29
Nami yennaa hedduu xixameen duuba didee mataa jabaatu,
cannana fayyuu hin dandeenne dedhuma caba.
Balchooti yennaa baallii fudhatanu,
kolbaan guddoo gammadi;
yennaa nami hamaan bulchu
ammoo kolbaan hin aaddi.
Nami qarummaa jaalatu,
abbaa ifii gammachiisa;
nami jaala sagaagaltu'uu te'u ammoo
qabeenna ifii bittinneessa.
Mootiin haqa muriisaan biyya ifii hin jabeessa;
ka safuu fudhatiisaaf joljolu ammoo
biyya ifii hin balleessa.
Nami afaan calla'aan nama kookkisu,
fonxoroo miila ifiititti afa.
Nami hamaan cubbuu ifiitiin qabama;
nami balchaan ammoo hin faarfata;
hin gammadalle'e.
Nami balchaan marroo haqa hiyyeessaatiif hin haajama;
Nami hamaan ammoo haajaa hin qabu.
Namooti namatti murganu qachaa jeeqan;
namooti qaroon ammoo aarii qabbaneessan.
Nami qaroon nama gowwaa woliin gara seeraa yoo dhaqe,
gowwaan sun hin mufata
yookiin hin murga;
nageennille hin jiraatu.
10 Namooti dhiiga namaa dhangalaasanu,
nama dhugaammessa jibban;
nama qajeelaa ijjeesuu barbaadan.
11 Nami gowwaan yaada aarii ifii mara dubbata;
nami qaroon ammoo ossaan ifi qabataa dubbata.
12 Bulchaan tokko oduu dharaa yoo caqase,
qondaaltoti isaa martinuu hamoolee hin te'an.
13 Mootiin Waan Maraa isaan lamaaniifuu ila waan kenneef,
hiyyeessii fi ka hiyyeessa cunqursulle tanaan woluma qixxe'e.
14 Mootiin hiyyeessaaf haqaan yoo mure,
barcumaan mootummaa isaa
bara dheeraa jabaatee hin dhaabbata.
15 Ijoollee xixanee adabuun qarummaa kennitiif;
ijoolleen gad lakkifante ammoo haadha ifii qaanessiti.
16 Yennaa worri hamooleen baallii fudhatanu
cubbuun hin bacatti;
balchooti ammoo jinnana isaanii hin dhaggan.
17 Ijoollee teeti adabi;
isaan foora si'iif hin kennan;
gadhaa keetille hin gammachiisan.
18 Addee mudhiin hin jirre,
kolbaan seera malee teeti;
nami seera eegatu ammoo ka gammade.
19 Tajaajilaan afaan calla'aan hin adabatu;
inni yoo hubateeyyuu deebii hin kennu.
20 Nama dubbii ariifatu dhaggitaa?
Isa caalaa nama gowwa'atti addii qaba.
21 Nami tajaajilaa ifii ijoollummaa isaatii jalqabee qananiisu,
dhuma irratti gadda ifitti fida.
22 Nami aarameessi lola kaasa;
nami dafee mufatu cubbuu hedduu huja.
23 Nami ol ifi qabu salphinna ifitti fida;
nami gad ifi qabu ammoo ulfinna dhaggata.
24 Nami jaala hattu'uu te'u ifi jibba;
kakatee dhugaa akka bayuuf hin gaafatama;
dhugaa bayiisaaf ammoo inni itti hin gamu.
25 Nama sodaatiis tiyyoo keessa nama seensisa;
nami Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo nageyaan le'a.
26 Namooti hedduun bulchaa duratti
fudhatama dhaggatiisa barbaadan.
Nami ammoo muraa haqaa
Mootii Waan Maraa biraa dhaggata.
27 Nami balchaan nama hamaa jibba;
nami hamaalle nama qajeelaa jibba.