23
Iyaasuun Nageya Dhaame
1 Yennaa heddu'uun duuba, Mootiin Waan Maraa diinota adaala jiranu duudii irraa Israa'eloota foorfachiise. Yennaa san Iyaasuun guddoo dulloomeera. 2 Maarre inni kolbaa Israa'elii duudii, jaarsolee, sooreyyii, abbootii mura'aatii fi qondaaltota kolba'aa waamee, «Ani amma guddoo dulloomeera. 3 Isin waan Mootiin Waan Maraa Waaqi sababa keessaniif, gosa biyya adda addaa tana duudi'iif godhe dhaggitaneertan. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif loleera. 4 Ani lafa gosa adda addaa ta haga ammaa hin qabatamin jirtuu fi ta duruu qabadheeru, gara aduun baatuun laga Yordaanosii irraa jalqabee gara aduun seentuun haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa gosa teessaniif kenneera. 5 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isaan isin duraa ari'ee hin baasa; isin duraa isaan hin fageessa. Isin akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan Waadaa isiniif galetti, lafa isaanii hin fudhattan. 6 Tanaaf waan kitaaba Seera Muuse'ee keessatti barreeffame maraaf ajajamiisaa fi tolchiisa jabaadha'aa eegadha'a. Isaan irralle'ee gara middaatitti yookiin gara bita'aatitti hin gorina'a. 7 Kolbaa odduu teessanitti hatte woliin wolitti hin makamina'a yookiin maqaa waaqota isaanii hin waammatina'a yookiin ittiin hin kakatina'a yookiin hin waaqonsina'a yookiin hin sagadina'aaf. 8 Addee akkasii akkuma haga ammaa godhaa jirtanu, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif addatama'a. 9 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa gugurdo'oo fi jajjaboo isin duraa ari'eera; haga adhaa nami tokkolle isin dura dhaabbatiisa hin dandeenne. 10 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akkuma isiniif waadaa galetti waan isiniif loluuf, nami keessan tokkochi nama isaanii kuma hin ari'a. 11 Tanaaf, isin jabeessa'aa ifi eeggadha'aatii Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jaaladha'a. 12 Isin ammoo karaa Waaqaa irraa fagaattanee, worra odduu teessanitti hafe woliin makantanee yoo wol fuutane, 13 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan haganaa achi kolbaa tana isin duraa akka hin ariine beeka'a; isaan ammoo haga isin lafa dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kenne tana irraa isin balleessanutti, akka tiyyo'ootii fi fonxoro'oo, dudda keessaniif akka liche'ee, ila teessaniif akka qore'ee isinitti hin te'an.
14 «Amma yennaan ani du'u geetteerti; isin keessaa tokko tokkonuu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan dansaa waadaa gale mara tokkolle adoo hin hafin akka isiniif kenne, gadhaa ifii tokkochaa fi lubbuu ifii takkatti'iin hin beeka. 15 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan dansaa waadaa isiniif gale akkuma muummesse, akkasuma biyya dansaa isiniif kenne keessaa haga isin balleessutti waan hantuu duudii isinitti hin fida. 16 Gondooroo Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka isin eegattanu ajaje eegatuu dhaddanee, waaqota dhibii dhaxxanee tajaajiltanee yoo sagaddane, mufiin Waaqaa isin irratti bobeetti; lafa dansaa inni isiniif kenne irralle'ee ariiti'iin baddan» jedhe.