9
Yesuus Ergantoota Kudhanii Lamaan Erge
(Mar. 10:5-15; Mar. 6:7-13)
1 Yesuus ergantoota kudhanii lamaan wolitti waamee, akka dhukkuba fayyisanuu fi durriisota baasanu hunnaa fi baallii isaaniif kenne. 2 Achiin duuba mootummaa Waaqaa akka lallabanuu fi worra dhibamaa akka fayyisanu erge. 3 Inni isaaniin, «Ideemiisa kara'aatiif womaa hin qabatina'a: ulee yookiin korojoo, galaa yookiin beesee, woyaa uffattane malee ta dhibii hin qabatina'a. 4 Mana seentanu maratti, qachaa sanii baatanee haga deentanutti achuma tura'a. 5 Yoo kolbaan isin fudhatiisa dhadde, akka beessisa isaanitti teetu bukuu miila keessanii hargufadha'aatii qachaa sanii deema'a» jedhe. 6 Maarre ergantooti achii bayanee olloota maraa keessa Oduu Gammadaa lallabaa, kolbaa fayyisaa deemane.
Mamiisa Heroodisii
(Mat. 14:1-12; Mar. 6:14-29)
7 Kolbaan gariin Yohaannisiin Cuuphaan du'aa ka'eera jedhiisatti waan jirtuuf, bulchaan Galiila'aa Heroodis, waan te'iisatti jiru mara dhage'ee, guddoo mame. 8 Worri dhibiin Eliyaas mudhateera, worri dhibiille raagota durii keessaa tokkochatti du'aa ka'eera jedhane. 9 Heroodis, «Ani morma Yohaannisii mureeraayyu; nami ani waan isaa dhage'u kun ammoo eennu inni?» jedhe. Isa dhaggiisaafille barbaade.
Yesuus Nama Kuma Shan Areere
(Mat. 14:13-21; Mar. 6:30-44; Yoh. 6:1-14)
10 Ergantooti deebi'anee waan hujane mara Yesuusitti himane. Achiin duuba inni isaan qofa fudhatee, gara qachaa Betsayidaa jedhamuu tokko dhaqe. 11 Kolbaan marroo waan kanaa yennaa dhageette, isa hordotte. Innille isaan fudhatee, marroo mootummaa Waaqaa barsiisee, worra dhibee irraa fayyiisi barbaachiselle fayyise. 12 Yennaa latti galgalootte, barattooti kudhanii lamaan gara Yesuusii dhufanee, «Addeen nuuti jirru tun lafa qoommii waan teeteef, gara olla'aa fi oorruu adaala kanaa dhaqanee waan nyaatanuu fi addee buli'ii akka barbaadatanu kolbaa tana gad lakkisi» jedhane. 13 Yesuus ammoo, «Isinuu waan isaan nyaatanu kenna'aaf» isaaniin jedhe.
Isaan ammoo, «Yoo dhandhee sagalee kolbaa tana duudi'iif geettu binne malee, nuuti daabboo xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa qanna» jedhane. 14 Dhiirti gara kuma shanii achi jirtiiyyu.
Yesuus barattoota ifiitiin, «Akka namooti cinna shantama shantamaan tee'anu tolcha'a» jedhe.
15 Barattooti akkuma inni jedhe nama maraa teessisane. 16 Yesuus daabboo xaltaa shanii fi qurxummii lama fuudhee, gara ol-gubba'aa ilaalee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, kolba'aaf akka qoodanu barattootatti kekenne. 17 Isaan martinuu nyaatanee quufanee, hambaa irraa hatte barattooti kollonjoo kudhanii lama fuudhane.
Pheexroos Ebeluu Yesuusii Hime
(Mat. 16:13-19; Mar. 8:27-29)
18 Gaafa tokko yennaa Yesuus qofii ifii daadimatiisatti jiru, barattooti isaa gara isaa dhufane. Inni, «Namooti eennu anaan jedhan?» jedhee isaan gaafate. 19 Isaanille, «Gariin Yohaannisii cuupha'a si'iin jedhan; gariin Eliyaas si'iin jedhan; worri dhibiin raagota durii keessaa tokkochatti du'aa ka'eera si'iin jedhan» jedhanee deebisane.
20 Yesuus, «Isin hoo eennu anaan jettan?» jedhee isaan gaafate.
Pheexroos deebisee, «Ati Masiihii Waaqaa ti» jedheen.
