22
Yesuus Ijjeesiisaaf Mari'atane
(Mat. 26:1-5,14-16; Mar. 14:1-2,10-11; Yoh. 11:45-53)
1 Jilti Daabboo Uukoo Hin Qannee, ta Jila Irra Dabarama jedhantu dhikaatteertiiyyu. 2 Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee kolbaa waan sodaataneeranuuf, karaa Yesuus ittiin ijjeesanu barbaadane.
3 Achiin duuba Seexanni, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, Yihudaa nama biyya Keriyootii seene. 4 Maarre Yihudaan dhaqee sooreyyii hayyootaatii fi qondaaltota*Qondaaltota: Dura aantota eedduu Galma Waaqaa woliin attamiin akka Yesuus dabarsee isaaniif kennu mari'ate. 5 Isaan guddoo gammadanee beesee isaaf kenniisaaf wolii galane. 6 Maarre Yihudaan wolii galee, addee gumiin hin jirretti Yesuus dabarsee isaaniif kenniisaaf, yennaa dagu'uu barbaadatiisatti ka'e.
Qophii Sagalee Jila Irra Dabaramaa
(Mat. 26:17-30; Mar. 14:12-21; Yoh. 13:21-30)
7 Achiin duuba guyyaan Jila Daabboo Uukoo Hin Qannee, ka hooleen Jila Irra Dabaramaa itti qalamuu qabu geye. 8 Yesuus Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaannuuf, dhaqa'aatii nu'uuf qopheessa'a!» jedhee erge. 9 Isaan, «Eessatti akka qopheessinuuf barbaadda?» jedhanee isa gaafatane. 10 Inni deebisee, «Yennaa gara qacha'aa dhaxxanee seentane, nami tokko okkotee bisaanii ba'atee isin hin wolde'a; isa gula gara mana inni itti galuu dhaqa'a. 11 Abbaa manaatiin, ‹Kolloon keessumma'aa ta ani barattoota tiyya woliin sagalee Jila Irra Dabaramaa keessatti nyaadhu eessa jirti? Si'iin jedha barsiisaan› jedha'a. 12 Inni kolloo mana irraa badhoo, ta afantee meya manaatiin qophootte takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu'uuf qopheessa'a!» jedheen. 13 Maarre isaan dhaqanee wonni maraa akkuma inni isaanitti hime teeteertuun dhagganee, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane.
Irbaata Gootta'aa
(Mat. 26:26-30; Mar. 14:22-26; 1 Qor. 11:23-25)
14 Saatiin geennaan, Yesuus ergantoota ifii woliin qori'itti hiiqee tee'e. 15 Inni isaaniin, «Ani adoo hin rakkatin dura sagalee Jila Irra Dabaramaa isin woliin nyaatiisaaf guddoo halcheera. 16 Ani isinitti hima, haga mootummaa Waaqaa keessatti muummottutti, ani deebi'ee sagalee Jila Irra Dabaramaa hin nyaadhu» jedhe.
17 Achiin duuba Yesuus muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, «Hoo'aa, qoodama'a! 18 Ani isinitti hima, ammaan jalqabee haga mootummaan Waaqaa dhuttutti midhaan woyni'ii†Midhaan woyni'ii: Yookiin daadhii midhaan woyni'ii irraa qophootte irraa hin unu» jedhe. 19 Xaltaa daabbo'oolle fuudhee, Waaqaaf galata galchee, cassee, «Kun foon kiyya, ka isiniif kenname; kana qaabbii tiyyaaf godhadha'a!» jedhaa isaanitti kenne. 20 Akkasuma, sagalee galgalaatiin duuba muduunuu fuudhee, «Muduunuun tun dhiiga kiyya ka isinii dhangala'een, gondooroo haareya. 21 Ammoo kunoo, harki nama na dabarsee kennuu na woliin qorii keessa jira! 22 Ilmi Namaa akkuma murtoottetti hin du'a; ammoo nama isa dabarsee kennu saniif aanne'e!» jedhe. 23 Achiin duuba isaan, isaan keessaa waan kana ka godhu eennu akka te'e wol gagaafatane.
