Kitaaba Gadda Ermiyaasii
Seensa
Kitaab gadda Ermiyaasii kun dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba shanii fi saddeettamii jaatti Yerusaalem waan diigantee fi kolbaan isi'iille waan baqatteef wolaloo gaddaa shanan ka wolitti qabatee dhiyaate. Kutaan kitaaba kanaa irra caalaa marroo bowaatii fi gaddaa odeessulle, waan Waaqatti addatiisaa fi addii qabaatiisaa kutaan dubbatulle jira. Wolaloota kana Yihudooti dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba shanii fi saddeettamii jaatti, badii Yerusaalem irra dhaqqadde qaabbi'iif woggaa wogga'aan guyyoota waaqonfannaa laamaatii fi gadda irratti itti fayyadaman.
Haadhoo dubbi'ii
Gadda Yerusaalemii1:1-22
Adabamiisa Yerusaalemii2:1-22
Adabamiisaa fi addii3:1-66
Diigama Yerusaalemii4:1-22
Daadimata mararti'ii5:1-22
1
Gadda Yerusaalemii
1 Yerusaalemiin dur kolbaan keessa guutte attam qofi hatte!
Ka gosa biyya adda addaa oddu'utti guddoo teete,
attam akka haadha hiyyeessaa teete.
Qachoota oddu'utti giittii ta teete,
attam akka garbaa teete.
2 Halkan guutuu hin bootti,
imimmaan boqoo isi'ii irra yaati.
Jaalota isi'ii keessaa
ka isii jajjabeessu tokkolle hin jiru.
Jaaloti isi'ii marti isii mormataneeran;
diinalle itti te'aneeran.
3 Kolbaan Yihuda'aa
garbumma'aa fi eloo jaddu'uun rakkattee,
biyya ifii irraa ari'antee,
addee «Teenna» hin jenne,
lafa dhibii keessa leete.
Karaan milixxu ka hin jirre,
diinaan marfante.
4 Nami jilaaf gara Xiyoonii dhufu,
waan hin jirreef,
karaan karra isi'ii martinuu duwwaa te'e;
Hayyootille gaddaan aadan.
Durrooti isi'ii hin gadditi.
Xiyoon gadda keessa jirti.
5 Diinoti isi'ii isii irratti goottomanee,
badhaadhaneeran.
Bacinna cubbuu isi'iitiif,
Waaqi isii rakkise;
Ijoolleen isi'ii diinaan booji'antee,
fudhatanteerti.
6 Ulfinni Yerusaalemii marti
irraa deemeera.
Sooreyyiin isi'iille
akka gadansa beelowee dadhabee,
worra isa ari'u duraa hin baqannee te'aneeran.
7 Yerusaalem rakkatee mana dhaddee
waan dansaa ifii durii qaabatte.
Kolbaan isi'ii ammoo diinaan waan injifatanteef,
nami isii qarqaarulle hin jiru.
Diinoti isi'iille diigama isi'iititti kollane.
8 Yerusaalem cubbuu guddoo hujjee
xomorootteerti;
isaan waan duwwaa isii dhagganeef,
worri isii ulfeessanu marti tuffataneeran;
isiinuu aadiisaan,
fokko'oon fuula ifii achi garagalti.
9 Xomorummaan isi'ii woyaa isi'ii irratti mudhatti;
isiin waan hegeri teetu hin beenne;
jinnanni isi'ii sodaachisa'a;
ka isii jajjabeessu tokkolle hin jiru.
Diinoti isi'ii waan isii injifataneef,
rakkoo isi'ii akka ilaaluuf gara Waaqaa iyyite.
10 Diinoti Yerusaalemii
qabeenna isi'ii dadansaa saamane.
Isiin Galma Waaqaa ka ifii,
ka Waaqi worri Yihudoota hin te'in
akka hin seenne dhoogge seenanuun dhaggite.
11 Kolbaan isi'ii marti sagale'eef aaddi;
lubbu'uun jiraatiisaaf
qabeenna dadansaa ifii sagale'een jijjiiratti.
Yerusaalem «Waaqa! Na ilaali;
salphinna kiyya duudiille dhaggi!
12 «Isin worri karaa tartanu,
isiniif womaayyuu te'uu dhaddulle,
ka Waaqi guyyaa mufii jaddu'uu natti fide,
rakkinna kiyya kana ka fakkaatu jiraa ree?
Me ilaala'aatii, dhagga'a!
13 «Waaqi ol-gubbaa irraa ibidda erge;
ibiddille lafee tiyya keessa gube.
Inni tiyyoo miila kiyyatti afee,
duubatti na deebise.
Inni qofi na lakkisee,
guyyaa guutuu na gaggasse.
14 «Inni waanjoo cubbuu tiyyaa wolitti hidhee,
morma kiyya irra keyeera.
Isiin guddoo waan ulfaattuuf
hunna na dhooggite.
Waaqi diinota ani dande'ee ifi irraa hin dhooggannetti
dabarsee na kenne.
15 «Waaqi loltoota jajjaboo ani qabu dhidhiiteera;
inni dargaggoota tiyya balleessiisaaf loltoota erge;
kolbaa tiyya akka midhaan woyni'ii cunfe.
16 «Wonni ani imimmaan tiyya
dhangalaasee bowuuf tana:
ka na jajjabeessu waan na irraa fagaateef,
ka na jabeessu hin jiru;
Diinni waan injifateef,
ijoolleen tiyya qofi hatteerti» jetti.
17 Xiyoon harka ifii badhitteerti;
ka isii jajjabeessu ammoo hin jiru.
Ollooti isi'ii duudiin sanyii Yaaqoobiititti
diinota akka itti te'anu Waaqi ajajeera.
Yerusaalem odduu isaaniititti xomorootteerti.
18 Yerusaalem, «Anattuu ajaja isaa dide malee,
Waaqi sirrii godhe.
Isin kolbaan marti dhage'a'a; rakkoo tiyyaalle ilaala'a;
dargaggooti tiyya dhiiraa fi dubartiin marti booji'amaneeran.
19 «Ani jaalota tiyya mara waammadhe;
isaan ammoo na qarqaaruu didatane.
Hayyootaa fi sooreyyiin tiyya
lubbuu ifii jiraachisiisaaf, sagalee adoo barbaadatanuu
karaa qacha'aa keessatti du'ane.
20 «Waaqa kiyya, attam akka rakkadhee,
keessi kiyya laalatee,
gadhaan kiyya raafame ilaali;
kolbaa tiyya alatti shallaagaan,
mana keessatti duuti fixiisatti jirti.
21 «Kolbaan aadiisa kiyya dhageetteerti;
ammoo eennulle na hin jajjabeessine.
Diinoti kiyya marti rakkoo tiyya dhage'anee,
waan ati na irratti gootetti gammadaneeran.
Guyyaa jette san fidiitii,
isaanille akka kiyya te'anuu ti.
22 «Hammeenni isaanii marti si duratti mudhatuu ti;
akkuma cubbuu tiyyaaf na adadde isaanille adabi.
Ani guddoo waan aadeef,
gaggabeera» jetti.