2
Addee Quttumaa Keessatti Gosa Gosaan Akka Itti Qubatane
1 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, 2 «Israa'elooti Dunkaanii Woldeenna'aa irraa fagaatanee, nami tokko tokkooyyuu baandiraa maatii ifii jala, adaala Dunkaanii Woldeenna'aatitti qubatuu ti» jedhe.
3 Ila boru'uu, karaa aduun baatuun, goliin quttuma Yihuda'aa loltoota ifii woliin baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi kolbaa Yihuda'aa, ilma Aminaadaabii Nahasoon. 4 Goliin isaa loltooti laakkowamane 74,600. 5 Gosi Yisaakorii isaanitti aananee hin qubatan. Sooressi kolbaa Yisaakorii, ilma Zuwaarii Nataani'el. 6 Goliin isaa loltooti laakkowamane 54,400. 7 Gosi Zebuloonii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Zebuloonii, ilma Helonii Eliiyaab. 8 Goliin isaa loltooti laakkowamane 57,400. 9 Addee quttumaa ta worra Yihuda'aa keessa akka golii golii isaaniititti akka qubatanu, namooti laakkowamane marti wolumatti 86,400. Worri dursee duula bayu isaan kana.
10 Goliin quttuma Ruubenii gara kibbaatiin, baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi kolbaa Ruubenii ilma Shiide'urii Eliizur. 11 Goliin isaa loltooti laakkowame 46,500. 12 Gosi Shimi'oonii isaanitti aananee hin qubatan. Sooressi kolbaa Shimi'oonii, ilma Zuriishadaayii Shiilumii'el. 13 Goliin isaa loltooti laakkowame 59,300. 14 Gosi Gaadii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Gaadii, ilma Dewu'elii Elii'aasaaf. 15 Goliin isaa loltooti laakkowame 45,650.
16 Quttuma Ruubenii keessaa dhiirti loltooti akka golii golii isaaniititti laakkowame wolumatti 151,450. Worri kun lammeessoo te'anee duula hin bayan.
17 Achiin duuba Dunkaaniin Woldeenna'aatii fi goliin Lewwootaa golii worra qaraatii fi golii worra duubaa wodhakkaa deeman. Isaan adduma addaan bayanee akkuma dur addee quttuma ifii jiranuutitti baandiraa ifii qabatanee hin deeman.
18 Goliin gosa Efreemii loltoota ifii woliin karaa aduun seentuun baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi gosa Efreemii, ilma Amiihudii Eliishaama'a. 19 Goliin isaa loltooti laakkowamanee 40,500.
20 Gosi Minaase'ee isaanitti aananee hin qubatan. Sooressi kolbaa Minaase'ee, ilma Phedaazurii Gamaali'el. 21 Goliin isaa loltooti laakkowamane 32,200. 22 Gosi Beniyaaminii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Beniyaaminii, ilma Giidewonii Abiidaan. 23 Goliin isaa loltooti laakkowamane 35,400.
24 Quttuma Efreemii keessaa dhiirti akka golii golii ifiititti laakkowamane wolumatti 108,100. Isaan sadeessoo te'anee duula hin bayan.
25 Goliin quttuma gosa Daanii loltoota ifii woliin gara kaabaatiin, baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi kolbaa Daanii ilma Amiishadaayii Ahii'ezer. 26 Goliin isaa loltooti laakkowamane 62,700.
27 Gosi Asheerii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Asheerii ilma Okraanii Fagi'el. 28 Goliin isaa loltooti laakkowamane 41,500.
29 Gosi Niftaalemii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Niftaalemii, ilma Enaanii Ahiira'a. 30 Goliin isaa loltooti laakkowamane 53,400. 31 Quttuma Daanii keessaa dhiirti akka golii golii isaaniititti worri laakkowamane 157,600. Isaan dhuma irra baandiraa ifii qabatanee hin bayan.
32 Israa'elooti akka maatii maatii isaaniititti, akka golii golii isaaniititti loltooti laakkowamane martinuu wolumatti 603,550. 33 Lewwooti ammoo akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti gosa Israa'elootaa dhibii woliin hin laakkowanne. 34 Maarre Israa'elooti waan mara akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje godhanee, baandiraa ifii qabatanee, golii golii'ii fi maatii maatii ifii woliin duula bayane.