9
Worri Giibe'onii Iyaasuu Sobe
1 Moototi Yordaanos irraa gara aduun seentuu ta biyya koobitti'ii, biyya gammoojji'iitii fi qarqara Abbaayaa Mediteraaniya'aa haga kaaba Libaanoniititti jiranu, moototi Heetotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaatii fi Yibusootaa duudiin waan kana yennaa dhage'ane, 2 Iyaasu'uu fi kolbaa Israa'elii loliisaaf wolitti dacha'anee dhufane.
3 Worri lafa Giibe'onii Hiiwoti ammoo, waan Iyaasuun qachaa Yeriko'ootii fi Aayii irratti godhe yennaa dhage'ane, 4 Iyaasuu sobiisaaf murteeffatane. Isaan worra lafa fago'ootii ergamane ifi fakkeessanee, galaa qopheeffatanee, subba dullootaa fi qalqalluu daadhii woyni'ii ka dulloomee tarsa'ee erbame harree ifiititti fe'atane. 5 Isaan kophee dulloontee hodhante keyatanee, woyaa dulloontelle uffatane. Daabboon isaan galaa godhatane duudiin goddu'uu fi ta buullansootte. 6 Achiin duuba isaan gara quttuma Iyaasu'uu Giilgal dhaqanee, Iyaasu'uu fi Israa'elootaan, «Nuuti isiniin firoomiisaaf lafa fago'ootiin dhunneerra, kowa'a wol gondoorra» jedhane.
7 Israa'elooti ammoo Hiiwotaan, «Isin dhikoo teenna leetan fa te'a, attamiin wol gondoorra ree?» jedhane.
8 Isaan Iyaasu'uun, «Nuuti tajaajiltoota teeti» jedhane.
Iyaasuun ammoo, «Isin eennu? Eessaa dhuttane» jedhee isaan gaafate.
9 Isaanille deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti, gurra Goottaa Waaqa keetii, waan inni biyya Gibxi'iititti godhe duudii dhageennee, biyya fago'ootii dhunne; 10 waan inni mootota Amoorotaa lamaan worra laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu jiranu, Sihoonii mootii Heshibooniitii fi Oogii mootii Baashaanii ka qachaa Ashtaaroo le'anu godhe duudiille dhageenneerra. 11 Jaarsoleen teennaa fi worri biyya teenna keessa le'u duudiin nu'uun, ‹Deensa kara'aatiif galaa qabadha'aatii, gara Israa'elootaa deema'aatii isaaniin wol dhagga'a; isaanille'een, «Nuuti tajaajiltoota teessan; kowa'a wol gondoorra» › jedha'a. 12 Daabboo teenna ilaala'a. Yennaa nuuti isiniin wol dhaggiisaaf mana keennaa qabannee baane o'itu'u. Amma ammoo, akka isiin goddee buullansootte ilaala'a! 13 Qalqallooti daadhii woyni'ii kana yennaa itti guutanne haareya; amma kunoo tatarsa'eera. Karaa fagoo deemiisa keenna irraa ka ka'e woyaan teennaa fi kopheen teenna dulloonteerti» jedhane. 14 Israa'elooti sagalee diqqoo jara irraa fudhatane malee, marroo waan kanaa fedha Waaqaa hin gaafanne. 15 Maarre Iyaasuun akka isaan hin ijjeenne isaan woliin wol gondoore; jaarsoleen kolba'aalle gondooroo san eegiisaaf kakatte.
16 Wol gondooranee guyyaa sadiin duuba, Israa'elooti, worri kun ollaa isaaniitii fi worra dhikoo isaanii jiru akka te'ane dhage'ane. 17 Guyyaa sadiin duuba kolbaan Israa'elii addee quttumaatii kaatee, gara qachaa worri kun le'uu Giibe'on, Kefiiraa, Berootii fi Kiriiyat-Ya'ariimii dhaqane. 18 Israa'elooti ammoo sooreyyiin isaanii maqaa Goottaa Waaqa Israa'eliitiin waan isaaniif kakataneef isaan hin ijjeenne. Israa'elooti duudiin marroo waan kanaa sooreyyii irratti gungunte. 19 Sooreyyiin ammoo, «Nuuti maqaa Goottaa Waaqa Israa'eliitiin isiniif kakanneerra; tanaaf amma isaan miidhuu hin dandeennu. 20 Kakuu isaaniif kakanne diinnee mufiin Waaqaa akka nutti hin dhunne, kowa'a jiraatanuu lakkinna. 21 Akkuma sooreyyiin isaanitti murteessitetti jiraatanuu ti; ammoo qoraan biyyaaf cassaa, bisaan biyyaa woraabanuu ti» jedhane.
22 Iyaasuun worra Giibe'onii waansisee, «Isin as dhikoo teenna adoo leetanuu, ‹Nuuti fago'oo dhunne› jettanee maaf nu soddane? 23 Tana waan gootaneef, Waaqi isin abaareera. Kolbaan teessan qoraan cassiisaa fi bisaan woraabiisaan, mana Waaqa kiyyaatiif haga bara baraa garboolee te'an» jedhe.
24 Isaan deebisanee Iyaasu'uun, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan lafa tana duudii isin akka dhaalchisuu fi kolbaa lafa tana keessa jiraattu duudii akka balleessu, tajaajilaa ifii Muusee akka ajaje waan dhageenneef, isin guddoo sodaannee lubbuu teenna hamburatiisaaf tana goone. 25 Kunoo, nuuti harka keeti keessa jirra; waan ila teeti duratti dansa'aa fi sirrii te'ee mudhate nu irratti godhi» jedhaneen. 26 Tanaaf Iyaasuun harka Israa'elootaa irraa isaan hambure; Israa'elootille isaan hin ijjeenne. 27 Gaafas Iyaasuun jara san qoraan cassaa, bisaan woraabaa, kolbaa Israa'eliitii fi addee ciincaa Mootii Waan Maraa akka tajaajilanu godhe. Isaan haga adhaa addee inni akka itti waaqonfamuuf filatetti hujii tana hujiisatti jiran.