8
Yesuus Nama Kuma Afur Areere
(Mat. 15:32-39)
Gaafa tokko gumiin guddoon dhibiin Yesuus biratti wolitti qabante. Isaan waan nyaatanu dhabanee jennaan Yesuus barattoota ifii waamee, «Kolbaan tun guyyaa sadiin na woliin turteerti; sagaleelle waan hin qanneef, ani isaaniif hin naya. Isaan keessaa lafa fago'ootii worri dhufane waan jiranuuf, adoo isaanii womaa hin areerin gara manaa gala'aa yoo jedhe, kara'atti hin gaggaban» jedhe.
Barattooti isaa deebisanee, «Lafa goomole'ee tana keessatti sagalee kolbaa haganaa areeriisaaf geettu eessaa fuuna?» jedhaneen. Yesuus, «Daabboo xaltaa meeqa qaddan?» jedhee gaafannaan, isaan, «Xaltaa torba» jedhaneen.
Inni gumiin sun lafa irra akka teettu ajajee, xaltaa torba san fuudhee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, gumii saniif akka qoodanu barattoota ifiititti kenne; isaanille gumii saniif qoodane. Isaan qurxummii*Qurxummii: Qulxummii diqqoo tokkolle qaban. Yesuus qurxummii saniifille Waaqaaf galata galchee, akka qoodanu barattoota ifiititti hime. 8-9 Gumiin haga namoota kuma afurii sun martinuu nyaattee quuttee, hambaa hatte kollonjoo gugurdoo torba guutuu fuudhane. Yesuus akkuma kolbaa ifi irraa galcheen, 10 barattoota woliin hoboloo yaabbatee gara aanaa Dalmaanuta'aa dhaqe.
Worri Fariisaayotaa Beessisa Gaafate
(Mat. 16:1-4)
11 Fariisaayoti gara Yesuusii dhufanee, isa woliin mormiisa jalqabane. Isaan isa haga ilaaluu fedhanee, beessisa ol-gubba'aa akka isaanitti mudhisuuf gaafatane. 12 Inni ammoo hafuura gabbaa baafatee, «Dhalooti kun maaf beessisa gaafata? Ani dhugumaan isiniin jedha, dhaloota kanaaf beessisi hin kennamu!» jedhe. 13 Achiin duuba inni isaan lakkisee, ammalle hoboloo yaabbatee, gara abbaayaan gamaa bu'e.
Uukoo Fariisaayotaatii Fi Heroodisii
(Mat. 16:5-12)
14 Barattooti sagalee fidatiisa dedhanee, hoboloo keessatti xaltaa tokko callaa qaban. 15 Yesuus isaaniin, «Ilaalladha'a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Heroodisii irraa ifi eegadha'a!» jedhee ifi eeggachiise.Luq. 12:1 16 Isaan wol woliin, «Inni waan nuuti sagalee hin qanneef akkana jedha» jedhanee dudubbatane.
17 Yesuus yaada isaanii beekee, «Maaf waan dhaba sagalee teessanii dudubbattan? Isin haga ammaa hin beennee? Qalbii hin qaddanuu? 18 Adoo ila qaddanuu hin dhaggitanuu? Adoo gurra qaddanuu hin dhageettanuu? Isin hin qalbeeffattanuu? 19 Yennaa ani daabboo xaltaa shanan namoota kuma shaniif caccasse, hambaa hatte kollonjoo guutuu meeqa fuutane?» jedhee gaafate. Isaanille, «Kudhanii lama» jedhanee deebisane.
20 Yesuus itti aansee, «Yennaa xaltaa torba nama kuma afuriif caccasse, hambaa hatte kollonjoo guutuu meeqa fuutane?» jedhee gaafate. Isaanille, «Torba» jedhaneen. 21 «Isin ammalle hin hubattanuu?» jedhee gaafate.
Yesuus Beetisayida'atti Nama Ballaa Tokko Fayyise
22 Yesuusii fi barattooti isaa gara Betsayida'aa dhufane. Jarri takka achitti namicha ballaa tokko gara Yesuusii fiddee, akka inni namicha harkaan tuquuf kadhatte. 23 Yesuus namicha ballaa san harkaan qabee, ollaa keessaa diidatti baasee, ila namichaatitti tufee, harka ifii irra keyee, «Wo dhaggitaa?» jedhee gaafate. 24 Namichi midhatee ilaalee, «Ee, namoota dhaggaara; ammoo akka muka ideemuu natti fakkaatan» jedhe.
25 Yesuus ammalle harka ifii ila namichaa irra keye. Yennaa tana namichi hubatee ilaale. Ilti isaa fayyitee waan maraa miidhassee dhagge. 26 Kanaan duuba Yesuus, «Olla'atti hin deebi'in» jedhee namicha gara mana isaa galche.
Pheexroos Ebeluu Yesuusii Hime
(Mat. 16:13-20; Luq. 9:18-21; Yoh. 6:66-71)
27 Yesuusii fi barattooti isaa gara olloota adaala Qiisaariyaa Filiphoosii dhaqane. Inni adoo ideemanuu kara'atti, «Namooti eennu anaan jedhan?» jedhee isaan gaafate. 28 Isaanille, «Gariin Yohaannisii cuupha'a si'iin jedhan; gariin Eliyaas si'iin jedhan; kuun ammoo raagota keessaa tokko si'iin jedhan» jedhanee deebisaneef. 29 Yesuus, «Isin hoo, eennu anaan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroos deebisee, «Ati Kiristoos» jedheen.Yoh. 6:68-69
30 Yesuus waan isaa eennulle'etti akka hin hinne jabeessee isaan seere.
Yesuus Marroo Rakko'oo fi Du'a Ifii Dubbate
(Mat. 16:21-28; Luq. 9:22-27)
31 Yesuus, «Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddoo hin rakkata. Inni jibbamee hin ijjeefama; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a» jedhee barattoota ifii barsiise. 32 Inni dubbii tana isaaniif ifa tolchee dubbate. Pheexroos ammoo Yesuus cina'atti fuudhee, waan akka sanii san akka hin dubbanne dhoogge. 33 Inni ammoo garagalee barattoota ifii ilaalee, Pheexroosiin, «Seexana, na irraa bayyadhu! Ati akka namaa malee, akka Waaqaa hin yaadattu» jedhee xixe.
34 Achiin duuba Yesuus gumi'ii fi barattoota gara ifii waamee, «Eennulle na hordofiisaaf yoo barbaade, waan ifii lakkisee, fannoo ifiille ba'atee, na hordofuu ti. 35 Nami jiruu ifii fayyifatiisa fedhu hin dhaba; nami anaa fi Oduu GammadaatiifOduu Gammadaatiif: Wongeelaaf jedhee jiruu ifii dhabu ammoo, jiruu ifii hin fayyifata. 36 Nami yoo waan lafa tanaa duudii qabaatee, jiruu ifii yoo dhabe ammoo maan isaa baati? 37 Nami wodoo lubbuu ifiitiif maan kennuu dande'a? 38 Nama dhaloota gaarayyeeffata'aaDhaloota gaarayyeeffataa: Dhaloota hin addatane, dhaloota gara gaggalaa fi cubbamaa kana keessatti, anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatutti, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ifiitiin, ergantoota Waaqaa woyyoota woliin yennaa dhufu itti hin fokkifata» jedhe.

*8:7 Qurxummii: Qulxummii

8:15 Luq. 12:1

8:29 Yoh. 6:68-69

8:35 Oduu Gammadaatiif: Wongeelaaf

8:38 Dhaloota gaarayyeeffataa: Dhaloota hin addatane, dhaloota gara gaggalaa