14
Seera Dhukkuba Goga'aa Farrisiisaa Irraa Qulqulloomiisaa
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Seerri nama dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu akka aadaa dhugeeffanna'aatitti akka inni qulqulloomuuf gara hayyichaa yennaa fidanuu ka asii gad jiru: Hayyichi addee quttumaatiin alatti bayee nama dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu san qorqoruu ti. Nami sun dhukkuba san irraa fayyee yoo jiraate, hayyichi sinbirroota qulqulluu lama ta lubbu'uun jirtu, muka hindheensaa, liilana dhiille'ee fi baala muka hisoophii namicha qulqulleeffamu saniif akka fidanu ajajuu ti. Achiin duuba hayyichi sinbirroota san keessaa takkattii, okkotee bisaan maddaa keessa jiru irratti akka qalantu ajajuu ti. Achiin duuba sinbirree lubbu'uun jirtu san fuudhee muka hindheensaa, liilana dhiille'ee fi baala muka hisoophii woliin dhiiga sinbirree okkotee bisaan maddaa keessa jiru irratti qalante san keessa cuuphuu ti. Dhiiga nama dhukkuba goga'aa farrisiisaa irraa qulqulleeffamu sanitti yennaa torba fiffixee akka inni qulqulluu te'e beessisuu ti. Achii duuba Sinbirree lubbu'uun jirtu san diidatti gad lakkisuu ti.
«Nami qulqulloome sun woyaa ifii dhiqatuu ti; rifeensa ifii mara haadatee, nafa ifii bisaaniin dhiqatuu ti; achiin duuba inni akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu hin te'a. Tanaan duuba addee quttumaatitti deebi'uu ti; te'uu malee haga guyyaa torbaa dunkaanii ifiititti adoo hin galin ala turuu ti. Guyyaa torbeesso'ootitti ammalle rifeensa ifii mara haadatuu ti; rifeensa mata'aa, ka areeda, ka gaara ilaatii fi ka nafa ifii irraa mara haadatuu ti; woyaa ifii dhiqatee, nafa ifiille bisaaniin dhiqatuu ti; achiin duuba inni qulqulluu hin te'a.
10 «Guyyaa saddeetesso'oo ammoo buruusoo korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi gorontii hoole'ee buruusoo takkattii ta woggaa tokkoo ta fafa hin qanne dhikeessuu ti; akkasuma kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama jaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumantee fi zayitii ejersaa buttullee tokko*Buttullee tokko: Buttulleen tokko kun litirii tokko keessaa harka tokko hin te'a. fiduu ti. 11 Hayyichi akka inni qulqulloome beessisu sun namicha qulqulloomuu fi kennansa inni kenne san woliin gara Dunkaanii Woldeenna'aa fuula Mootii Waan maraa dura dhikeessuu ti.
12 «Achiin duuba hayyichi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san keessaa tokko fuudhee, zayitii ejersaa buttullee tokko woliin kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu, kennansa tachoofamu fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. 13 Inni buruusoo korbeessa hoole'ee san addee woyyittii kennansi araara cubbu'uutii fi kennansi gubamu qalamutti qaluu ti. 14 Hayyichi dhiiga buruusoo korbeessa hoole'ee ka kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuu san irraa diqqaa isaa fuudhee, qaccee gurra namicha qulqulloomuu san ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa dibuu ti. 15 Hayyichi zayitii ejersaa san irraa diqqoo isi'ii fuudhee barruu harka ifii bitaachaatitti dhangalaasuu ti; 16 Quba ifii ka harka middichaa zayitii barruu harka isaa bitaacha keessa jirtu keessa cuuphee yennaa torba Mootii Waan Maraa duratti fiffixuu ti. 17 Zayitii ejersaa ta barruu harka isaa keessatti hatte san qaccee gurra namicha qulqulloomuu san ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa dhiiga kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatee san irratti dabalee dibuu ti. 18 Zayitii ejersaa ta barruu harka isaatitti hatte san hayyichi mataa namicha qulqulloomuu san dibee, Mootii Waan Maraa duratti gumaa isaaf godhuu ti.
