26
1 Dhakaan roobaa bona keessa,
bokkeenni yennaa midhaan galfatanuuf akkuma hin teene,
ulfinnille gowwa'aaf hin te'u.
2 Abaarsi akkasumaan nama abaaranu,
akkuma sinbirroota koolaan asii fi achi kaatuu ti malee,
nama tokkolle hin miidhu.
3 Licheen fardaaf,
bixaalli gaange'eef akkuma barbaachisu,
uleen dudda gowwa'aatiif hin barbaachitti.
4 Atinuu akka isaa akka hin teene,
gowwa'aaf akka gowwummaa isaatitti
deebii gowwittii hin deebisin.
5 Nami gowwaan qaroo akka ifi hin seene,
akkuma gowwummaa isaatitti deebii isaaf kenni.
6 Nami nama gowwaa ergatu,
akka nama miila ifi irraa muree rakkinna ifitti fiduu ti.
7 Fakkeenni afaan gowwa'aa keessaa bawu,
akka miila naafatee rarra'uu ti.
8 Nama gowwa'aaf ulfinna kenniis,
akka nama looyya'atti dhakaa hidhuu ti.
9 Fakkeenni afaan gowwa'aa keessaa bawu,
akka qoree harka nama machowa'aa keessa jirtuu ti.
10 Nami nama gowwaa yookiin nama karaa deemu qaxaru,
akka nama daaya akkuma dhagge
darbatee nama dhagge madeessuu ti.
11 Sareen diddiga ifiititti akkuma deebitu,
gowwaalle gowwummaa ifiititti hin deddeebi'a.
12 Nama qaroo ifi sewu dhaggiteertaa?
Isa caalaa gowwa'atti addii qaba.
13 Nami booseyi, «Neenqi karaa keessa jira!
Neenqi karaa guddaa keessa jira» jedha.
14 Miilli saanqa'aa iloo keessa akkuma garagaggalu,
nami booseyille taqee ifii irra garagaggala.
15 Nami booseyi harka ifii qorii keessa hin keya;
garuu gara afaan ifii deebifatiisa guddoo dadhaba.
16 Nami booseyi,
namoota torba ka hubanti'iin deebii deebisanu caalaa
qaroo ifi seya.
17 Nami akkasumaan dubbii namaa keessa galu,
akka nama saree karaa ideentu gurra qabuu ti.
18 Akkuma maraataan umeessaa ibiddaatii fi
daaya nama ijjeesu namatti gad lakkisu,
19 nami nama gowwoonsee,
«Ani hin taphadhe» jedhulle akkasuma.
20 Qoraan yoo hin jiraatin ibiddi hin dhaama;
hamiin yoo hin jiraatin lolli hin hafa.
21 Cileen kashila,
muki ibidda akkuma gabbisu,
nami dubbii tuttuqu lola kaasa.
22 Jechi hami'ii akka tuuqata mi'owuu ti;
gara keessa namaa gad seena.
23 Nami afaan ifiitiin dansaa fakkaatee,
gadhaa ifii keessaa yaada hamaa qabu,
akka meya faaraa ka meetii itti gonfanee ti.
24 Nami kijibu afaaniin nama sossoba;
gadhaa ifiitiin hantuu yaadata.
25 Yaadi hamaan torba
waan gadhaa isaa keessa guuteeruuf,
yennaa inni afaan laafee dubbatu,
isa hin dhugeeffatin.
26 Kijibummaa ifii maltumma'aan dhoffatulle,
hammeenni isaa ammoo gumii
keessatti diidatti hin baya.
27 Nami boolla namaaf qotu,
ifumaafuu keessa hin bu'a.
Nami dhakaa namatti konkolaachisulle,
dhakaan sun deebi'ee isuma irra hin konkolaata.
28 Arrabi dharaamessi worruma ifiifuu miidhe jibba;
afaan sobaan kookkisulle badii namatti fida.