5
Barumsa Yesuus Gaara Irratti Barsiise
(Mat. 5—7)
Yesuus yennaa gumii hedduu dhagge, gaaratti ol bayee tee'e; barattooti isaalle gara isaa dhufane. Achiin duuba inni isaan barsiisiisa jalqabee:
Gammada Dhuga'aa
(Luq. 6:20-23)
«Worri le'ii Ayyaanaatiin hiyyeeyyii akka te'ane itti dhage'antu gammaduu;
mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!
Worri gadde gammaduu;
Waaqi isaan hin jajjabeessa!
Worri ifi gad qabu gammaduu;
isaan lafa hin dhaalan*Hin dhaalan: Addii Waaqi kenne hin fudhatan!
Worri balchummaa beelotuu fi dheebotu gammaduu;
Waaqi isaan hin quussa.
Worri namaaf mararfatu gammaduu;
Waaqi isaaniif hin mararfata!
Worri gadhaa qullu'uu gammaduu;
isaan Waaqa hin dhaggan!
Worri nageya buusu gammaduu;
isaan ijoollee Waaqaa hin jedhaman!
10 Worri balchumma'aaf miidhamu gammaduu;
mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!1 Phex. 3:14
11 «Sababa kiyyaaf jettee yennaa kolbaan isin arrassitee, isin miitee, dharaan gurra isin balleessite gammmada'a. 12 Isaan raagota worra isiniin duraatuu akkasuma miidhane. Gatiin teessan ol-gubba'atti guddoo waan teeteef, gammada'aatii ilillisa'a» isaaniin jedhe.
Sooddaa Fi Ifa
(Mar. 9:50; Luq. 14:34-35)
13 Yesuus itti dabalee, «Isin soodda lafaa ti; ammoo sooddi yoo kuraa ifii dhabe, attam deebi'ee kuraawuu dande'a? Alatti gatamee miilaan dhiitamaDhiitama: Irra sirbama malee, womaa bu'aa hin qabu.Luq. 14:34-35
14 «Isin ifa biyya lafaa ti. Qachaan gaara gubba'atti ijaarame dhokatiisa hin dande'u. 15 Eennulle ifa issee, akka nama mana keessa jiru maraaf ifa kennu, waan ifi irra keyamu irra keya malee, gonbisoo jala hin keyu. 16 Akkasuma akka kolbaan hujii dansaa teessan dhaggitee Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru ulfeessitu, ifi keessan nama duudii duratti ifuu ti» jedheen.1 Phex. 2:12
Seeraa Fi Barsiisa Raagotaa
17 Yesuus, «Ani Seeraa fi barsiisa raagotaa diigiisa dhufe hin seyina'a. Ani barsiisa isaanii muummessiisaaf dhufe malee, diigiisaaf hin dhunne. 18 Ani dhugumaan isinitti hima, haga ol-gubba'aa fi latti dabartutti Seera keessaa qubeen takkaan, bixxilleenBixxilleen: Boqqoorri qubee takka'aa adoo hin muummowin hin baddu.Luq. 16:17 19 Tanaaf nami ajajoota kana keessaa ka irra diqqa'aa tokko diigee, akka diiganu namoota barsiisu, mootummaa Waaqaa keessatti ka irra diqqaatu hin jedhama; nami ajajoota kana eegee akka eeganu barsiisu ammoo, mootummaa Waaqaa keessatti guddaa hin jedhama. 20 Ani isinitti hima, balchummaan teessan balchummaa worra barsiisota Seeraatii fi Fariisaayotaa yoo caalte malee, mootummaa Waaqaatitti ijjumaa hin galtanu» isaaniin jedhe.
Lubbuu Ijjeesuu Hin Barbaachisu
21 Yesuus itti dabalee, «‹Hin ijjeesin; nami nama ijjeese mura'aaf dhikaata› jedhamee worra duriititti akka himameeru dhageettaneertan. 22 Ani ammoo isinitti hima, eennulle sababa malee obboleessa yookiin obboleettii ifiititti yoo mufate mura'aaf dhikaata; obboleessa ifiitiin, ‹Gowwa'a!› yoo jedhe, kora mura'aa dura dhikaata; obboleessa ifiitiin, ‹Daallee!› yoo jedhe gara muraa qilee ibiddaa dhikaata. 23 Maarre kennansa keeti Waaqaa dhikeessiisaaf addee ciincaa itti ciincessanutti fiddee, waan obboleessi keeti sitti quuqameeru yoo qaabatte, 24 kennansa keeti achuma addee ciinca'aa duratti lakkisiitii, dhaqii obboleessa keeti woliin araaramii, achiin duuba deebi'iitii kennansa keeti dhikeessi.
