphanu,
yookiin daggala keessatti
dhokatanee yennaa gaadatanu,
isaan hin quussitaa?
41 Yennaa ilmeen harraaqessaa
waan nyaattu dhaddee daaxxu,
gara Waaqaalle yennaa boottu
ka sagalee isi'iif kennu eennu?
 

*38:5 Mikii: Meeshaa miki'iititti fayyadamiisaan haga wonni tokko dheerattu yookiin badhattu beekiis.

38:21 Yaada laakkossa kanaa: Wonni as irratti jedhamuu barbaadame, biyyi lafaa yennaa dadantu ati womaa hin beettuu; bara dheeraalle leetee hin jirtu yaada jedhu.

38:29 Qorra: Yookiin boojjii jedhama.

§38:31 Torbii: Hiikkaan gariin Piliyaadis jedhan.

*38:31 Sadee: Hiikkaan gariin Ooriyoon jedhan.

38:32 Doobbaa: Bineensa Iyyaa fakkaatu.

38:33 Sirna: Yookiin sirinya jedhama.

§38:37-38 Waabaa bisaanii: Yookiin okkotee bisaanii guddittii jedhamuu dande'a.