4
Daadimata Waaqatti Addatiisaan Dhikaatu 
 Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante. 
  1 Ee Waaqa balchaa kiyya,  
yennaa ani si waamu naaf owwaadhu.  
Yennaa ani rakkoo keessa jiru  
ati ammoo bilisa na baacha.  
Ammalle naa mararii daadimata kiyya dhage'i.   
 2 Ee Kolba'a, isin haga yoomii ulfinna kiyya salphittan?  
Haga yoomii waan bu'aa hin qanne jaalattan?  
Haga yoomii dhara barbaaddan?   
 3 Mootiin Waan Maraa worra isaaf addatamaa te'e  
akka filate beeka'a;  
yennaa ani isa waammadhu naaf hin dhage'a.   
 4 Isin yennaa aartanulle cubbuu hin hujina'a;  
isin yennaa taqee teessan irra jirtanu,  
cadhisa'aatii qalbii teessan keessatti itti yaadadha'a.   
 5 Ciincaa sirrii te'e dhikeessa'aatii,  
Mootii Waan Maraatitti addadha'a.   
 6 Namooti, «Waan dansaa eentu nutti mudhisa?» jedhanee gaafatanu heddu'u;  
ee Mootii Waan Maraa, ifi fuula keetii nu irratti ifuu ti.   
 7 Gammada worri dhibiin  
midhaanii fi woynii ifii irraa dhaggatu caalaa,  
ati na gammachiitteerta.   
 8 Mootii Waan Maraa, ka nageyaan na eegu,  
si qofa waan te'eef,  
ani yennaa irkadhu, nageyaan rafa.