19
Yesuus Dhirsaa Fi Niitiin Akka Wol Hin Lakkinne Barsiise
(Mar. 10:1-12)
1 Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, Galiilaa lakkisee laga Yordaanosiitiin gama gara lafa Yihuda'aa dhaqe. 2 Gumiin guddoon isa hordottee, innille achitti isaan fayyise.
3 Worri Fariisaayotaa gariin gara Yesuusii dhufanee, haga isa ilaaliisaaf barbaadanee, «Nami tokko Sababuma fedheefuu haadha manaa ifii lakkisuun seeraa?» jedhanee isa gaafatane.
4 Yesuus deebisee, «Waaqi jalqaba, ‹dhiiraa fi dubartii› tolchee akka isaan dade hin dubbinnee?» jedhe. 5 Itti dabaleelle, «Waan kanaaf nami haadhaa fi abbaa ifii hin lakkisa, haadha manaa ifiitiin wolitti maxxana; lamaanuu foon tokko hin te'an. 6 Maarre isaan haganaa achi foon tokko malee, lamaa moti. Tanaaf waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin» jedhe.
7 Fariisaayoti, «Abbaan manaa woraqata lakkeessaa kenneefii akka isii lakkisu, Muuseen maaf ajaje ree?» jedhaneen.
8 Yesuus deebisee, «Sababa mataa-jabeenna keessaniitiif Muuseen akka isin haadhotii manaa teessan lakkittanu isinii eeyyame malee, jalqaba irratti akkasii moti. 9 Anille isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeeffatte malee, nami haadha manaa ifii lakkisee ta dhibii fuudhu, hin gaarayyeeffata*Woraabbiin durii durii gariin, «Dubartii lakkifante ka fuudhelle hin gaarayyeeffata» ka jedhulle itti dabala» isaaniin jedhe.Mat. 5:32; 1 Qor. 7:10-11
10 Barattooti isaa deebisanee, «Wonni abbaa manaatii fi haadha manaa yoo akkas teete, fuudhuu dhabuu woyya» jedhaneen. 11 Yesuus deebisee, «Worra kennanteef malee, barsiisa kana nami marti dande'ee hin fudhatu. 12 Worri guneessa te'anee dhalatane jiran, worri harka namaatiin guneessa te'anelle jiran, worri mootummaa Waaqaatiif jedhanee guneessa ifi godhaneelle jiran. Nami kana fudhatiisa dande'u fudhatuu ti» isaaniin jedhe.
Yesuus Ijoollee Didiqqoo Eebbise
(Mar. 10:13-16; Luq. 18:15-17)
13 Achiin duuba akka Yesuus harka ifiitiin qaqqabee daadimatuuf ijoollee didiqqoo gara isaa fidane. Barattooti isaa ammoo worra ijoollee fide xixane; 14 Yesuus ammoo, «Mootummaan Waaqaa ta worra akkasii waan teeteef, ijoollee lakkisa'a, gara kiyya dhuttuutii hin dhooggina'a» jedhe. 15 Innille harka ifiitiin ijoollee qaqqabee achii ka'ee deeme.
Namicha Dargaggeessa Dureessa
(Mar. 10:17-31; Luq. 18:18-30)
16 Achiin duuba namichi tokko gara Yesuusii dhufee, «Barsiisa'a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf, hujii dansaa maan hujuu qaba?» jedheen.
17 Yesuus deebisee, «Marroo hujii dansa'aa maaf na gaafatta? Dansaan Waaqa tokkocha qofa. Jiru'utti galiisaaf yoo feete, ajajoota Waaqaa eegadhu» jedheen.
18 Namichi dargaggeessi, «Ajajooti kam inni?» jedheen. Yesuus deebise, « ‹Hin ijjeesin; hin gaarayyeeffatin; hin hatin; dharaan dhugaa hin bayin; 19 haadhaa fi abbaa keetiif ulfinna kenni; ammalle, ollaa keeti akka mataa keetii jaaladhu› ka jedhu» jedheen. 20 Dargageessille deebisee, «Ani ajajoota kana eegadheera; ammaa wonni narraa dhidhateeru maan?» jedhe. 21 Yesuus deebisee, «Ka dhidhuu hin qanne te'uu yoo feete, dhaqii, waan qaddu mara gurgurii beesee hiyyeeyyi'iif kenni; ol-gubba'atti karra hin qabaatta; achiin duuba koyiitii, na hordofi» jedheen.
22 Dargaggeessi sun tana yennaa dhage'e, karra guddoo waan qabuuf, gaddaa achii deeme.
23 Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, «Ani dhuguma isinitti hima, nami dureessi mootummaa ol-gubba'aatitti galiisi guddoo rakkisa'a. 24 Ammalle ani isinitti hima, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisa irra gaalli qowa limmo'oo†Limmo'oo: Limmee, marfee keessa hulluuqiisatti irra kaso'o» jedhe.
25 Barattooti isaa yennaa tana dhage'ane, guddoo maalalanee, «Eentu fayyuu dande'a ree?» jedhane.
26 Yesuus ammoo gara isaanii ilaalee, «Wonni kun namaaf hin dande'antu, Waaqaaf ammoo wonni marti hin dande'anti» jedhe.
27 Achiin duuba Pheexroos deebisee, «Ilaa, nuuti waan mara lakkinnee si hordonneerra. Nuuti maan dhaggatu'uu jirra ree?» jedhe.
28 Yesuus deebisee, «Ani dhuguma isinitti hima, biyya lafaa haareya dhuttutti, Ilmi Namaa barcumaa mootummaa ulfinna ifii gubbaa yennaa tee'u, isin worri na hordottanelle barcumaa mootumma'aa kudhanii lama gubbaa teettanee, gosa Israa'elii kudhanii lamatti murtan. 29 Nami naaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin abbaa yookiin haadha yookiin ijoollee yookiin fichaa lakkise, dachaa dhibba hin fudhata; jiruu bara baraalle hin dhaggata. 30 Ammoo worri hedduun amma dura jiru worra duuba jiru hin te'a; worri duuba jirulle worra dura jiru hin te'a» isaaniin jedhe.Mat. 20:16; Luq. 13:30