21
Kana'aanoti Injifatamane
1 Mootichi Araadii nami biyya Kana'aanotaa, ka Negeb*Negeb: Yaadannoo Dad. 24:62 irratti kenname ilaali. keessa le'u, Israa'elooti karaa Ataariim geessuun dhufiisatti akka jiranu yennaa dhage'e, isaan lolee, isaan keessaa garii booji'e. 2 Achiin duuba Israa'elooti, «Ati yoo kolbaa tana harka keennatti dabarsitee kennite, nuuti qachoota isaanii ijjumaa hin balleessina» jedhanee Mootii Waan maraatiif waadaa galane. 3 Mootiin Waan Maraa qoonqoo Israa'elootaa dhage'ee, worra Kana'aanotaa harka isaaniititti dabarsee kenne; Israa'elootille isaanii fi qachoota isaaniille ijjumaa balleessanee, maqaan addee sanii, «Hormaa†Hormaa: Afaan Ibrootaatiin badiisa jechu'u.» jedhamee moggaasane.
Bofa Sageettuu Irraa Hujame
4 Israa'elooti lafa Edoomii irra maranee dabariisaaf, gaara Hooriitii ka'anee karaa abbaayaa diintuu geessu deemane; kolbaan ammoo karaa irratti ossa fixattee, 5 Waaqaa fi Muusee irratti gunguntee, «Goomolee tana keessatti akka duunuuf, isin biyya Gibxi'ii keessaa maaf nu baattane? Sagaleen hin jirtu! Bisaan hin jiru! Nuuti sagalee womaa hin baane tana jibbineera» jette. 6 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa dhudhuufaa odduu kolba'aatitti ergee, Israa'elooti hedduun dhudhuufa'aan iddamanee dhumatane. 7 Kolbaan gara Muuse'ee dhuttee, «Nuuti Mootii Waan Maraatii fi si'i irralle'etti kaanee dubbannee yakkineerra; dhudhuufaa kana akka nu irraa fageessuuf, gara Mootii Waan Maraa nu'uuf daadimadhu» jette. Maarre Muuseen kolba'aaf daadimate. 8 Mootiin Waan Maraalle Muuse'een, «Dhudhuufaa sageettu'uu tolchiitii utuba'atti fannis; nami dhudhuufaan idde gara isaa yoo ilaale hin fayya» jedhe. 9 Maarre Muuseen dhudhuufaa sageettu'uu hujee dongora'atti fannise; nami dhudhuufaan idde martinuu, gara dhudhuufaa sageettuu irraa hujame sanii yennaa ilaale fayye.
Ideensa Gara Mo'aabii
10 Israa'elooti addee sanii ka'anee Obooti qubatane. 11 Isaan Obootii ka'anee, lafa Mo'aabotaatiin gara aduun baatu, goomolee keessa Iyye-Abaariim qubatane. 12 Achii ka'anee dhooqa Zeredii keessa qubatane. 13 Achille'ee ka'anee goomolee haga lafa Amoorotaatitti badhattu keessa laga Aarnoniitiin gama qubatane; lagi Aarnonii Mo'aabotaa fi Amoorota odduu meessaa irra jira. 14 Tanaaf Kitaaba lolaa ka Mootii Waan Maraa keessatti,
«Waahebii Sufaa keessaatitti,
dhooqa laga Aarnoniititti, 15 goodda gara dhooqa sanii ta haga qachaa Aarii ka meessaa Mo'aabiititti» jedhame.
16 Isaan achii ka'anee gara Berii, lafa bisaan boollaa addee Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kolbaa wolitti qabi; anille bisaan isaanii hin kenna» jedhee, dhaqane. 17 Achiin duuba kolbaan Israa'elii,
«Ee boolla bisaanii, bisaan burqi!
Nuutille faaru'uun nageya si fuuna!
18 Boolla bisaanii
ta bulchitootii fi qondaaltoti kolba'aa
ulee bokku'uutii fi ulee ifiitiin
gad qotane» jedhanee faaruu tana faarsane.