25 «Nama si himate tokko woliin gara mura'aa adoo ideentuu dafii karaa irratti isa woliin wolii gali. Achi geettee jennaan, abbaan mura'aa ka si hidhutti dabarsee si kennee, ka si hidhu mana hidha'aatitti si galcha. 26 Ani dhugumaan sitti hima, waan sitti murame keessaa saantimiin cadduulle adoo hin hafin haga kaffaltutti ijjumaa hin baatu» jedhe.
Marroo Gaarayyeeffataa
27 Yesuus, « ‹Hin gaarayyeeffatin› akka jedhame dhageettaneertan. 28 Ani ammoo isinitti hima: nami ila halcha'aatiin dubartii ilaale, gadhaa ifii keessatti isii gaarayyeeffateera. 29 Ilti teeti ta middaa yoo cubbuu si hujisiitte, ifi keessaa baasiitii gati; nafi keeti duudiin gara qile'ee gatamu'uu mannaa, nafa keeti keessaa tokko fafoottu si'iif woyya. 30 Harki keeti ka middaa yoo cubbuu si hujisiise, ifi irraa kutiitii gati; nafi keeti duudiin gara qile'ee deemu'uu mannaa, nafa keeti keessaa tokko dhabuu si'iif woyya» jedhe.Mat. 18:8; Mar. 9:43
Marroo Wol Lakkisiisa Dhirsaa Fi Niiti'ii
(Mat. 19:9; Mar. 10:11-12; Luq. 16:18)
31 Ammalle Yesuus, « ‹Nami niitii lakkisu mara woraqata lakkeessaa barreessee isi'iif kennuu ti› jedhameeraayyu. 32 Ani ammoo isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeeffatte malee, nami niitii ifii lakkisu, akka isiin gaarayyeeffattu hin godha; nami isii fuudhelle hin gaarayyeeffata» jedhe.
Marroo Kaku'uu
33 Yesuus, «Ammalle, ‹Dharaan hin kakatina'a; waan Gootta'aaf kakattane ammoo godha'a› akka worra duriitiin jedhame isin dhageettaneertan. 34 Ani ammoo isinitti hima, ijjumaa hin kakatina'a. Ol-gubbaan barcumaa mootummaa Waaqaa waan teeteef, ol-gubba'aan yookiin, 35 lattille waan ijjata miila isaa teeteef lafaan hin kakatina'a; qachaa mootii gudda'aa waan teeteef Yerusaalemille'een hin kakatina'a. 36 Rifeensa tokkocha adii yookiin gurraacha godhiisa waan hin dandeenneef, mataa keetille'een hin kakatin. 37 Dubbiin teessan ‹Ee› yoo teete ‹Ee›, yookiin ‹Waawwoo› yoo teete ‹Waawwoo› teetuu ti; wonni kana irra caale seexana irraa dhutte» jedhe.
Marroo Haluu Bayiisaa
(Luq. 6:29-30)
38 Yesuus itti dabalee, «‹Ilti, ilaaf; ilkaan, ilkaaniif› akka jedhame isin dhageettaneertan. 39 Ani ammoo isinitti hima: nama si yakke haluu hin bayin. Nami tokko yoo boqoo middaa si dhabanaase, taanille itti garagalchi; 40 nami tokko shaamisii§Shaamisii: Qoloo teeti fudhatiisaaf barbaadee yoo si himate, kootii teetille kenniif. 41 Nami tokko hunnaan kiiloo meetira tokko akka ati woliin deentu yoo si tolche, kiiloo meetira lama woliin deemi. 42 Nama si kadhatuuf kenni; nama si irraa liqeeffatiisaaf barbaadu hin dhooggatin» jedhe.
Diinota Jaalachuu
(Luq. 6:27-28,32-36)
43 Yesuus, « ‹Ollaa keeti jaaladhu, diinota keeti jibbi› akka jedhame dhageettaneertan. 44 Ani ammoo isinitti hima: diinota keessan jaaladha'a; worra isin miidhuufille daadimadha'a. 45 Tana yoo gootane ijoollee Abbaa keessan ka ol-gubba'aa hin teetan; inni aduu ifii worra hama'aa fi dansa'aafille hin baasa; worra balchootaa fi balchoota hin te'iniifille hin roobisiisa. 46 Worra isin jaalatu callaa yoo jaalattane, gatii maan qaddan ree? Cubbaaleyyiinuu sanuma godhan! 47 Obboleeyyan*Obboleeyyan: jaallan teessan callaa nageya o'aa yoo fuutane, worra dhibii caalaa isin maan gootane? Worri Yihudoota hin te'inille sanuma godhan! 48 Abbaan keessan ka ol-gubba'aa mijuuMijuu: Ka dhidhuu hin qanne akka te'e, isinille mijuu te'a'a» jedhe.

*5:5 Hin dhaalan: Addii Waaqi kenne hin fudhatan

5:10 1 Phex. 3:14

5:13 Dhiitama: Irra sirbama

5:13 Luq. 14:34-35

5:16 1 Phex. 2:12

5:18 Bixxilleen: Boqqoorri qubee takka'aa

5:18 Luq. 16:17

5:30 Mat. 18:8; Mar. 9:43

§5:40 Shaamisii: Qoloo

*5:47 Obboleeyyan: jaallan

5:48 Mijuu: Ka dhidhuu hin qanne