19 «Achiin duuba hayyichi kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu san ciincessee, nama battummaa ifii irraa qulqulloomu saniif gumaa godhuu ti. Saniin duuba horii kennansa gubamuu san qalee, 20 addee ciinca'aa irratti kennansa midhaanii woliin dhikeessee, gumaa isaaf godhuu ti; innille qulqulluu hin te'a.
21 «Te'uu malee, nami sun hiyyeessa te'ee waan kana dhikeessuu yoo dadhabe, cubbuu ifiitiif gumaa godhiisaaf, kennansa tachoofamu ka sababa yakka'aatiif dhikaatu buruusoo korbeessa hoole'ee tokko fuudhee, kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloo lama, zayitii ejersaa buttullee tokko woliin fiduu ti. 22 Akkasuma saphaliisa lama yookiin maddoo lama keessaa ka dande'u, takkattii kennansa araara cubbu'uutiif, takkattii kennansa gubamuuf dhikeessuu ti.
23 «Isaan kana guyyaa saddeetesso'oo qulqulloomiisa ifiitiif seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti fuula kiyya duratti gara hayyichaa fiduu ti. 24 Hayyichi buruusoo korbeessa hoole'ee ka sababa yakka'aatiif dhikaatu san fuudhee, zayitii ejersaa buttullee tokko woliin kennansa tachoofamu ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. 25 Inni buruusoo korbeessa hoole'ee ka sababa yakka'aatiif dhikaate san qalee, dhiiga isaa irraa diqqaa isaa fuudhee, qaccee gurra namicha qulqulloomuu san ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa dibuu ti. 26 Hayyichi zayitii ejersaa san irraa diqqoo isi'ii fuudhee barruu harka ifii bitaachaatitti dhangalaasuu ti. 27 Quba ifii ka harka middichaatiin barruu harka ifii keessaa zayitii ejersaa san diqqoo isi'ii yennaa torba ana Mootii Waan Maraa duratti fiffixuu ti. 28 Zayitii ejersaa diqqoo ta barruu harka isaa keessa jirtu san irraa diqqoo isi'ii adduma dhiiga horii sababa yakka'aatiif dhikaate dibe san, qaccee gurra namicha qulqulloomuu san ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa itti dabalee dibuu ti. 29 Hayyichi zayitii ejersaa ta barruu harka isaatitti hatte, gumaa cubbu'uu isaaf tolchiisaaf, ana Mootii Waan Maraa duratti, mataa namicha qulqulloomu saniititti dibuu ti. 30 Achiin duuba inni saphaliisa yookiin maddoo namichi fiduu dande'e san ciincessuu ti. 31 Takkattii kennansa araara cubbu'uutiif taan ammoo kennansa gubamuuf, kennansa midhaanii woliin dhikeessuu ti. Akka kanaan hayyichi namicha qulqulloomu saniif fuula ana Mootii Waan Maraa duratti gumaa hin tolcha» jedhe. 32 Kun Seera nama dhukkuba farrisiisa'aan qabamee, hiyyeessa waan te'eef, ittiin qulqulloomiisaaf, kennansa barbaachisaa te'e kennuu dadhabee ti.
