2
Fakkeenna Te'iisa Ifi Gad Qabuu Kiristoosii
Kiristoosiin jabeenna, jaalala isaatille'een jajjabeenna*Jajjabeenna: Tassiifama, Ayyaana Woyyicha wolille'een tokkummaa yoo qabaattane, mararti'ii fi gadhi-laafummaa woliif yoo mudhittane, yaada tokko te'iisaan, jaalala tokko qabaatiisaan, ayyaanaa fi kaayo'oon tokko te'iisaan gammadi kiyya guutuu akka te'u tolcha'a. Ifi gad qabiisaan worra dhibii ifi caalchisa'aatii ilaala'a malee, halchaa ifi jaalatiisaatiin, yookiin ifi saadiisaatiin waan tokkolle hin godhina'a! Nami martinuu bu'aa worra dhibi'iille ilaaluutii malee, bu'aa ifii callaa hin ilaalin! Yaada Kiristoos Yesuus qabaate isinille qabaadha'a:
Inni yennaa maraa adaba waaqumma'aa adoo qabuu,
ulfinna waaqumma'aa, ka Waaqa woliin isa qixxeessu
lakkisiis akka hin malleetitti hin laakkonne.
Ammoo ulfinna ifii lakkiseeUlfinna ifii lakkisee: Afaan Giriikiitiin, «duwwaa ifi godhe» jedha
akka garbaa te'ee mudhate;
akka namaa te'ee dhalate;
nama fakkaatee mudhate.
Ifi gad qabee,
haga du'aatitti,
haga fannifamee du'ulle'etti, ka ajajamu te'e.
Tanaaf Waaqi isa guddisee ol aansee,
maqaa maqaa mara caalulle kenneef.
10 Tanaaf worri ol-gubbaa jiru,
worri lafa irra jiruu fi worri lafa jala jirulle martinuu,
ulfinna maqaa Yesuusiitiif hin jilbiiffatan.
11 Arrabi martinuu,
ulfinna Waaqa Abba'aatiif,
Yesuus Kiristoos Goottaa akka te'e,
dhugaa baasee hin dubbata.
Biyya Lafaa Keessatti Akka Ifaa Issuu
12 Tanaaf, obboleeyyan tiyya! Yennaa mara akkuma ajajantane, yennaa ani isin bira jiru callaa adoo hin te'in, irra caalaa yennaa ani amma isin bira hin jirre ajajama'a! Soda'aa fi rommiisaan fayyinna keessan muummessiisaaf ittuma huja'a; 13 sababille yaada isaa muummessiisaaf, fedha akka qabaattanu ka isin keessatti huju Waaqa.
14 Waan mara gungumiisaa fi moromaa malee godha'a! 15 Yoo tana gootane, ijoollee Waaqaa ta komii hin qannee fi qulliyyee teetanee, dhaloota micciirama'aa fi hamaa kana keessatti akka urji'ii hin issitan. 16 Jecha jiru'uu jabeessitanee yoo qabattane, rukke'ee fi dadhabbiin tiyya gatii malee waan hin hanneef, guyyaa Kiristoos mura'aaf dhufu waan ittiin ifi jaju hin qabaadha.
17 Ciinca'aa fi kennaa isin dhugeeffanna'aan Waaqaaf kennitanu irratti, dhiigi kiyyalle akka dhibaayyu'uu adoo dhibaafamelle'ee ani hin gammada, isinille gammada kiyya na woliin hin qoodantan. 18 Akkasuma isinille gammaddanee, gammada keessan na woliin qoodamuu qaddan.
Tajaajila Ximootewoosiitii Fi Ephafrodixosii
19 Marroo teessan dhage'ee gadhaan kiyya akka gammaduuf, dafee Ximootewoos gara keessan ergiisaaf Goottaa Yesuusitti addii godhadha. 20 Nama nageya keessaniif gadha'aan isiniif yaadatu ani isa malee hin qabu. 21 Worri kuun maraa Yesuus Kiristoosiif adoo hin te'in, bu'aa ifii barbaadatan. 22 Ximootewoos ammoo nama addatam isaa mirkanaaye akka te'e, na wolille'een akka abba'aa fi ilmaa teenee, hujii Oduu Gammadaa hujaa akka turre isinuu hin beettan. 23 Dubbiin tiyya maan akka teetu akkuma beekeen isa gara keessan akka ergu hin addadha. 24 Aninuu gara keessan dafee akka dhufu Gootta'atti addii qaba.
25 Akkasuma, obboleessa kiyya Ephafrodixos, ka cinaa tiyya dhaabbatee loltichaa fi waa'ela hujii tiyyaa te'e, ka waan naaf barbaachiseen akka ana tajaajiluuf isin ergitane, ergamaa keessan san deebisee gara keessan erguun barbaachisaa teetee natti mudhatteerti. 26 Inni isin maraa dhaggiisaaf dharra'eera; akka inni dhukkuffateeru waan dhageettanelle'eef yaadeera. 27 Inni dhugumaan akka malee dhukkuffatee du'a geyeeraayyu. Waaqi ammoo isaaf marareera; isa calla'aaf adoo hin te'in, akka ani gadda irratti gadda hin dabalanneef analle'eef marareera. 28 Tanaaf isin isa deebitanee dhaggitanee akka gammaddanuu fi gaddi kiyyalle akka goomuuf, isa gara keessan ergiisaaf guddoo fedheera. 29 Maarre maqaa Gootta'aatiin gammada guutu'uun isa fudhadha'a; nama akka isaa jiru mara ulfeessa'a. 30 Qarqaarsa isin naaf kennuu hin dande'in guutiisaaf jedhee, adoo jiruu ifiitiifille hin qorin, hujii Kiristoosiitiif du'a geyeeraayyu.

*2:1 Jajjabeenna: Tassiifama

2:7 Ulfinna ifii lakkisee: Afaan Giriikiitiin, «duwwaa ifi godhe» jedha