14
Qoodama Lafa Yordaanos Irraa Gara Aduun Seentuu
1 Latti Kana'aanii ta Yordaanos irraa gara seensa adu'uu ta hayyichi Ele'azaar, Iyaasuun ilmi Nuniitii fi sooreyyiin maatii gosoota Israa'elii, Israa'elootaaf qoodde ta asii gad jirtu. 2 Lafa san akka Waaqi Muusee ajajetti laga Yordaanosiitiin gara seensa adu'uu gosa sagalii fi gosa gamisaaf hixaa buusanee qoodane. 3 Muuseen lafa laga Yordaanosiitiin gara aduun baatuu gosa lamaa fi gamisa gosaatiif kenneeraayyu. Gosa Lewwi'iitiif ammoo lafa hin kennine. 4 Ilmaan Yoseefii, Minaase'ee fi Efreem gosa lama te'ane; gosa Lewwi'iitiif ammoo qachoota keessa le'anuu fi lafa horii itti bobbaafatanu malee, latti isaaniif hin kennanne. 5 Israa'elooti akkuma Waaqi Muusee ajajetti lafa san qoodamane.
Kebroon Kaalebiif Kennante
6 Gaafa tokko gosa Yihuda'aa keessaa namooti Giilgalitti gara Iyaasu'uu dhufane. Isaan keessaa tokko Kaalebiin ilmi Yofunee Qenazichaa, Iyaasu'uun, «Waan Waaqi Qaadesh-Barne'aatti marroo teetii fi tiyya Muusee nama Waaqaatitti dubbate hin beetta. 7 Yennaa Muuseen tajaajilaan Waaqaa, Qaadesh-Barne'aa gara Kana'aanii dhaqee akka dooyuuf na erge, ani nama woggaa afurtamaa ti; ani deebi'ee gabaassa addachiisaa isatti himeera. 8 Namooti na woliin dooyiisa dhaqane kolbaa teenna sodaachisanee sheephisiisane; ani ammoo Goottaa Waaqa kiyyaaf addatamumma'aan ajajameera. 9 Gaafuma san Muuseen, ‹Goottaa Waaqa kiyya gadhaa keeti tokkochaan waan hordotteef, latti ati irra ijjattu bara baraan si'ii fi ijoollee teetiif teeti› jedhee waadaa naaf galeera.
10 «Amma kunoo, Waaqi akkuma woggaa afurtamii shaniin dura Israa'elooti goomolee keessa deemiisatti adoo jiranuu Muuse'etti dubbate eegee na jiraachiseera. Amma ani nama woggaa saddeettamii shanii ti. 11 Ani akkuma gaafa Muuseen na erge sanii jaba'a. Ani adhalle loliisaaf, bayiisaa fi galiisaafille akkuma durii jaba'a. 12 Amma yoona, biyya koobittii Waaqi gaafa san waadaa naaf gale naa kenni. Worri Aanaaqotaa bibbineeyyiin akka achi jiranu, qachooti isaaniille dalleya dhaka'aa jabaa akka qabu dhageetteerta. Ammoo Waaqi yoo na qarqaare akkuma inni jedhe ani achi keessaa isaan hin baasa» jedhe.
13 Iyaasuun, Kaalebii ilma Yofunee eebbisee qachaa Kebroonii lafa isaa godhe kenneef. 14 Kaalebiin ilmi Yofunee Qenazichaa, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif gadhaa tokkoon waan ajajameef, qachaan Kebroonii haga adhaa lafa sanyii isaa te'e. 15 Maqaan qachaa Kebroonii dur, «kiriiyat-Arbaa» jedhama; «Arbaa» ka jedhamu kun worra Aanaaqotaa keessaa nama guddaa ture.
Achiin duuba latti nageya dhaggatte.