Mormii Marroo Eentu Caala'aa
(Mat. 18:1-5; 20:24-28; Mar. 9:33-37; 10:41-45; Luq. 9:46-50)
24 Isaan keessalle'ee eentu akka caalu odduu isaaniititti wol mormiin kaate. 25 Yesuus isaaniin, «Moototi worra Yihudoota hin te'inii kolbaa ifii hin mowan; bulchitooti isaaniille, ‹Bu'aa buuttuu kolba'aa› ifiin jedhan.Mat. 20:25-27; Mar. 10:42-44 26 Isin keessatti ammoo akkas hin te'in; isin keessaa caalaan akka maandhichaa te'uu ti; sooressille akka tajaajila'aa te'uu ti. 27 Ka caalu eennu? Ka sagalee areerratiisaaf tee'u moo, ka areeru? Ka areerratiisaaf tee'uu motii? Ani ammoo isin oddu'utti akka areertu'uu ti.Yoh. 13:12-15 28 Isin worra rakkinna kiyya keessatti na woliin turtane. 29 Akkuma abbaan kiyya ana mootonse, anille isin hin mootonsa. 30 Mootummaa tiyya keessatti qorii tiyya keessaa hin nyaattan, hin untan, barcumaa mootumma'aa irra teettanee gosa Israa'elii kudhanii lama irrattille hin murtan» jedhe.Mat. 19:28
Mormatiisa Pheexroosii Yesuus Duraan Dursee Hime
(Mat. 26:30-35; Mar. 14:26-31; Yoh. 13:36-38)
31 Yesuus, «Simoon, Simoon, dhage'i! Seexanni isin maraa akka qamadi'ii wobansiisaaf gaafateera. 32 Ani ammoo dhugeeffannaan teeti akka hin banne si'iif daadimadheera. Atille yennaa gara kiyya deebite, obboleeyyan teeti jajjabeessi!» jedhe.
33 Pheexroos ammoo, «Gootta'a, ani si woliin gara mana hidha'aa dhaqiisaa fi du'iisaafille qophoweera» jedhe. 34 Yesuus deebisee, «Pheexroos, ani sitti hima, edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin si hin beeku jettee na hin mormatta» jedheen.
Korojoo, Subbaa Fi Shallaagaa
35 Achiin duuba Yesuus, «Korojoo, subba yookiin kophee adoo hin qabatin yennaa ani isin erge, wonni isinii dhidhatte jirti?» jedhee barattoota ifii gaafate.Mat. 10:9-10; Mar. 6:8-9; Luq. 9:3; 10:4
Isaan deebisanee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhane. 36 Yesuus isaaniin, «Amma ammoo, nami korojoo, yookiin subba qabu qabatuu ti; nami shallaagaa hin qanne woyaa ifii gurguree shallaagaa bitatuu ti. 37 Ani isinitti hima, Barreeffam Woyyichi, ‹Yakkaameyyii woliin laakkowame› ka jedhu, na irratti muummowiisa qaba; dhugumaan marroo tiyyaaf ta barreeffantelle muummowiisatti jirti» jedhe. 38 Barattooti, «Ilaa, Gootta'a, shallaagaan lamaan as jira» jedhane.
Jennaan inni deebisee, «Hin geya!» jedhe.
Yesuus Gaara Ejersaa Irratti Daadimate
(Mat. 26:26-46; Mar. 14:32-42)
39 Yesuus qachaa keessaa bayee, akkuma aadaa ifii gara Gaara Ejersaa dhaqe; barattooti isaalle isa woliin dhaqane. 40 Addee san yennaa geye, isaaniin, «Ataabamiisatti akka hin galle daadimadha'a!» jedhe.
41 Achiin duuba haga qolaansaa dhaka'aa isaan irraa fagaatee jilbiiffatee, 42 «Abba'a, yoo fedha keeti te'e, muduunuu rakkinnaa tana na irraa fuudhi; ammoo akka fedha kiyyaa adoo hin te'in, akka fedha keetii te'uu ti!» jedhee daadimate. 43 Achiin duuba ergamaan ol-gubba'aa mudhatee isa jajjabeesse. 44 Muddama ifii guddaa keessatti ittuma jabeessee daadimate; danfi isaalle akka coccopha dhiigaa lafatti gad roobe. 45 Daadimata irraa ka'ee gara barattootaa yennaa deebi'ee dhaqe, gaddaan waan bututaneeranuuf rafaneeranuun dhagge. 46 Inni isaaniin, «Maaf rattan? Akka ataabe'etti hin galle ka'a'aatii daadimadha'a!» jedhe.
