10
Yesuus Dhirsaa Fi Niitiin Akka Wol Hin Lakkinne Barsiise
(Mat. 19:1-12; Luq. 16:18)
1 Yesuus addee sanii ka'ee gara biyya Yihuda'aatii fi laga Yordaanosiitiin gama dhaqe. Ammalle gumiin guddoon gara isaa dachaanaan, inni akkuma aadaa ifii isaan barsiise.
2 Worri Fariisaayotaa tokko tokko Yesuus dubbi'iin xaqariisaaf*Xaqariisaaf: Qaxafiisaaf fedhanee, gara isaa dhufanee, «Nami tokko ibidda ifii baasuun seeraa?» jedhanee gaafatane.
3 Yesuus deebisee, «Seerri Muuse'ee maan jedha?» isaaniin jedhe.
4 Isaan deebisanee, «Muuseen ‹Nami tokko woraqata lakkeessaa†Woraqata lakkeessaa: Akkuma Gujiin dibee ibidda ifii galchu, bara san woraqata lakkeessaa barreessanee ibidda ifii lakkisan yookiin galchan barreessee akka lakkisuuf eeyyameera› » jedhane.Mat. 5:31
5 Yesuus deebisee, «Muuseen sababa mataa jabeenna keessaniitiif seera kana isinii barreesse. 6 Jalqabatti yennaa dadi dadantu, ‹Waaqi dhiiraa fi dubartii dade;› 7 ‹Waan kanaaf nami tokko abba'aa fi haadha ifii lakkisee ibidda ifii woliin wol qabatan. 8 Isaan lachuu tokko te'an.› Maarre yoona isaan foon tokko malee lamaanii moti. 9 Waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin!» isaaniin jedhe.
10 Yennaa deebi'anee galane, manatti barattooti isaa dubbii tana isa gaafatane. 11 Inni deebisee, «Eennulle ka ibidda ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu, ibidda ifii dassee gaarayyeeffata. 12 Akkasuma dubartiin abbaa manaa ifii jalaa baatee, nama dhibii heerumtu takka hin gaarayyeeffatti» isaaniin jedhe.
Yesuus Ijoollee Didiqqoo Eebbise
(Mat. 19:13-15; Luq. 18:15-17)
13 Namooti gariin akka Yesuus harka ifiitiin qaqqabee eebbisuuf, ijoollee didiqqoo gara isaa fidane. Barattooti ammoo isaan dheekkamane. 14 Yesuus yennaa waan kana dhagge aaree, «Mootummaan Waaqaa waan ta worra akka ijoollee tanaa teeteef, ijoolleen gara kiyya dhuttuutii, hin dhooggina'aa lakkisa'a! 15 Ani dhugumaan isinitti hima; eennulle mootummaa Waaqaa akka ijoolleen takka fudhattutti ka hin fudhanne, itti hin galu» jedhe.Mat. 18:3 16 Achiin duuba ijoollee habbaarratee harka ifiitiin qaqqabee, isaan eebbise.
Namicha Dureessa Tokko
(Mat. 19:16-30; Luq. 18:18-30)
17 Yesuus ideemiisaaf ka'ee kara'atti bayeeruun, namichi tokko gara isaa fiigee, isa duratti jilbiiffatee, «Barsiisaa dansa'a! Jiruu bara baraatitti galiisaaf ani maan tolchu'uu male?» jedhee gaafate.
18 Yesuus deebisee, «Maaf barsiisaa dansa'a naan jetta? Waaqa tokkocha malee, nami dansaan tokkolle hin jiru. 19 Ati seera ‹Hin ijjeesin, hin gaarayyeeffatin, hin hatin, dharaan nama irratti dhugaa hin bayin, hin sobin, abbaa keetii fi haadha teetiif ulfinna kenni› jedhu hin beetta» jedheen.
20 Namichi deebisee, «Barsiisa'a! Ani seera kana mara ijoollumma'aanuu jalqabee eegadheera» jedheen.
21 Yesuus isa hubatee ilaalee jaalatee, «Waan tokko calla'atti si irraa dhidhate. Dhaqii, waan qaddu gurguriitii, worra hiyyeeyyi'iif kenni, ol-gubba'atti hin duroontaa; achiin duuba koyiitii na hordofi!» jedheen. 22 Namichi yennaa dubbii tana dhage'ee karra guddoo waan qabuuf, fuula ifii gurraachessee, gaddee achii deeme.
23 Yesuus adaala ifii ilaalee barattoota ifiitiin, «Worra dureeyyi'iif mootummaa Waaqaatitti galuun attam rakkisa'a!» jedhe. 24 Barattooti dubbii tana rifatane. Yesuus ammoo ammalle, «Ijoollee tiyya mootummaa Waaqaatitti galiisi attam attam rakko'o! 25 Nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisaan irra gaalli qowa limmo'oo‡Limmo'oo: Marfe'ee keessa hulluuqiisatti kaso'oo» isaaniin jedhe.
26 Barattooti Yesuusii akka malee dubbii tana baaseffatanee, «Yoona eennutti fayyuu dande'a ree?» jedhanee wol gagaafatane.
