19
Seera Adda Addaa
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kolbaa Israa'elii duudi'iin, ‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan woyyicha waan te'eef, isinille woyyuu te'a'a. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; isin marti abba'aa fi haadha teessaniif ulfinna kenna'a; guyyaa Sanbataa kiyya eeggadha'a.
« ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; isin gara waaqota dharaa hin deebi'ina'a yookiin waan baqisiifamu irraa waaqota dharaa hin hujatina'a.
« ‹Kennansa tokkumma'aa ana Mootii Waan Maraatiif ciincessiisaaf yennaa dhikeessitanu, akka fudhatama qabaatutti dhikeessa'a. Ciincaan sun guyyuma isin dhikeessitane san yookiin guyyaa itti aanu nyaatamuu ti; ka irraa hafee haga guyyaa sadii geye gubamuu ti. Guyyaa sadeesso'ootitti yoo nyaatane, battii waan te'eef, ciincaan sun fudhatama hin qabu. Nami isa nyaate waan Mootii Waan Maraatiif woyyoome waan batteesseef, itti hin gaafatama; nami sun kolbaa ifii keessaa bawuu ti.
« ‹Lafa teessan irraa midhaan yennaa galfattanu, midhaan irga ficha'aa jiru hin haammatina'a yookiin woxoo hin qocatina'a. 10 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; midhaan woyni'ii yennaa wolitti qabattanu, ka damee irratti hafe yookiin ka lafatti harca'e hiyyeessaa fi nama ormaa ka odduu teessan le'uuf lakkisa'a malee, deebitanee woxoo hin qocatina'a.
11 « ‹Hin hatina'a! Dhara hin dubbatina'a! Wol hin sobina'a!
12 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; maqaa kiyyaan dharaan kakatanee, maqaa kiyya hin batteessina'a. 13 Nama hin sobina'a yookiin hin saamina'a; mindaa nama qaxartanee adoo hin kaffalin hin bulchina'a. 14 Ani Mootii Waan Maraa ti; ana Waaqa keeti sodaadhu malee, nama gurra duuda'aa hin abaarina'a yookiin nama ballaa dura gufuu hin keyina'a.
15 « ‹Haqa hin dassina'a; nama maraaf muraa dhuga'aa kenna'a malee, hiyyummaa isaa ilaaltanee hiyyeessaaf hin golina'a; dureessalle durummaa isaatiif ulfinna hin kennina'a.
16 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; kolbaa teessan keessa asii fi achi deemaa hin hamatina'a. Waan lubbuu namaa balleessu tokkolle hin hujina'a.
17 « ‹Ati gadhaa keeti keessatti obboleessa keeti hin jibbin; Yakkaa isaatiif gorsa isaaf kenni malee, sababa isaatiif yakkaamessa hin te'in. 18 Ani Mootii Waan Maraa ti; ati akka ifi jaalattu nama jaaladhu malee, haluu hin bayin, quuqaalle itti hin qabatin.
19 « ‹Seera kiyya eegadha'a. Horii gosa gara garaa wol hin dhaggachiisina'a. Sanyii gosa gara garaa lama fichaa tokko keessatti hin facaasina'a. Woyaa waan gosa lamaa irraa dhowante hin uffatina'a.
20 « ‹Nami tokko garbittii nama dhibi'iif kadhatante yoo woliin rafe, isiin ta wodante yookiin ta bilisa baate yoo hin te'in, itti gaafatamuu ti! Te'uu malee dubartiin sun waan bilisa hin bayiniif isaan hin ijjeefamanu. 21 Namichi garuu kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu korbeessa hoole'ee tokko seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. 22 Hayyichi ammoo korbeessa hoole'ee kennansa sababa yakka'aatiif dhikaate san cubbuu namichi hujeef, ana Mootii Waan Maraa duratti gumaa tolchuu ti; cubbuu isaatiifille araarri hin kennama.
23 « ‹Isin lafa Kana'aaniititti galtanee muka midhaan isaa nyaatanu yennaa dhaabbatane midhaan muka sanii nyaatiis akka dhooggame beeka'a; woggaa sadiif midhaan muka sanii hin nyaatina'a. 24 Woggaa arfeesso'ootitti ammoo midhaan muka sanii marti kennansa galataa ka ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome hin te'a. 25 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; Woggaa shaneesso'ootitti ammoo midhaan muka sanii nyaadha'a; akka kanaan midhaan isin galfattanu isiniif hin misa.
26 « ‹Foon dhiigi keessa jiru hin nyaatina'a. Moruu yookiin xanoo hujiisa hin baratina'a.
27 « ‹Rifeensa mataa keessanii jala hin quxatina'a, areeda keessanille gabaassitanee hin muratina'a.
28 « ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; nama du'eef nafa ifi hin ciccirina'a. Nafa keessanille hin naqqafatina'a.
29 « ‹Latti gara sagaagalumma'aa akka hin deebine yookiin hammeennaan akka hin guutane, intala teeti hin batteessin.
30 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; Sanbata kiyya eeggadha'a; addee woyyittii tiyyaaf ulfinna kenna'a.
31 « ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; isin akka hin battoonneef gara worra ekeraa dubbisuu hin dhaqina'a yookiin moruu hin barbaadatina'a.
32 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; Waaqa keeti sodaadhu! Nama guddaa duraa ka'i; jaarsaaf ulfinna kenni.
33 « ‹Nami ormaa lafa teessan keessa isin woliin yennaa le'u, isa hin cunqursina'a. 34 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; nama ormaa ka isin woliin le'u akkuma nama dhalataa biyya keessaniititti ilaala'a; isinille biyya Gibxi'iititti orma teetanee waan turtaneertanuuf, akkuma ifi jaalattanu isa jaaladha'a.
35 « ‹Miki'iin*Miki'iin: Mikiin meeshaa haga woyii beekiisaaf itti fayyadamanu., waan ittiin madaaltanuu fi waan ittiin safartanuun nama hin sobina'a. 36 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baase! Mikii, madaallii, waan ittiin safartanuu fi waan dhangala'u waan ittiin safartanu ka sirrii te'etti fayyadama'a.
37 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; seerataa fi seera kiyya mara eeggadha'aatii hordofa'a› jedhi» jedhe.

*19:35 Miki'iin: Mikiin meeshaa haga woyii beekiisaaf itti fayyadamanu.