Achiin duuba goomolee sanii ka'anee gara Maataanaa deemane; 19 Maataanaalle'ee ka'anee gara Naahaalii'elii, Naahaalii'elille'ee ka'anee gara Baamotii, 20 Baamotille'ee ka'anee gara dhooqa goomolee lafa Mo'aabotaa keessaa, ta qaccee gaara Phiisga'aa irraa gad mudhattuu dhaqane.
Sihoonii Fi Oog Injifatamane
(Kes. 2:26—3:11)
21 Achiin duuba Israa'elooti mooticha Amoorotaa Sihoonitti nama erganee, 22 «Biyya teeti keessa nu dabarsi. Nuuti biyya teeti keessa haga dabarutti karaa guddaa mootichaa irra ideenna malee, gara fichaa tokkoolle yookiin gara oorruu woynii takkaalle hin gorru; baleessa tokkolle keessaa bisaan hin unnu» jedhane. 23 Mootichi Sihoon ammoo kolbaan Israa'elii akka lafa isaa keessa dabartu hin eeyyanne. Inni loltoota ifii wolitti qabatee, Israa'eloota loliisaaf gara goomole'ee dhaqee, Yaahazitti Israa'eloota lole. 24 Te'uu malee, Israa'elooti isa ijjeesanee, lafa isaa laga Aarnoniitii haga laga Yaaboqiititti, haga meessaa Amoonotaatitti qabatane; meessaan Amoonotaa guddoo waan eegameeruuf laga Yaaboqii hin dabarre. 25 Maarre Israa'elooti qachoota Amoorotaa Heshiboonii fi qachoota adaala isaa mara qabatanee, keessatti qubatane. 26 Heshiboon qachaa guddicha mootii Amoorotaa Sihoonii ti; inni dur mooticha Mo'aabii ka durii lolee, lafa isaa haga laga Aarnoniititti irraa fudhateera.
27 Tanaaf worri weeddisu,
«Gara Heshiboonii kowa'a!
Qachaan kun deebi'ee ijaaramuu ti;
qachaan guddichi Sihoonii adde'etti deebi'uu ti!
28 Ibiddi Heshiboon keessaa ka'ee,
bobeenni qachaa Sihoonii keessaa bobe'ee,
qachaa Aarii ka Mo'aab keessaa luxub godhee,
goottolee koobota Aarnonii gube.
29 Ee Mo'aab, si'iif aanne'e!
Ee kolbaa Kemoshii isin baddane!
Kemoshi‡Kemoshi: Waaqa Amooroti waaqonfattu. ilmaan ifii akka baqattu,
ijoollee ifii ta durraa akka booji'antu,
mooticha Amoorotaa Sihoonitti dabarsee kenneera.
30 Nuuti ammoo isaan garagalchine;
Heshiboon haga Diiboniititti badde;
Heshiboonii haga Diiboniititti, haga Nofaatitti,
haga Madabaatitti isaan balleessine» jedhane.
31 Maarre Israa'elooti lafa Amoorotaa keessatti qubatane. 32 Muuseen qachaa Yaazerii akka dooyanu worra dooyu ergeen duuba, Israa'elooti Yaazerii fi qachoota adaala sanii qabatanee Amoorota achi le'anu ari'anee baasane.
33 Achiin duuba Israa'elooti deebi'anee, karaa Baashaan geessu gula ol bayane; mootichi Baashaanii Oog Edraayitti isaan loliisaaf loltoota ifii duudii woliin duula baye. 34 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati isa hin sodaatin; ani isaa fi loltoota isaa, lafa isaalle harka keetitti dabarsee hin kenna. Mootii Amoorotaa Sihoon, ka qachaa Heshiboonii keessa tee'ee bulche akkuma goote, Oogille akkasuma godhi» jedhe. 35 Maarre Israa'elooti Oog, ilmaan isaatii fi loltoota isaa duudii nama tokkolle adoo hin hamburin ijjeesanee, lafa isaalle qabatane.