31
Gorsa Mootichaaf Kenname
1 Jechi asii gadii kun ka haati Lemu'elii mootichaa isa barsiitte:
2 «Ee ilma kiyya,
ilma gadaamessa kiyyaa,
ilma Waadaa kiyyaa,
3 hunna teeti dubartoota irratti hin fixin;
yennaa teetille dubartoota mootota balleessitu irratti hin fixin.
4 «Ee Lemu'el, moototi daadhii woyni'ii unuu hin qabanu;
bulchitootille untoo nama macheessitu unuu hin qabanu.
5 Isaan yoo unane,
seera hin dedhan;
worra cunqurfame mara haqa hin dhooggan.
6 Untoo nama macheessitu,
nama badiisatti jiruuf,
daadhii woyni'iille nama farra hantuu keessa jiruuf kenni.
7 Isaan unanee hiyyummaa ifii dedhanuu ti;
farra ifiille deebi'anee hin qaabatin.
8 «Ati worra ifiif dubbatuu hin dandeenneef dubbadhu;
worra qarqaarsa hin qanne maraaf falmadhu.
9 Dubbadhu;
dhugaa muri.
Haqa hiyyeessaatii fi
rakkata'aatiif falmadhu» jette.
Niitii Amala Dansaa qaddu
10 Niitii qalbii qaddu eentu dhaggatuu dande'a?
Isiin dooqa diimaa caalti.
11 Dhirsi isi'ii gadhaa tokkochaan isii addata;
Inni waan tokkolle hin dhabu.
12 Bara jiruu isi'ii mara waan dansaa isaaf gooti malee,
waan hantuu isa irratti hin hujju.
13 Isiin rifeensa hoole'eetii fi quncee talba'aa barbaaddee,
harka ifiitiin woyaa dhootti.
14 Isiin akkuma hoboloota gugurdoo daldaltootaa,
biyya fago'oo irraa sagalee fiddi.
15 Isiin ganama adoo latti hin bari'in kaatee,
maatii ifiitiif sagalee kenniti;
durra tajaajiltoota ifiitiifille
hujii isaanii itti qooddi.
16 Isiin fichaa qorqortee bitatti;
bu'aa hujii harka ifiitiin
muka woyni'ii dhaabbatti.
17 Isiin hunnaan hujii ifii hujatti;
irreen isi'iille huji'iif jaddu'u.
18 Hujiin isi'ii bu'aa akka qaddu hin beetti;
issaan isi'iille halkan hin dhaamu.
19 Harka ifiitiin fuuttaa qabatti.
Quba ifiitiin liqaaqaa irbiti.
20 Isiin hiyyeessaaf hin kenniti;
rakkataalle hin qarqaarti.
21 Maatiin isi'ii martinuu
woyaa qorra nama irraa dhooggitu waan qabanuuf,
yennaa rooba dhaka'aa isaaniif hin yaaddottu.
22 Isiin woyaa taqee ifii irra afattu dhowatti;
isiin woyaa dansaa quncee talba'aa irraa hujantee fi
woyaa dhiillee uffatti.
23 Dhirsi isi'ii jaarsolee biyyaa odduu,
badhinna karra qacha'aa yennaa tee'u ulfinna qaba.
24 Isiin quncee talba'aa irraa woyaa dhoottee gurgurti;
daldaltootaafille hiituu gurgurti.
25 Isiin hunnaa fi ulfinna akka woya'aa uffatti;
bara dhufaaru itti gammaddi.
26 Isiin qarumma'aan dubbatti;
afaan isi'ii keessa barsiisa dansa'atti jira.
27 Isiin jireenna maatii ifii akka dansaa eeddi;
isiin booseyaa moti.
28 Ijoolleen isi'ii lafaa kaatee,
«Gammadee» jettee isii waanti;
abbaan manaa isi'iille akkasuma jedhaa, isii leellisaa,
29 «Dubartooti hedduun waan dansaa hujaneeran;
ati ammoo isaan mara hin caalta» jedhaan.
30 Miidhagiis nama soba;
dansummaan hin baddi;
dubartiin Mootii Waan Maraa sodaattu ammoo hin leellifanti.
31 Bu'aa hujii isi'iitiif badhaasa kenna'aaf!
Hujiin isi'ii badhinna karra
qacha'aatitti isii leellittuu ti.