Dhukkuba Goga'aa Farrisiisaa Mana Keessaa Irraa Akka Ittiin Qulqulloomanu
33 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, 34 «Lafa kana'aanii, ta ani qooda keessan godhee isiniif kennu sanitti yennaa galtanu, ani mana lafa sanii tokko keessatti dhukkuba goga'aa farrisiisaa yoo buuse, 35 abbaan mana sanii gara hayyichaa dhaqee, ‹Waan dhukkuba goga'aa farrisiisaa fakkaatu mana kiyya keessatti dhaggeera› jedhee hayyichatti himuu ti. 36 Hayyichi mana san dhaqee dhukkuba goga'aa farrisiisaa san adoo hin qorqoriniin dura, mey mana san keessa jiru marti akka hin battoonne, mana keessaa akka gad baasanu ajajuu ti; achiin duuba hayyichi mana san seenee qorqoruu ti. 37 Hayyichi dhukkuba goga'aa farrisiisaa san dhaaba manaa irra qorqoruu ti; wonni bifa magariisaa yookiin diintuun dhaaba mana dhaka'aa boollessitee yoo dhaggante, 38 Hayyichi mana keessaa bayee guyyaa torbaaf mana san cufuu ti. 39 Guyyaa torbeesso'ootitti hayyichi deebi'ee mana san qorqoruu ti; dhukkubi sun dhaaba mana dhaka'aa irra faffaca'ee yoo jiraate, 40 hayyichi dhakaan dhukkubi goga'aa farrisiisaan irratti dhaggame sun hoqonqolamee bayee qacha'aan alatti addee batti'itti akka gatamu ajajuu ti. 41 Saniin duuba inni dhaaba mana dhaka'aa san mara gara keessaatiin irraa duguugee, waan irraa hoqooqame san qacha'aan alatti addee batti'itti akka gatamu godhuu ti. 42 Achiin duuba dhakaa dhibii fidanee addee dhakaa kaan baasanetti keyanee, faara haareyaan dhoobbanuu ti.
43 «Dhakaan keessaa bayee, dhaabi mana dhaka'aa sun hoqooqamee dhoobbameen duuba dhukkubi deebi'ee mana keessatti yoo mudhate, 44 hayyichi dhaqee qorqoruu ti; dhukkubi sun mana keessa faffaca'ee yoo jiraate, dhukkuba goga'aa farrisiisaa hama'a; manni sunille batti'i. 45 Manni sun diigamee, dhakaan isaa, muki isaa, faarri isaa ka itti dhoobbame marti qacha'aan alatti addee batti'itti gatamanuu ti. 46 Manni sun cufameeruun nami tokko keessa yoo seene, nami sun haga galgalaatitti battii hin te'a. 47 Nami mana san keessa rafe yookiin keessatti nyaate woyaa ifii dhiqatuu ti.
48 «Manni sun dhoobbameen duuba hayyichi dhufee yoo qorqoru ammoo, dhukkubi goga'aa farrisiisaan sun mana san keessa faffaca'ee yoo hin jiraatin, dhukkubi sun waan badeeruuf, manni sun qulqulluu akka te'e hayyichi beessisuu ti. 49 Mana san qulqulloonsiisaaf, inni sinbirree lama, muka hindheensaa, liilana dhiille'ee fi baala hisoophii dhikeessuu ti. 50 Sinbirroota san keessaa takkattii okkotee bisaan maddaa keessa jiru irratti qaluu ti. 51 Achiin duuba muka hindheensaa, baala muka hisoophii, liilana dhiille'ee fi sinbirree lubbu'uun jirtu san fuudhee, dhiiga sinbirree qalanteetii fi bisaan maddaa ka okkotee keessa jiru san keessa cuuphee mana sanitti yennaa torba fiffixuu ti. 52 Inni dhiiga simbirre'eetiin, bisaan maddaatiin, sinbirree lubbu'uun jirtuun, muka hindheensaatiin, baala muka hisoophiitii fi liilana dhiille'een mana san qulqulloonsuu ti. 53 Achiin duuba inni sinbirree lubbu'uun jirtu san qacha'aan alatti diidatti gad lakkisuu ti. Akka kanaan inni mana saniif gumaa tolchee, manni sun qulqulluu hin te'a» jedhe.
54 Seerri kun seera dhukkuba goga'aa farrisiisa'aa, dhukkuba citto'oo, 55 dhukkuba goga'aa farrisiisaa ka woyaa keessaa yookiin ka mana keessaa, 56 ka iitaa, ka robbi'ii yookiin ka baarile'ee ti. 57 Wonni tokko qulqulluu akka te'e yookiin qulqulluu akka hinte'in isaan kanaan beekkama.
Seerri kun seera marroo dhukkuba gosa kana maraa ti.

*14:10 Buttullee tokko: Buttulleen tokko kun litirii tokko keessaa harka tokko hin te'a.