12
Deyaan Duuba Qulqulloomiisa Dubartootaa
1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2 «Israa'elootaan, ‹Dubartiin ulfoottee ilma yennaa deettu, akkuma xuriin isi'ii ji'uma ji'aan yennaa dhutte battoottu, akka aadaa dhugeeffanna'aatitti guyyaa torbaaf battii hin teeti. 3 Guyyaa saddeeteso'ootitti mucaan haqanqabaa qabatuu ti. 4 Achiin duuba dubartittiin haga xurii ifii irraa qulqulloontutti, guyyaa soddomii sad eegattuu ti. Haga guyyaan qulqulloomiisa isi'ii muummowutti waan woyyuu te'e hin tuqin yookiin gara addee woyyitti'ii hin dhaqin. 5 Yoo durra deette akkuma yennaa xurii isi'ii haga torbaan lamaa battii hin teeti. Achiin duuba isiin xurii ifii irraa qulqulloomiisaaf, guyyaa jaatamii jaa eegattuu ti.
6 « ‹Dubartittiin ilma yookiin intala deettee yennaan qulqulloomiisa isi'ii yennaa muummotte, isiin kennansa gubamuuf buruusoo hoole'ee ka woggaa tokkoo, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu maddoo yookiin saphaliisa seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti gara hayyichaa fidduu ti. 7 Innille cubbuu isi'iitiif gumaa tolchiisaaf fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. Isiille akka aadaa dhugeeffanna'aatitti dhiiga isii irraa dhangala'u irraa hin qulqulloonti. Seerri yennaa dubartiin ilma yookiin intala deettee kana.
8 « ‹Isiin buruusoo hoole'ee dhikeessuu yoo hin dandeenne, saphaliisa lama yookiin maddoo lama takkattii kennansa gubamuuf, takkattii araara cubbu'uutiif dhikeessituu ti; akka kanaan hayyichi cubbuu isi'iitiif gumaa tolchee, isiin hin qulqulloonti› jedhiin» jedhe.