27 Yesuus gara isaanii ilaalee, «Tun Waaqaaf malee namaaf hin dande'antu; Waaqaaf wonni maraa hin dande'anti» jedhe.
28 Jennaan Pheexroos, «Kunoo, nuuti waan maraa lakkinnee si hordonneerra» jedheen.
29 Yesuus deebisee, «Dhugumaan isinitti hima; eennulle mana yookiin obboleeyyan yookiin obboleettota yookiin haadha yookiin abbaa yookiin ijoollee yookiin fichaa anaa fi Oduu Gammadaatiif jedhee ka lakkise, 30 lafuma tanatti manoota, obboleeyyan, obboleettota, haadhotii, ijoolle'ee fi fichoota harka dhibbaan caalaa miidhaa woliin hin fudhata; lafa dhuttulle'etti jiruu bara baraa hin qabaata. 31 Ammoo worri hedduun amma dura jiranu, worra duubaa hin te'an; worri hedduun amma duuba jiranu worra duraa hin te'an» jedhe.Mat. 20:16
Yesuus Marroo Du'aa Fi Du'aa Ka'a Ifii Sadeessoo Dubbate
(Mat. 20:17-19; Luq. 18:31-34)
32 Yesuusii fi barattooti isaa Yerusaalem dhaqiisaaf kara'atti bayanee ol qabatanuun, Yesuus isaaniin dura ideemuun, barattooti maadeffatanee, worri duubaan hordofiisatti jirulle sodaatane. Inni ammoo worra kudhanii lamaan ammalle maddi'itti baasee, waan isatti dhufu'uuf jiru isaanitti hime. 33 Inni isaaniin «Kunoo, gara Yerusaalemii ol bayaarra; Ilmi Namaa harka sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti dabarfamee hin kennama. Isaan du'a itti muranee, worra Yihudoota hin te'initti§Worra Yihudoota hin te'initti: Ormatti dabarsanee isa hin kennan; 34 isaan isa hin ceeggatan, itti hin tufan, dhaananee hin ijjeesan; ammoo guyyaa sadiin duuba du'aa hin ka'a» jedhe.
Gaaffii Ilmaan Zabdewoosii
(Mat. 20:20-28)
35 Ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis gara Yesuusii dhufanee, «Barsiisa'a! Nuuti akka ati nuuf tolchituuf waan barbaannutti jira» jedhaneen.
36 Yesuus, «Akka ani isinii tolchuuf wonni isin barbaaddanu maan isiin?» isaaniin jedhe. 37 Isaan deebisanee, «Yennaa barcumaa keeti ka mootummaa ulfinnaa irra teette, tokko midda keetitti, tokko bitaa keetitti akka teennu barbaanna» jedhaneen.
38 Yesuus ammoo, «Isin waan gaafattanu hin beettanu! Muduunuu*Muduunuu: Buduunuu, kobolaa rakko'oo ta ani itti unutti unuu hin dandeettanii? Akka ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettanii?» isaaniin jedhe.Luq. 12:50
39 Isaan, «Hin dandeenna» jedhaneen.
Yesuus, «Isin dhugumaan muduunuu ani itti unutti unuu hin dandeettan, akka ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettan. 40 Middaa fi bitaa kiyyatti filee ka teessisu ammoo anaa moti; addee tana worra qophootteertuuf ka kennu Waaqa» isaaniin jedhe.
41 Barattooti kudhan hafane kuun yennaa waan kana dhage'ane, Yaaqoobii fi Yohaannisitti aarane. 42 Yesuus ammoo gara ifii isaan waamee, «Mootoleen worra Yihudoota hin te'inii, worra mowanu hunnaan akka mowanu, bulchooti isaaniille baallii guutu'uun akka bulchanu isinuu hin beettan. 43 Isin oddu'utti ammoo akkas hin te'u; eennulle isin keessaa nama guddaa te'iisaaf ka barbaadu, tajaajilaa keessan te'uu ti. 44 Eennulle isin keessaa nama namaan duraa te'iisaaf ka barbaadu, garbicha nama maraa te'uu ti. 45 Ilmi namaa tajaajiliisaaf, namoota hedduulle wodiisaaf lubbuu ifii kenniisaaf dhufe malee, tajaajilamiisaaf hin dhunne» jedhe.
Yesuus Barxiimewoosii Ila Balla'aa Fayyise
(Mat. 20:29-34; Luq. 18:35-43)
46 Yesuusii fi barattooti isaa Yerikoo dhaqane. Isaan gumii guddo'oon woliin yennaa Yerikoo lakkisanee bayane, namichi ila balla'aa kadhatichi tokko ka Barxiimewoos jedhamu, ilmi Ximeewoosii karaa qarqara tee'eera. 47 Inni Yesuus nama biyya Naaziretii akka te'e yennaa dhage'e, «Yesuus! Ilma Daawitii naaf nayi!» jedhee iyye.
48 Namooti hedduun isa cadhisiisiisaaf xixane; inni ammoo ittuma caalchisee qoonqoo guddo'oon, «Ilma Daawitii, naaf nayi» jedhee iyye.
49 Yesuus dhaabbatee, «Isa as waama'a!» jedhe. Jennaan isaan namicha waamanee, «Inni si waamiisatti jira, jabaadhu! Ka'i!» jedhaneen.
50 Maarre inni geelaa†Geelaa: Kaabbaa kadhaa ifi irraa gatee, utaalee ka'ee, gara Yesuusii dhufe.
51 Yesuus, «Maan akka ani si'iif godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Namichi ballaan deebisee, «Barsiisa'a! Ani dhaggiisaaf barbaada» jedheen.
52 Yesuusille isaan, «Dhugeeffannaan teeti si fayyicheerti deemi!» jedhe.
*10:2 Xaqariisaaf: Qaxafiisaaf
†10:4 Woraqata lakkeessaa: Akkuma Gujiin dibee ibidda ifii galchu, bara san woraqata lakkeessaa barreessanee ibidda ifii lakkisan yookiin galchan
10:4 Mat. 5:31
10:15 Mat. 18:3
‡10:25 Limmo'oo: Marfe'ee
10:31 Mat. 20:16
§10:33 Worra Yihudoota hin te'initti: Ormatti
*10:38 Muduunuu: Buduunuu, kobolaa
10:38 Luq. 12:50
†10:50 Geelaa: Kaabbaa kadhaa