15
1 Deebiin dansaan aarii qabbaneessiti;
jechi jabaan aarii kakkaasa.
2 Arrabi qaro'oo beekkumsa saada;
afaan gowwa'aa ammoo gowwummaa dubbata.
3 Ilti Mootii Waan Maraa addee mara jirti;
waan hantu'uu fi dansaalle hin dhaggiti.
4 Arrabi dansaan muka jiru'uu ti;
arrabi dabaan ammoo yaada namaa cassa.
5 Gowwaan gorsa abbaa ifii tuffata;
nami xixicha dhage'u ammoo qarummaa mudhisa.
6 Mana nama balcha'aa keessa qabeenna gudda'atti jira;
bu'aan nami hamaan dhaggatu ammoo
rakkoo itti fiddi.
7 Afaan qaro'oo beekkumsa facaasa;
qalbiin gowwa'aa ammoo akkasii moti.
8 Mootiin Waan Maraa ciincaa worra hama'aa hin jibba;
daadimati worra qajeela'aa ammoo
isa gammachiisa.
9 Mootiin Waan Maraa karaa worra hama'aa hin jibba;
worra balchummaa gula deemu ammoo hin jaalata.
10 Nama daandii irraa goru adabbii jaddu'utti eegata;
ka xixicha jibbulle hin du'a.
11 Addeen worri du'e jiruu fi addeen badi'ii
Mootii Waan Maraa duratti eega beekkantee,
gadhaan namaa attam attam
irra caalaa hin beekkanne ree?
12 Nami murgaamessi xixamuu hin jaalatu;
inni nama qaroolle gorsa hin gaafatu.
13 Nami gadhaan isaa gammade fuula ifa;
nami gadhaan isaa gadde ammoo yaada caba.
14 Qalbiin nama hubantii qabuu beekkumsa barbaaddi;
afaan nama gowwa'aa ammoo
gowwummaa raama.
15 Hiyyeessaaf guyyaan marti hama'a;
gadhaa gammada qabuuf ammoo
guyyaan marti jila.
16 Qabeenna guddaa hogaa qabuu mannaa,
qabeenna diqqaa qabaatanee
Mootii Waan Maraa sodaataa le'iisa woyya.
17 Addee jibbi jirutti cooma sanga'aa nyaatiisaa mannaa,
addee jaalalli jirutti
shaanaa nyaatiisa woyya.
18 Nami dafee aaru lola kaasa;
nami ossatu ammoo
lola qabbaneessa.
19 Karaan nama booseyaa qore'een cufameera;
karaan nama qajeela'aa ammoo
gufuu hin qabu.
20 Ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa;
nami gowwaan ammoo haadha ifii tuffata.
21 Nama gowwaa gowwumma'atti gammachiisa;
nami qaroon ammoo karaa qajeelaa deema.
22 Gorsi yoo hin jiraatin karoorri hin milkowu;
gorsitooti yoo heddatte ammoo
karoorri hin milkowa.
23 Nami deebii malte namaaf deebisiisaan gammada;
dubbiin yennaa isi'ii maltetti
dubbatantu attam attam dansa'a!
24 Karaan nama qaro'oo addee
worri du'e jirutti akka inni gad hin buuneef,
gara jiru'uutitti ol isa geessa.
25 Mootiin Waan Maraa mana worra kooruu hin diiga;
meessaa haadha hiyyeessaa ammoo hin eega.
26 Mootiin Waan Maraa yaada worra hama'aa hin jibba;
yaadi worra qulqullu'uu ammoo
isa gammachiisan.
27 Nami joljolaan maatii ifii irratti rakkoo fida;
nami safuu jibbu ammoo hin le'a.
28 Gadhaan nama balcha'aa
deebii kenniisaan dura itti yaada;
afaan nama hama'aa ammoo dubbii hantuu dubbata.
29 Mootiin Waan Maraa nama hamaa irraa fagoo jira;
daadimata balcha'aa ammoo hin dhage'a.
30 Fuulli ifaan gadhaa namaa gammachiisa;
oduun gammadaa lafee jabeessiti.
31 Nami xixicha jiruu kennu caqasu,
qaroolee odduu hin le'a.
32 Nami gorsa tuffatu,
ifi tuffata;
nami xixicha dhage'u ammoo
hubantii dhaggata.
33 Mootii Waan Maraa sodaatiis qarummaa nama barsiisa;
ulfinna dhaggatiisaan dura gad ifi qabiisatti jira.