Yesuus Qabame
(Mat. 26:47; Mar. 14:43-50; Yoh. 18:3-11)
47 Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, gumiin dhuttee biraan baate; barattoota kudhanii lama keessaa Yihudaa ka jedhamu isaan fidee, Yesuus sunqatiisaaf itti dhikaate. 48 Yesuus ammoo, «Yihuda'a, sunqatiisaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?» jedheen.
49 Worri Yesuus woliin jiranu waan te'aaru yennaa dhaggane, «Gootta'a, shallaaga'aan dhoonnuu?» jedhane. 50 Isaan keessaa tokkochi, tajaajilaa hayyicha gudda'aa dhowee, gurra middaa irraa kute. 51 Yesuus ammoo, «Lakkisa'a! Tun hin dabalamin» jedhee gurra namichaa qaqqabee fayyise.
52 Achiin duuba Yesuus sooreyyii hayyootaa, qondaaltota eedduu Galma Waaqaatii fi maanguddoota worra isa qabiisaaf dhufaneen, «Akka ani alagala'aa shallaaga'aa fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee? 53 Guyyuma guyya'aan isinuma woliin yennaa ani Galma Waaqaa keessa jiru, isin na hin qanne. Amma ammoo, saatiin tun teessanii fi ta hunni dukkanaa itti mootu» jedhe.
Pheexroos Yesuus Mormate
(Mat. 26:57-58,69-75; Mar. 14:53,54,66-72; Yoh. 18:12-18,25-27)
54 Achiin duuba Yesuus qabanee, fuudhanee deemanee gara mana hayyicha gudda'aa geessane. Pheexroos ammoo fagaatee isa hordofe. 55 Yennaa isaan badhinna dalleyaa wodhakka'atti ibidda gabbisanee wolitti dacha'anee tee'ane, Pheexroosille isaan woliin tee'e. 56 Intalti tajaajiltuun takka, ifa ibiddaa qarqara tee'eeruun isa dhaggitee, hubattee, «Namichi kunille isa woliin jiraayyu» jette. 57 Inni ammoo, «Intaa, ani isa hin beeku» jedhee mormate. 58 Yennaa diqqo'oon duuba nami dhibiin isa dhaggee, «Ati isaan keessaa tokko» jedhe.
Pheexroos ammoo, «Namicha, anaa moti!» jedhe.
59 Gara saatii takka'aatiin duuba nami dhibiin, «Nama Galiila'aa waan te'eef, dhugumaan namichi kunille isaan woliin jiraayyu» jedhee itti jabeesse. 60 Pheexroos ammoo, «Namicha, waan ati dubbatiisatti jirtu kana ani hin beeku!» jedhe. Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, lukkuun iyyite.
61 Goottaan garagalee Pheexroos ilaale. Achiin duuba Pheexroos Jecha Gootta'aa, ka duri inni isaan, «Edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin na hin mormatta» jedhe qaabatee, 62 gad bayee laaleffatee bowe.
Yesuusitti Taphatanee Dhaanane
(Mat. 26:67-68; Mar. 14:65)
63 Worri Yesuus qabanee eegiisatti jiranu itti taphatanee dhaanane. 64 Ila isaa hidhanee, «Eentu si dhowe? Raagi me!» jedhaa isa gaafatane. 65 Waan hedduu jedhaa isa arrassane.
Yesuus Kora Murti'ii Duratti Dhikaate
(Mat. 26:59-66; Mar. 14:55-64; Yoh. 18:19-26)
66 Yennaa latti bariite maanguddooti kolba'aa, sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee wolitti qabamanee, Yesuus kora murti'ii duratti dhikeessane. 67 Isaan, «Masiihiin si'ii? Nutti himi!» jedhane. Inni ammoo, «Yoo ani isinitti hime, hin dhugeeffattanu; 68 yoo ani isin gaafadhelle naaf hin deebittanu. 69 Ammoo Ilmi Namaa ammaa jalqabee, midda Waaqa waan mara dande'uutitti hin tee'a» jedheen.
70 Isaan martinuu, «Ati Ilma Waaqaatii ree?» jedhane.
Inni deebisee, «Te'uu kiyya isinuu jettane» jedhe.
71 Jennaan isaan, «Nuutuu afaan isaa irraa dhageennee, dhugaa dhibii maaf barbaanna?» jedhane.