6
Yesuus Naaziretitti Tuffatame
(Mat. 13:53-58; Luq. 4:16-30)
1 Yesuus addee san lakkisee, gara qachaa ifii itti guddatee barattoota ifii woliin dhaqe. 2 Guyyaa Sanbataa, Mana Waaqonfannaa Yihudootaatitti barsiisuu jalqabe. Namooti hedduun achi jiranu, yennaa isa dhage'ane jajanee, «Wonna kana mara inni attam dande'ee huja? Baasota kana huju'uuf qarumma'aa fi hunna akkasii inni eessaa dhaggate? 3 Inni ilma Maariyaami'ii ka muka bocuu motii? Obboleeyyan isaalle Yaaqoob, Yoseef, Yihuda'aa fi Simoon fa'aa motii? Qachaa keenna keessa ammaa tanalle le'anii motii?» jedhanee isa tuffatanee, isa fudhatiisa didane.
4 Yesuus ammoo, «Raagaan tokko, addee dhibi'itti malee, biyya ifii, firoottan ifiitii fi maatii ifii keessatti ulfinna hin qabu» isaaniin jedhe.
5 Yesuus worra dhibameeru diqqaa tokko irra harka ifii keyee fayyise malee, baasota dhibii achitti hujiisaaf hin dadeenne. 6 Dhugeeffannaa dhabuun kolba'aa isa maadeffachiitte.
Yesuus Ergantoota Kudhanii Lamaan Erge
(Mat. 10:5-15; Luq. 9:1-6)
Yesuus olloota adaala sanii mara keessa dhaqee barsiise. 7 Achiin duuba inni ergantoota kudhanii lamaan gara ifii waamee ayyaanota hamoota irratti baallii isaaniif kennee, lamaan lamaaniin isaan erge. 8 Inni isaaniin, «Ideemiisa kara'aatiif ulee malee, galaa, subba, beesee marxo'otti, waan tokkolle hin qabatina'a. 9 Kophee keyadha'a; woyaa uffatane malee ta dhibii hin qabatina'a. 10 Yennaa keessummummaa manatti isin fudhatane, haga qachaa sanii deentanutti manuma san keessa tura'a. 11 Yoo qachaa kolbaan isin hin fudhanne yookiin isin hin dhageenne dhaxxane, akka beessisa isaanitti teetu yennaa achii deentanu bukuu miila keessanii dhodhowadha'a» jedhe.
12 Maarre ergantooti deemanee, kolbaan cubbuu irraa akka deebitu himiisa jalqabane. 13 Isaan ayyaanota hamoota hedduu baasanee, worra dhibamaa hedduulle zayitii*Zayitii: Akkuma Gujiin dhadhaa muudatu yookiin iffatu, worri Yihudootaalle zayitii muka ejersaa irraa hujante muudatan yookiin iffatan issanee fayyisane.
Du'a Yohaannisii Cuupha'aa
(Mar. 14:1-12; Luq. 9:1-6)
14 Gurri Yesuusii addee maratti waan beekkameeruuf, Heroodisiin mootichi waan isaa dhage'e. Worri gariin, «Yohaannisii cuupha'atti ka'eera; hujiin baasaa tun isaan hujanti» jedhane. 15 Worri kuun, «Inni Eliyaas» jedhane; kuun ammoo, «Inni raagichuma akka raagota durii ti» jedhane. 16 Heroodis gurra Yesuusii yennaa dhage'e ammoo, «Yohaannisii ani morma isaa mursiisettuu du'aa ka'e» jedhe.
17-18 Heroodis wosoo ifii Heroodiyaas niitii Filiphoosii fuudheeraayyu. Yohaannis ammoo isaan, «Wosoo teeti fuudhuun seeraa moti!» waan jedheeruuf, inni isii gammachiisu'uuf, Yohaannis qassiisee mana hidha'aatitti hiisise.Luq. 3:9-20 19-20 Heroodiyaas Yohaannisitti haloonfattee, isa ijjeesisiisaaf barbaadde. Yohaannis nama balcha'aa fi woyyuu akka te'e beekee, Heroodis isa sodaatee waan eessisaa tureef, isiin ammoo isa ijjeesiisu'uuf hin dandeenne. Heroodis yennaa dubbii Yohaannisii dhage'e gadhaa lama te'e. Te'ulle inni yennaa hedduu gammadaan isa caqasaa ture.
21 Heroodis guyyaa jila qaabbii dhaloota ifiitiif jedhee qondaaltota gugurdoo biyya ifii, dura aantota worra woraanaatii fi Galiilaa keessatti worra beekkamaneef waamicha godhe irratti, Heroodiyaas karaa dhaggatte. 22 Intalti Heroodiyaasii ol seentee yennaa sirbite, Heroodisii fi keessummoota isaa gammachiitte. Heroodisille intalaan, «Waan barbaadde mara na gaafadhu; ani si'iif hin kennaa!» jedhe. 23 Ammalle, «Wol qixxee mootummaa tiyyaalle, waan ati na gaafatte mara si'iif hin kenna» jedhee kakate.
24 Maarre intalti gad baatee, «Maan gaafadha?» jettee haadha ifii gaafatte. Haati ammoo, «Mataa Yohaannisii cuupha'aa» jettee deebiteef.
25 Yennuma san intalti gara Heroodisii ariifattee deebitee, «Ammuma tana mataa Yohaannisii cuupha'aa qori'itti akka ati naaf kennitu barbaada» jetteen.