Yesuus Marroo Rakko'oo Fi Du'a Ifii Dubbate
(Mat. 16:20-28; Mar. 8:30—9:1)
21 Achiin duuba Yesuus waan kana eennulle'etti akka hin hinne jabeessee isaan ajaje. 22 Inni itti dabalee, «Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota seeraatiin tuffatamee guddoo rakkata, hin ijjeefama, guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a» jedhee isaanitti hime. 23 Achiin duuba isaan maraan, «Nami na hordofiisaa barbaadu yoo jiraate, ifi mormatuu ti, guyyuma guyya'aan fannoo ifii ba'atee, na hordofuu ti. 24 Nami jiruu ifii fayyifatiisaaf barbaadu jiruu ifii hin balleessa, ammoo yoo naaf jedhee jiruu ifii balleesse jiruu ifii hin fayyifata. 25 Nami biyya lafaa duudii qabaatee jiruu ifii yoo balleesse yookiin dhidhise maan isaa baati? 26 Nama anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatu, Ilmi Namaa ulfinna ifii, ulfinna abbaa ifiitii fi ergantoota woyyootaatiin yennaa dhufu itti hin fokkifata. 27 Ani dhugumaan isinitti hima, namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa adoo hin du'in, Mootummaa Waaqaa ka dhagganu hin jiran» jedhe.
Jijjiiramiisa Bifa Yesuusii
(Mat. 17:1-8; Mar. 9:2-8)
28 Yesuus waan kana dubbatee, gara guyyaa saddeetiitiin duuba Pheexroos, Yohaannisii fi Yaaqoob fudhatee daadimatiisaaf gara gaaraa ol baye. 29 Adoo inni daadimatiisatti jiruu bifi fuula isaa jijjiiramee woyaan isaalle adii calalaxxu teete. 30 Dedhuma namooti lamaan Muuse'ee fi Eliyaas isa woliin dubbatiisatti jiranuun dhaggane. 31 Isaan ulfinna ol-gubba'aatiin mudhatanee marroo waan Yesuus du'iisaan Yerusaalemitti muummessu'uu jiruu dubbatiisatti jiraniiyyu. 32 Pheexroosii fi worri isa woliin jiranu dunquuqquu hirriiba irra jiran; yennaa dammaqane ammoo ulfinna Yesuusiitii fi namoota lamaan ka isa woliin dhaabbatiisatti jiranu dhaggane. 33 Akkuma namooti lamaan Yesuus lakkisanee deemaneen, Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisa'a! Asitti dhaggamuun keenna waan dansa'a; gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaarra» jedhe; Pheexroos waan dubbatiisatti jiruuyyuu hin beenne. 34 Adoo inni dubbatiisatti jiruu, duumensi dhufee gaaddisa ifiitiin isaan golle; barattootille duumensa keessa yennaa seenane sodaatane. 35 Duumensa keessaa, «Kun Ilma kiyya, ka ani filadhe; isa dhage'aa!» qoonqoon jettu dhage'ante. 36 Qoonqoon dhage'anteen duuba, Yesuus qofi jiruun dhaggane. Barattootille cadhisane malee, waan yennaa san dhaggane mara nama tokkolle'etti hin hinne.
Yesuus Mucaa Ayyaana Hama'aan Qabame Fayyise
(Mat. 17:14-18; Mar. 9:14-27)
37 Guyyaa itti aanu Yesuusii fi barattooti isaa sadiin yennaa gaara irraa gad bu'anu, gumiin guddoon Yesuusiin wol dhaggite. 38 Gumii keessaa nami tokko qoonqoo guddo'oon, «Barsiisa'a! Akka ati ilma tokkocha kiyya naa laaltuuf, si kadhadha. 39 Ayyaanni hamaan dedhuma itti ka'aa iyyisiisa, lafatti isa dhowee wixirachiisee, afaan isa hoomacheessa; miidhaa tureen duuba farra jaddu'uun gad lakkisa. 40 Ani akka barattooti teeti baasanuuf kadhadhe; isaan ammoo hin dandeenne» jedhe. 41 Yesuus deebisee, «Isin dhaloota dhugeeffannaa hin qannee fi jalliyyee kana! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Me mucaa keeti as fidi» jedhe.
