6
1 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een 2 «Seerri nama waan asii gad jiru kana maraan ollaa ifii sobiisaan, ana Mootii Waan Maraa yakkee kana: nami tokko marroo waan magannee itti kenname takkaa yookiin marroo waan qaddii itti kenname takkaa ollaa ifii yoo sobe, ollaa ifii yoo saame, bu'aa dhaggatiisaaf ollaa ifii irratti dhiibbaa yoo tolche, 3 yookiin waan badeeru tokko dhaggee akka hin dhagginiititti dharaan yoo kakate yookiin cubbuu akkanaa tana keessaa takkattiille yoo huje, 4 akka kanaan cubbuu hujee yakkaamessa yoo te'e, inni waan hate yookiin waan saame yookiin waan magannee itti kenname yookiin bu'aa dhaggatiisaaf ollaa ifii irratti dhiibbaa waan tolche yookiin waan baddeertuun dhagge san, 5 yookiin waan akka waan hin dhagginiititti sobaan kakate san maraayyuu deebisuu ti. Guyyaa kennansa sababa yakkaa ifiitiif dhikeessu, gatii isi'iititti harka shan keessaa harka tokko itti dabalee abbaa karraatiif deebisuu ti. 6 Inni horii keessaa korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne, gatii ati itti madaaltetti, kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu ana Mootii Waan Maraatiif gara hayyichaa fiduu ti. 7 Hayyichi waan namichi hujee yakkaa itti te'e san maraaf, fuula kiyya duratti gumaa godhee kennuu ti; namichille araara hin dhaggata» jedhe.
Kennansa Duuduma Gubamu
8 Mootiin Waan Maraa Muuse'een 9 «Aaronii fi ilmaan isaa ajaja kana ajaji: ‹Kun seerata kennansa gubamuu ti: kennansi gubamu halkan guutuu haga bari'iititti addee ciinca'aa irra turuu ti; ibiddille addee ciinca'aa irratti itti bobe'aa buluu ti. 10 Hayyichi lukee nafa isaatitti aantu ta quncee talba'aa irraa hujante hidhatee, woyaa ifii ta quncee talba'aa irraa hujante uffatee, daadhaa kennansa addee ciinca'aatitti gubamuu san irraa fuudhee, addee ciinca'aatiin cina'atti gad naquu ti. 11 Achiin duuba woyaa ifii san jijjiiratee daadhaa san addee quttumaatiin ala addee aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu teetetti geessuu ti. 12 Ibiddi addee ciinca'aa irraa ittuma bobe'uutii malee ijjumaa hin dhaamin. Hayyichi ganama ganama qoraan itti dabaluu ti; kennansa gubamulle ibidda san irratti tarree galchee, moora kennansa tokkumma'aa san irratti gubuu ti. 13 Ibiddi yennaa mara addee ciinca'aa irratti bobe'uutii malee ijjumaa hin dhaamin.
Kennansa Midhaanii
14 « ‹Seerri kennansa midhaanii asii gad jira: Sanyii ilmaan Aaronii keessaa hayyichi tokko addee ciinca'aatiin duratti, kennansa midhaanii ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. 15 Hayyichi bullaa dansaa zayitiin ejersaa itti dhangalaafame san ooboo tokko guutuu, hixaana kennansa midhaanii irra jiru san mara woliin fuudhee, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee, yaadannoo akka te'u, addee ciinca'aa irratti gubuu ti. 16 Ka hafe Aaronii fi ilmaan isaa uukoo malee, badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woldeenna'aatitti addee woyyittii keessatti nyaatanuu ti. 17 Uukoo malee bilcheeffantuu ti. Ani kennansa midhaanii ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa qooda isaanii akka teetuuf kenneera. Isiin akkuma kennansa araara cubbu'uutii fi yakka'aatiif dhikaatuu guddoo woyyitti'i. 18 Sanyii Aaronii keessaa dhiirti martinuu kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu irraa hin nyaatan; kun dhalootaa haga dhalootaatitti qooda isaanii hin te'a. Nami kennansa san tuqe marti woyyuu hin te'a› jedhi» jedhe.
Kennansa Midhaanii Ka Yennaa Hayyichi Guddaan Muudamu Dhikaatu
19 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, 20 «Aaronii fi ilmaan isaa keessaa guyyaa hayyichi guddaan muudamu, kennansi ana Mootii Waan Maraatiif fidanu: bullaa dansaa kennansa yennaa mara dhikaatuuf, kiiloo giraamii lama keessaa gamisa barii, gamisa galgala dhikeessanuu ti. 21 Bullaa zayitii ejersaatiin sukkuumantee akka dansaa wolitti makantee, eelee sibiilaatitti bilcheeffantee, caccaffantee akka kennansa midhaaniititti, ta foolee dansaa qaddu ta ana Mootii Waan Maraa gammachiittu naaf dhikeessanuu ti. 22 Ilmaan Aaronii keessaa hayyichi isa bakka bu'iisaaf muudamelle akkasuma tolchuu ti. Kun ana Mootii Waan Maraatiif seera bara baraa ti. Qooda kiyya waan te'eef duudumaa gubamuu qaba. 23 Kennansi midhaanii ka hayyichi dhikeessu martinuu gubamuu ti malee hin nyaatamin» jedhe.
Kennansa Araara Cubbu'uutiif Dhikaatu
24 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 25 «Aaronii fi ilmaan isaatiin, ‹Kun seera kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuu ti: horiin araara cubbu'uutiif kennamu irraa caalaa woyyuu ka te'e keessaa tokko waan te'eef, addee kennansi gubamu itti qalamutti, fuula ana Mootii Waan Maraa duratti qalamuu ti. 26 Hayyichi kennansa araara cubbu'uu ciincessu addee woyyittii keessatti badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti foon san nyaatuu ti. 27 Wonni foon san tuqe marti woyyuu te'a; dhiigi horii sanii woya'atti yoo faca'e, addeen inni itti faca'e sun addee woyyitti'itti dhiqantuu ti. 28 Okkoteen foon sun itti iffeelame caccabuu qaddi; okkotee sageettuu irraa hujante yoo teete ammoo rigantee bisaaniin dhiqantuu ti. 29 Horiin qalame sun irra caalaa woyyuu ka te'e keessaa tokko waan te'eef, maatii hayyootaa keessaa dhiirti martinuu foon san nyaatanuu ti. 30 Horii araara cubbu'uutiif dhikaatee, dhiigi isaa gumaa cubbu'uutiif Dunkaanii Woldeenna'aa keessa addee irra caalaa woyyittii teete yoo seene, foon horii sanii gubamuutii malee hin nyaatamin.