13
Ilmi qaroon gorsa abbaa ifii hin fudhata;
ilmi murgaamessi ammoo xixicha hin dhage'u.
Nami waan dansaa afaan isaa keessaa bayu irraa,
waan dansaa dhaggata;
worri hin addatanne ammoo
hunnaan nama irratti ka'iisaaf halchan.
Nami afaan ifii eegatu,
jiruu ifii eegata;
ka ifi eegataa hin dubbanne ammoo hin bada.
Nami boosenni hin halcha malee
womaa hin dhaggatu;
nami jabaatee huju ammoo waan halche hin dhaggata.
Nami balchaan dhara jibba;
nami hamaan ammoo qaani'ii fi salphinna fida.
Balchummaan nama yakkaa hin qanne eeddi;
hammeenni ammoo cubbaalessa balleessa.
Nami womaa adoo hin qabaatin
dureessa ifi fakkeessu tokko jira;
ka dhibiin ammoo qabeenna guddaa adoo qabuu
hiyyeessa ifi fakkeessu tokko jirra.
Nami dureessi karra ifiitiin
jiruu ifii wodatiisa dande'a fa'a te'a;
nami hiyyeessi ammoo
karra waan hin qanneef,
jiruu ifii wodatiisaaf itti hin rakkatu.
Ifi worra balcha'aa yennaa mara ifa;
issaan nama hama'aa ammoo hin dhaama.
10 Ifi jajiis lola qofa kaasa;
qarummaan ammoo worra gorsa fudhatu bira jirti.
11 Karri ariiti'iin dhaggatane ariifattee baddi;
ka diqqeessee diqqeessee
kuufate ammoo itti ede'ata.
12 Addiin yennaa turte gadhaa nama gaddisiitti;
halchaan muummotte ammoo
midhaan muka jiru'uu ti.
13 Nami gorsa tuffatu badii ifi irratti fida;
nami ajaja ulfeessu
ammoo gatii irraa dhaggata.
14 Barsiisi nama qaro'oo madda jiru'uu ti;
tiyyoo du'aa irraa nama deebisa.
15 Qalbeeffati dansaan ulfinna namaaf kenniti;
karaan worra hin addatannee ammoo bu'aa-bayi'i.
16 Nami qalbeeffataan beekkumsaan hujata;
gowwaan ammoo gowwummaa ifii
badhinnatti mudhisa.
17 Ergamaan hamaan rakkoo keessa gala;
ergamaan addatamaan ammoo nageya buusa.
18 Nama qajeelfama tuffatu
hiyyumma'aa fi salphinnatti itti dhufa;
nami xixicha dhage'ee deebi'uu ammoo hin ulfaata.
19 Halchaan muummottu namatti mi'ootti;
gowwooleen ammoo
waan hantuu irraa deebi'iisa jibban.
20 Nami qaroo woliin ideemu qaroo hin te'a;
waa'elli gowwa'aa ammoo hin farra.
21 Wonni hantuun cubbaaleyyii ariiti;
qananummaan ammoo gatii balcha'aa ti.
22 Nami dansaan ijoollee ijoollee ifiitiif
dhaala lakkisee dabara;
qabeenni cubbaalessaa ammoo
balcha'aaf kuufama.
23 Fichaan nama hiyyeessaa
midhaan bacaa kennuu dande'a;
haqa dhabiisi ammoo haxowee duraa balleessa.
24 Nami ilma ifii adabiisa mararfatu ilma ifii jibba;
ka jaalatu ammoo malaan adabee isa guddisa.
25 Nami balchaan haga quufutti nyaata;
nami hamaan yennaa mara beelota.