42 Adoo mucaan gara Yesuusii dhufiisatti jiruu, ayyaanni hamaan lafatti isa dhowee wixirachiise. Yesuus ammoo ayyaana hamaa san xixee, mucaa fayyisee, abbaa isaatiif deebisee kenne. 43 Kolbaan marti guddinna hunna Waaqaa baaseffatte.
Yesuus Ammalle Marroo Du'aa Fi Du'aa Ka'a Ifii Dubbate
(Mat. 17:22,23; Mar. 9:30-32)
Kolbaan martinuu waan Yesuus hojjate maraa adoo maalalfattuu, inni barattoota ifiitiin, 44 «Dubbii ani isinitti himu tana gurratti fudhadha'a! Ilmi namaa dabarfamee harka ilmaan namootaatitti hin kennama» jedhe. 45 Barattooti ammoo dubbii tana hin hubanne. Hiikkaan isaan duraa waan dhokatteertuuf hubatuu hin dandeenne; dubbii tana isa gaafatiisalle sodaatane.
Ka Caalu Eennu?
(Mat. 18:1-5; Mar. 9:33-37)
46 Barattoota oddu'utti isaan keessaa ka caalu eennu akka te'e wol mormiin kaate. 47 Yesuus yaada isaanii beekee, daa'ima tokko fuudhee, cinaa ifii dhaabbachiisee, 48 isaaniin, «Daa'ima kana maqaa kiyyaan ka fudhatu na fudhata; ka ana fudhatu, ka na ergelle fudhata. Nami isin maraa keessaa gade'ee isin maraa caala» jedhe.
Ka Isiniin Hin Mormine Golii Teessan
(Mar. 9:38-40)
49 Yohaannis deebisee, «Barsiisa'a, namichi tokko maqaa keetiin durriisota baasuun dhagginee, waan inni golii teenna te'uu dhabeef, isa dhooggine» Yesuusiin jedhe. 50 Yesuus ammoo, «Ka isiniin hin mormine mara golii teessan waan te'eef, isa hin dhooggina'a!» jedhe.
Ollaan Samaariya'aa Yesuus Fudhatuu Dide
51 Yennaan Yesuus gara ol-gubba'aa fudhatamu dhikaannaan, gara Yerusaalemii deemiisaaf muratee ka'e. 52 Gara ollaa Samaariya'aa dhaqanee waan mara akka isaaf qopheessanuuf, inni ergantoota ifiin dura erge. 53 Kolbaan ollaa sanii ammoo akka inni gara Yerusaalemii deemiisatti jiru waan beetteef, isa fudhatiisa didde. 54 Barattooti isaa Yaaqoobii fi Yohaannis waan kana yennaa dhaggane, «Gootta'a, ibiddi ol-gubbaa irraa bu'ee akka isaan balleessu akka ajanyu hin eeyyantaa?» jedhane. 55 Yesuus ammoo garagalee isaan xixee, [ «Isin ayyaana attamii irraa akka teetane hin beettanu; Ilmi Namaa lubbuu namaa fayyisiisaaf malee balleessiisaaf hin dhunne»]*Woraabbiin gariin hima kana hin qabu jedhe. 56 Achiin duuba isaan gara ollaa dhibi'ii ka'anee deemane.
Jara Sadiin Yesuus Hordofiisaaf Barbaadde Takka
(Mar. 8:19-22)
57 Adoo isaan karaa ideemiisatti jiranuu, namichi tokko Yesuusiin, «Addee ati dhaxxu mara ani si faana dhaqa» jedhe. 58 Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qaddi; sinbirreelle mana qaddi; Ilmi namaa ammoo addee mataa ifii itti irkifatu hin qabu» jedhe.
59 Nama dhibi'iin, «Na hordofi» jedhe.
Nami sun ammoo, «Goottaa, dursee dhaqee abbaa kiyya awwaaladha naa eeyyam» jedhe.
60 Yesuus deebisee, «Du'aan du'aa ifii awwaalatuu ti. Ati ammoo dhaqiitii mootummaa Waaqaa lallabi» jedhe.
61 Achiin duuba ammalle nami dhibiin, «Gootta'a, ani si hordofa; ammoo dursee dhaqee maatii tiyyaatii nageya akka dhaamuuf naa eeyyami» jedhe. 62 Yesuus isaan, «Nami qottoo†Qottoo: Qottoon meeshaalee adda addaa ka ittiin lafa qottanu ilaala harkatti qabatee, ifiin duuba ilaalu mootummaa Waaqaatiif hin te'u» jedhe.