11
Moototi Kaaba Kana'aanii Injifatante
1 Yaabiin mootiin Hazoorii kolbaan Israa'elii akka injifatte yennaa dhage'e, gara Yobaabii mootii Maadonii, gara mootota Shimrooniitii fi Akshaafii, 2 gara mootota biyya koobittii kaabaa, gara mootota dhooqa laga Yordaanosii kibba Abbaayaa Galiila'aa jiranuu, gara mootota kooba jalaatii fi mootota biyya koobittii Door jedhantuu, ta gara aduun seentuun cinaa abbaaya'aatitti dhaggantuu dhaansa erge. 3 Akkasuma gara Kana'aanota baya adu'uutii fi seensa adu'uu jiranuu, gara Amoorotaa, gara Hiiwotaa, gara Pheriizotaa, gara Yibusootaatii fi Hiiwota worra biyya Miisphaa keessa kooba Hermoon jala jiranuu dhaansa erge. 4 Isaan loltoota ifii worra akka maansa irga abbaaya'aa hedduu, fardo'oo fi garreettaa fardo'oon harkifamu hedduu woliin dhufane. 5 Moototi tun duudiin loltoota ifii wolitti gurmeeffatanee, Israa'eloota loliisaaf bisaan Meromii bira qubatane.
6 Waaqille Iyaasu'uun, «Isaan hin sodaatin. Ani boru yennaa tana isaan mara harka Israa'elootaatitti dabarsee kennee, akka qalamanu godha. Ati mogolee fardoo isaanii mogolchiitii, garreettaa isaanii ka fardoole'een harkifamulle ibiddaan guggubi» jedheen. 7 Maarre Iyaasu'uu fi loltoota isaa duudiin dedhuma bisaan Meromii biratti isaan lolane. 8 Waaqille harka Israa'elootaatitti dabarsee isaan kenne. Israa'elooti isaan lolanee haga Sidoonii gudditti'ii, haga Misrefot-Maayimii, karaa aduun baatu haga dhooqa Miispha'aa ari'ane. Nyaapha isaanii keessaa nami tokkolle adoo hin hafin fixane. 9 Iyaasuun akkuma Waaqi isa ajaje godhe; inni fardoo isaanii mogolchee, garreettaa isaanii ka fardo'oon harkifamulle guggube.
10 Yennaa san Iyaasuun gara duubaatitti deebi'ee qachaa Hazoorii qabatee, mootii qachaa saniille shallaaga'aan ijjeese. Qachaan Hazoorii dur mootummaa san duudi'iif qachaa guddicha. 11 Isaan worra achi keessaa duudii shallaaga'aan ijjeesane; nami tokkolle hin hanne; qachaan Hazoorii gubate.
12 Akkuma Muuseen tajaajilaan Waaqaa ajaje, Iyaasuun qachoota sanii fi mootota qachaa sanii duudii qabatee, namoota duudii shallaaga'aan ijjumaa balleesse. 13 Ammoo qachaa Hazoorii ka Iyaasuun gube qofa malee, Israa'elooti qachoota addee dur diigame irratti ijaaramane keessa tokkolle hin gunne. 14 Israa'elooti waan bu'aa qabu duudi'ii fi horii qachaa san keessaa duudii fudhatanee ka ifii godhatane. Namoota qachaa san keessa jiranu duudii ammoo shallaaga'aan ijjeesane; nami tokkolle hin hanne. 15 Waaqi Muusee tajaajilaa ifii akkuma ajaje, Muuseen Iyaasuu ajaje; Iyaasuulle ajajameef. Iyaasuun waan Waaqi Muusee ajaje mara huje malee, tokkolle hin hamburre.
Biyya Iyaasuun Qabate
16 Iyaasuun lafa duudii biyya koobittii, biyya kooba jalaa, biyya goomolee kibba Kana'aanii, biyya Gooshenii duudii, biyya gammoojjittii, dhooqa laga Yordaanosii, biyya koobittii Israa'eliitii fi gammoojjii isi'ii qabate. 17 Iyaasuun gaara Halaakii ka gara Se'iirii*Se'iir: Edoomille hin jedhama. ol ka'u irraa haga Ba'aal-Gaadii gaara Hermooniitiin jala, dhooqa Libaanonii keessaa qabatee, mootota isaanii duudii shallaaga'aan ijjeese. 18 Iyaasuun mootota tana duudii yennaa hedduu loleera. 19 Hiiwota worra qachaa Giibe'onii keessa le'u malee, qachaan tokkolle Israa'elootaan wolii galtee nageyaa hin qabu. Worri dhibiin marti lolaan injifatamanee qabamane. 20 Akka isaan Israa'eloota woliin wol lolanu, Waaqi mataa jabeeyyii isaan godhe; tanaaf ijjumaa akka badanu isaanitti murantee marartii malee ijjeefamane; kun ajaja Waaqi Muuse'eef kenne.
21 Iyaasuun yennaa san biyya koobittii, Kebroonii, Deebirii, Aanaabii, biyya koobittii Yihuda'aa maraa fi biyya koobittii Israa'elii maralle dhaqee Aanaaqota bibbineeyyii qachoota isaanii woliin ijjumaa balleesse. 22 Aanaaqota garii qofatti Gaazaa, Gaatii fi Ashidood keessatti hafe malee, lafa Israa'elootaa keessatti Aanaaqoti tokkolle hin hanne. 23 Iyaasuun akkuma Waaqi Muusee ajaje, lafa san guutumatti qabatee, akka qooda gosa gosa isaaniititti Israa'elootaaf dhaala godhee kenne.
Achiin duuba kolbaan woraana irraa foorfatte.