23
Raaga Bala'aamii Ka Qaraa
Bala'aam, Balaaqiin, «Addee ciinca'aa torba asitti naaf ijaari; korommii torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba naaf qopheessi» jedhe. Balaaqi akkuma Bala'aam jedhe godhe; Balaaqii fi Bala'aamille addee ciinca'aa tokko tokko irrattuu korma tokkoo fi korbeessa hoole'ee tokko ciinca'aaf dhikeessane. Achiin duuba Bala'aam, Balaaqiin, «Ani yennaa achi deemu, ati ciincaa keeti ka gubamu bira as turi; akka wotoo Mootiin Waan Maraa natti mudhatiisaaf hin dhufa fa te'a. Waan inni natti mudhisu mara ani sitti hin hima» jedhe. Maarre inni gara kooba godduu takkaa dhaqe. Achiin duuba Waaqille Bala'aamitti mudhate; Bala'aamille isaan, «Ani addee ciinca'aa torba qopheessee, tokko tokkooyyuu irratti korma tokkoo fi korbeessa hoole'ee tokko dhikeesseera» jedhe.
Mootiin Waan Maraa waan Bala'aam dubbatu afaan keessa keyeefii, «Gara Balaaqii deebi'iitii ergaa tana itti himi» jedheen. Maarre inni gara Balaaqii deebi'ee, inni qondaaltota Mo'aabii mara woliin ciincaa ifii ka gubamu bira dhaabbatuun dhagge. Achiin duuba Bala'aam raagee,
«Mootiin Mo'aabii Balaaqi
gaarota gara aduun baatuu irraa
biyya Aaramii*Aaram: Amma Sooriyaa jedhanti. na fidee,
Balaaqi, ‹Koyiitii, kolbaa Yaaqoobii naa abaari;
koyiitii, kolbaa Israa'elii badin!› jedhe.
Ka Waaqi hin abaarin ani attam abaara?
Ka Mootiin Waan maraa hin badinin
ani attam badina?
Ani gaara rassa'aa irraa isaan dhagga;
kooba irraa isaan ilaala;
isaan kolbaa qofuu leetu,
ta gosa biyya adda addaalle'etti
ifi hin laakkonne dhagga!
10 Sanyii Yaaqoobii ta akka biyye'ee eentu laakkowa?
Yookiin gamisuma gamisa laakkossa Israa'eliille
eentu laakkowuu dande'a?
Ani du'a balcha'aa du'uu ti;
muummeen tiyyalle
akka muummee isaanii teetuu ti!» jedhe.
11 Balaaqi, Bala'aamiin, «Wonni ati na irratti hujje kun maan? Ani diinota kiyya akka naa abaartuuf si fide, ati ammoo isaan eebbitte malee, womaa isaan hin goone» jedhe.
12 Inni deebisee, «Waan Mootiin Waan Maraa akka ani dubbadhuuf natti hime dubbatiisa qabaa motii ree?» jedhe.
Raaga Bala'aamii Ka Lammeesso'oo
13 Achiin duuba Balaaqi, Bala'aamiin, «Gara addee dhibi'ii ta isaan dhagguu dandeettu woliin dhandhaatii koy; isaan keessaa worra diqqaa qofa malee, mara isaanii hin dhaggitu. Achi dhaabbadhuutii isaan naaf abaari» jedhe. 14 Maarre inni mataa gaara Phiisga'aa irra, gara diida Zofiimii isa geesse. Achitti addee ciinca'aa torba ijaaree, tokko tokko irrattuu korma tokkoo fi korbeessa hoole'ee tokko ciincaa dhikeesse.
15 Bala'aam, Balaaqiin, «Ani achitti Mootii Waan Maraatiin wol dhaggiisaaf yennaa deemu, ati ciincaa keeti ka gubamu bira as turi» jedhe.
16 Mootiin Waan Maraa Bala'aamitti mudhatee, ergaa inni dubbatu itti himee, «Gara Balaaqii deebi'iitii ergaa tana itti himi» jedheen. 17 Maarre inni deebi'ee, qondaaltota Mo'aabii woliin ciincaa ifii bira dhaabbatuun isa dhagge. Balaaqi, «Mootiin Waan Maraa maan jedhe?» jedhee Bala'aam gaafate. 18 Bala'aamille ergaa raagaa,
«Balaaqi, ka'iitii caqasi!
Ee, ilma Ziphoorii na dhage'i!
19 Waaqi ilma namaatii motii, inni hin hollu;
yookiin akka namaa yaada ifii hin jijjiiratu.
Inni waadaa gale hin muummessa;
waan dubbatelle hin guuta.
20 Kunoo, ani eebbisiisaaf ajajameera;
inni eebbiseera; ani eebba isaa jijjiiree hin dande'u.
21 Kolbaa Yaaqoobii keessatti wonni hantuun,
Israa'el keessatti rakkoon hin dhagganne.
Mootiin Waan Maraa, Waaqi isaan woliin jira;
isaan mootii ifii leellisan.
22 Waaqi biyya Gibxi'iitii isaan baase;
inni isaaniif akka gaafa gafarsaa ti.
23 Ilmaan Yaaqoobii irratti xanoon,
Israa'el irrattille moruun hin hujju.
Amma waan Yaaqoobiitii fi Israa'elii,
‹Waan Waaqi godhe dhagga'a!› hin jedhama.
24 Kolbaan Israa'elii
akka neenqa dhala'aa ol kaati;
isaan akka neenqa waan adansee qabate
haga nyaatutti, dhiigalle haga unutti
ciisa dhabee ol ka'uu ti» jedhe.
25 Achiin duuba Balaaqi, Bala'aamiin, «Ati isaan eega hin abaarin hin eebbisinille'e!» jedhe.
26 Bala'aam deebisee Balaaqiin, «Ani waan Mootiin Waan Maraa jedhe qofa akka godhu, sitti himee hin jiruu?» jedhe.
Ergaa Bala'aamii Ta Sadeesso'oo
27 Achiin duuba Balaaqi, Bala'aamiin, «Amma addee dhibii si geessaa koy; achi dhaabbattee akka ati isaan naaf abaartu Waaqi hin jaalata fa te'a» jedhe. 28 Maarre Balaaqi, Bala'aam gara qaccee gaara Phe'orii ka irra dhaabbatanee lafa goomole'ee dhagganu geesse. 29 Bala'aam, Balaaqiin, «Asitti addee ciinca'aa torba naaf ijaariitii, korommii torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba naaf qopheessi» jedhe.
30 Maarre Balaaqi akkuma Bala'aam jedhe godhe; addee ciinca'aa tokko tokko irrattuu korma tokkoo fi korbeessa hoole'ee tokko ciincaa dhikeesse.

*23:7 Aaram: Amma Sooriyaa jedhanti.