Kitaaba Faaru'uu
Seensa
Kitaab faaru'uu Kitaaba Woyyicha keessatti kitaaba mara caalaa dheerata. Faaruun tun nama tokkoon yookiin nama heddu'uun faarfanti yookiin dubbifanti. Kitaaba kana keessa faaruu dhibba tokkoo fi shantamatti jira. Hedduu isaanii ka barreesse mooticha Daawiti. Faaruun tun bara dheeraa keessatti wolitti qabantee, sirna waaqonfannaa kolbaa Israa'eliitiif teete. Faaruun tokko tokko meya faaru'uu ka attamiitii fi yoyyoma attamii hordofiisa akka malte sooressa faarfattootaa akeekan. Fakkeennaaf faaruun arfeesso'ootii fi faaruun afurtamii shaneesso'oo kana ilaala. Leellisi, galati, dhugeeffannaan, addiin, araara gaafatiisi, addatamummaan Waaqaatii fi qarqaarsi isaa, yaadi gugurdaan Kitaaba Woyyichaa kun faaruu keessatti mudhifamaneeran.
Handhurti yaada faaruu tanaa Waaqatti addatiisa. Barreessitooti faaruu tanaa Waaqa galateeffatiisaan yookiin rakkoo ifii himiisaan fedhii ifii ta dhuga'aa dhikeessan.
Israa'elii durii keessatti faaruu tana haala adda addaa keessatti itti fayyadamaa turane. Haalli kunille: 1. Waaqa galateeffatiisaaf, faaruu 105:2. Gadda mudhisiisaaf, faaruu 13; 3. Barsiisiisaaf, Faaruu 1; 4. Moototi Israa'elii akka haqa muranu daadimatiisaaf, faaruu 72:5. Waaqi dada mara irratti baallii inni qabu himiisaaf, faaruu 47:6. Yerusaalemiif jaalala mudhisiisaaf, faaruu 122:7. Guyyaa jilaatiif, faaruu 126.
Faaruun hedduun kaayoo tokko caalaa qabaatiisa dande'an. Goottaan keenna Yesuus Kiristoos lallabaa fi barsiisa ifii keessatti faaruu tana keessaa yennaa hedduu itti fayyadameera. Barreessitooti Gondooroo Haareyaalle itti deddeebi'anee faaruu tana keessaa fuudhanee barreessaneeran. Wolde'i Kiristaanaa ka jalqabaa Waaqa waaqonfatiisaaf, karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan dansaa Waaqi godheef, faaruu tanatti fayyadamaneeran. Fakkeennaaf kitaaba faaru'uu keessaa 118:22 Gondooroo Haareya keessatti yennaa jaa barreeffameera.
Kitaab faaru'uu kutaa shanitti qoodama; kutaa qaraatii fi lammeesso'oo irra caalaa mooticha Daawititti barreesse: Kutaa sadeesso'oo Asaaf yookiin ijoollee Qoraahiititti barreesse:
Faaruun 120—134 faaruu guyyaa jilaa ti: Kutaan faaru'uu shanan:
Haadhoo Dubbi'ii
Faaruu 1—41
Faaruu 42—72
Faaruu 73—89
Faaruu 90—106
Faaruu 107—150
Kitaaba tokkeesso'oo
1
(Far. 1—41)
Karaa Lama
Nami gorsa hamaaleyyi'iitiin hin ideenne,
ka karaa cubbaaleyyi'ii hin hordonne,
ka worra busheeshu woliin tokkummaa hin qanne,
ka gammade.
Nami akkasii ammoo
seera Mootii Waan Maraatiin gammada;
halkanii fi guyyaa seeruma isaa yaadata.
Inni akka muka laga qarqaratti dhaabamee,
yennaa yenna'aan midhaan buusuu,
ka baalli isaa hin qoorree ti.
Wonni inni huju marti isaaf hin teeti.
 
Hamaaleyyiin ammoo akkasii moti;
isaan akka hicaacee qilleensi haxowee deemuu ti.
Tanaaf, hamaaleyyiin muraa jalaa hin bayanu;
cubbaalleyyiille yaa'ii balchootaa keessatti
hin dhaggamanu.
Tanaaf, Mootiin Waan Maraa
karaa balchootaa hin beeka;
karaan hamaaleyyi'ii ammoo hin bada.