26 Waan kanaaf Heroodis akka malee gadde; ammoo keessumoota ifii duratti kakuu waan galeef jedhee, dubbii isi'ii diduu hin barbaanne. 27 Yennuma san Heroodis eedduu keessaa lolticha tokko ergee, mataa Yohaannisii akka fiduuf ajaje. Loltichi sun dhaqee mana hidha'aa keessatti mataa Yohaannisii irraa kute. 28 Achiin duuba mataa isaa san qorii keessa keyee fidee intalatti kenne; intaltille haadha ifiititti kennite.
29 Barattooti isaa waan kana yennaa dhage'ane reeffa isaa fuudhanee awwaalane.
Yesuus Nama Kuma Shanii Areere
(Mat. 14:13-21; Luq. 9:10-17; Yoh. 6:1-14)
30 Ergantooti gara Yesuusii yennaa deebi'ane, waan hujanee fi waan barsiisane mara isatti himane. 31 Namooti hedduun kuun dhufaa kuun deemaa waan jiranuuf, Yesuusii fi barattooti isaa yennaa areeratanulle dhabane. Tanaaf inni isaaniin, «Ka'aa me takkaa addee qoommi'iititti baaneen foorfattanii» jedhe. 32 Maarre isaan hobolo'oon qofuu addee qoommi'ii dhaqane.
33 Namooti hedduun ammoo isaan deemaaranuun dhagganee hubatane; worri qachoota mara keessaa dhufane miilaan fiiganee isaaniin dura achi geyane.
34 Yesuus qarqara bisaaniititti hoboloo keessaa yennaa baye, gumii guddoo ta akka hoolota tissee hin qannee fakkaattu dhaggee isi'ii gadde. Maarre inni waan hedduu isaan barsiisiisa jalqabe.
35 Yennaa latti galgalootte barattooti isaa gara isaa dhufanee, «Addeen tun urma†Urma: Ulma, lattille dhiitteerti. 36 Gumiin tun gara olla'aa fi oorruu as aananuu kana dhaqanee, waan nyaatanu akka bitatanuuf gad lakkisi!» jedhane.
37 Yesuus deebisee, «Isin waan nyaatanu isaaniif kenna'a!» jedhe. Isaan ammoo, «Dhandhee mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatuun‡Mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatuun: Beesee dinaaraa dhibbaan daabboo binnee isaanii kenninaa ree?» jedhanee gaafatane.
38 Jennaan inni, «Daabboo meeqa qaddan? Dhaqa'aatii ilaala'a!» isaaniin jedhe. Isaan meeqa akka teete beekaneen duuba, «Daabboo xaltaa lama» jedhaneen. 39 Yesuus akka isaan namoota maraa cinna cinnaan marra bisilee irra teessisanu barattoota ifiititti hime. 40 Isaanille cinna dhibba dhibbaan, shantama shantamaan tee'ane.
41 Yesuus xaltaa shanii fi qurxummii lamaan fuudhee gara ol-gubba'aa ilaalee eebbise. Achiin duuba xaltaa daabbo'oo san caccassee, kolba'aaf akka qoodanu barattoota ifiititti kekenne. Inni qurxummii lamaan sanille akka nama mara geettuuf kukkute. 42 Nami maraayyuu nyaatee quufe. 43 Barattooti isaa hambaa daabbo'ootii fi qurxummi'ii kollonjoo kudhanii lama mijuu fuudhane. 44 Kolbaan sagalee san nyaatte dhiirti callaanuu kuma shan.
Yesuus Bisaan Gubbaa Ideeme
(Mat. 14:22-33; Yoh. 6:16-21)
45 Yennuma san, Yesuus adoo kolbaa ifi irraa geegessiisatti jiruu, barattooti isaa hoboloo yaabanee isaan dura abbaaya'aan gama gara Betsayida'aa akka deebi'anee bu'anu tolche. 46 Inni kolbaa saniin nageyatti jedheen duuba daadimatiisaaf gara gaaraa ol baye.
47 Yennaa galgalaalle inni qofuu achi jiraayyu; hoboloon ammoo odduu abbaaya'aa jirti. 48 Bubbeen gara isaanii waan bubbitteef, shaffisa'aan bisaan gurduummataa§Gurduummataa: Laaqataa rakkataa akka turane dhagge. Halkan gara iyya lukku'uu ta lammeesso'ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara isaanii dhufee, cinaa isaanii akka dabaruu te'e.
49 Yesuus bisaan gubbaa ideemuun barattooti yennaa dhaggane, ekeraa seyanee iyyane. 50 Isaan maraa yennaa isa dhaggane bararaqane. Yesuus ammoo yennuma san, «Jabaadha'a! Wonni Ana; hin sodaatina'a!» isaaniin jedhe. 51 Inni hoboloo isaanii yaabee jennaan, bubbeen cadhitte. Barattooti akka malee baaseffatane. 52 Qalbiin isaanii waan duuddeertuuf, isaan baasa inni daabbo'oon hojjateeyyuu hubatuu hin dandeenne.
Yesuus Genesaarexitti Worra Dhibame Fayyise
(Mat. 14:34-36)
53 Yesuusii fi barattooti yennaa hobolo'oon abbaaya'aan gamatti qaxxaamuranee, Genesaarexitti lafatti bayane, qarqara bisaaniititti hoboloo hidhatane. 54 Akkuma isaan hoboloo keessaa bayaneen, kolbaan Yesuus akka te'e beette. 55 Maarre isaan adaala godina sanii duudii keessa fiiganee, addee inni achi jira jechuu dhage'ane maratti, worra dhibamane rare'een gara isaa fidane. 56 Addee Yesuus dhaqe, olloota, qachoota, oorruu yookiin lafa dikko'oo maratti, worra dhibamaa gara lafa qaaleyaa yaasanee, handaaruma woyaa isaalle tuqiisaaf isa kadhatane. Worri handaara woyaa isaa tuqane maraayyuu fayyane.