15
Mammaassa Hoolee Baddee
(Mat. 18:12-14)
Gaafa tokko worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin dubbii Yesuusii dhage'iisaaf gara isaa dhufane. Fariisaayotaa fi barsiisoti Seeraa ammoo, «Namichi kun cubbaaleyyii hin fudhata, isaan wolille'een nyaata» jedhanee itti gungumane.Luq. 5:29-30 Tanaaf Yesuus itti mammaakee, «Isin keessaa hoolee dhibba ka qabu, dhibba san keessaa hooleen takkattiin yoo duraa badde, sagaltamii sagali diidatti lakkisee hoolee badde san haga dhaggutti barbaadiisaaf ka hin baane eennu? Yennaa dhagge gammadee gurmuu ifii irratti kaafatee, gara mana ifii gala. Achiin duuba lansootaa fi olloota ifii waamee, ‹Hoolee tiyya ta badde waan dhaggeef na woliin gammada'a!› hin jedha. Ani isinitti hima, akkuma kana, balchoota sagaltamii sagali ka cubbuu irraa deebi'iisi hin barbaachinne caalaa, cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yoo deebi'e ol gubba'atti gammadi guddaan hin te'a» jedhe.
Mammaassa Maallaqa Badee
Yesuus itti aansee, «Dubartiin saantii maallaqaa kudhan*Saantii maallaqaa kudhan: Saantiin maallaqaa yookiin meeti'ii takkaan, hojjataa tokkoof mindaa guyyaa tokkoo ti qaddu takka kudhan san keessaa takkaan yoo badde, ifa issitee, mana ifii hartee haga dhaggitutti miidhassitee hin barbaaddii motii? Yennaa dhaggite lansootaa fi olloota ifii waantee, ‹Saantii Maallaqaa tiyya, ta na duraa badde waan dhaggeef na woliin gammada'a!› isaaniin hin jetti. 10 Ani isinitti hima; akkuma kana cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yennaa deebi'u ergantooti Waaqaa hin gammadan» jedhe.
Mammaassa Ilma Badee
11 Yesuus itti aansee, «Namichi tokko ilmaan lamaan qaba. 12 Maandhich abba'aan ‹Abbaa kiyya, karra teeti keessaa qooda na gewu naaf kenni!› jedhe. Maarre abbaan karra ifii isaaniif qoode. 13 Guyyoota diqqa'aan duuba ilmi maandhich karra isa geette mara wolitti qabatee gara biyya fago'oo deeme; achitti le'ii badduu le'iisaan karra ifii mara bittinneesse. 14 Waan qabu maraa fixateen duuba, beelti jadduun biyya sanitti gallaan rakkate. 15 Maarre worra biyya sanii keessaa namicha tokkoof hujiisaaf itti gale; namichille akka inni booyyee isaa tissuuf gara fichaa ifii erge. 16 Inni qollofa booyyeen nyaattu nyaatee gadhaa guutatiisaaf kajeele, ammoo namuu wo itti hin kennine.
17 «Duuba inni gara yaada ifii deebi'ee, ‹Hojjattooti abbaa kiyyaa ta sagalee nyaattee hambaa hambittu meeqa? Ani ammoo asitti beelaan du'aara. 18 Ka'ee gara mana abbaa kiyyaa dhaqee, abbaa kiyyaan: Ani Waaqaa fi si yakkeera; 19 haganaa achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle; hojjattoota teeti keessaa akka hojjataa tokkoo na godhadhu jedhaan› jedhe.
20 «Maarre inni ka'ee gara abbaa ifii deebi'e. Abbaan isaa ammoo, adoo inni fagoo jiruu isa dhaggee, nayeefii itti fiigee hanqafatee sunqate.
21 «Ilmi isaa ammoo, ‹Abbaa kiyya, ani WaaqaaWaaqa: Hiikkaan gariin ol-gubbaa jedha fi si yakkeera. Haganaa achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle› jedheen.
22 «Abbaan isaa ammoo tajaajiltoota ifiitiin, ‹Ariifadha'aatii, woyaa, woyaa mara caaltu fida'aatii itti uffisa'a; qubee qubatti, kopheelle miilatti keya'a! 23 Achiin duuba dardara coomaa fida'aatii qala'a, nyaataa jilifanna. 24 Ilmi kiyya kun du'eeraayyu, amma ammoo jiraateera, badeeraayyu amma ammoo dhaggameera› jedhe. Maarre isaan jilifachuu jalqabane.
25 «Yennaa tana ilmi angafichi fichaa keessa jiraayyu. Yennaa deebi'ee manatti dhikaate weeddu'uu fi sirba dhage'e. 26 Maarre inni tajaajiltoota keessaa tokko gara ifii waamee, ‹Maanti maan te'e?› jedhee gaafate. 27 Tajaajilaan deebisee, ‹Obboleessa keetittuu deebi'ee gale; waan inni nageyaa fi fayya'aan galeef, abbaan keeti dardara coomaa qalchiise› jedheen. 28 Ilmi angafichi aaree mana seenuu dide; maarre abbaan gad itti bayee, akka inni mana seenuuf isa magannifate. 29 Inni ammoo deebisee abbaa ifiitiin, ‹Ilaa, ani woggoota kana duudii akka garbichaa si'iif hujaa ture, ajaja keetille ijjumaa didee hin beeku; ati ammoo akka ani lansoota tiyya woliin gammaduuf buruusoo re'e'eelle ijjumaa naaf kennitee hin beettu! 30 Amma ammoo ilmi keeti kun karra teeti sagaagaltoota woliin fixee, deebi'ee dhufee jennaan, dardara coomaa isaaf qalte!› jedhe. 31 Abbaan deebisee, ‹Ilma kiyya, ati yennaa mara na woliin as jirta, wonni ani qabulle maraa teeti. 32 Obboleessi keeti kun ammoo du'eeraayyu, amma ammoo jiraateera; badeeraayyu amma ammoo dhaggameera; waan kanaaf nuuti jilifannee gammaduu qanna› jedheen» jedhe.

15:2 Luq. 5:29-30

*15:8 Saantii maallaqaa kudhan: Saantiin maallaqaa yookiin meeti'ii takkaan, hojjataa tokkoof mindaa guyyaa tokkoo ti

15:21 Waaqa: Hiikkaan gariin ol-gubbaa jedha