18
Faaruu Injifanno'oo
(2 Sam. 22:1-51)
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu garbichi Mootii Waan Maraa Daawiti yennaa Mootiin Waan Maraa harka Saa'oliitii fi diinota isaa mara jalaa isa baase Mootii Waan Maraatiif faarfate.
1 Ee Mootii Waan Maraa, ati jabeenna kiyya;
ani si jaaladha.
2 Mootiin Waan Maraa rassaa kiyya,
waan itti golladhu;
ka na baasulle'e.
Waaqi kiyya rassaa kiyya ka ani itti baqadhu;
inni wontee tiyya;
ka akka gaafaa woy na irraa dhooggu;
inni waan ani itti golladhu.
3 Ani Mootii Waan Maraa leellifamaa
hin waammadha;
innille diinota kiyya jalaa na hin baasa.
4 Wodaroon du'aa natti maratte;
danbaliin badi'ii na bararassite.
5 Wodaroon qilee du'aa na xaxxee,
tiyyoon du'aa na qabatte.
6 Rakkinna kiyya keessatti
ani Mootii Waan Maraa kiyya waammadhe;
akka na qarqaaruuf,
Waaqa kiyyatti iyye.
Inni Dunkaanii Woyyittii ifii keessaa
qoonqoo tiyya dhage'e;
iyya tiyyalle caqase.
7 Mootiin Waan Maraa waan aareef,
latti rommitee tachoote;
hundeen gaarotaalle hargufamanee raafamane.
8 Funnaan isaa keessaa aarri baye;
afaan isaa keessaa ibiddi luxub godhuu fi
kashilli ibiddaa baye.
9 Inni ol-gubbaa dayyaasee gad bu'e;
duumensi gurraachi miila isaa jala jiraayyu.
10 Inni dada ol-gubba'aa ta koola qaddu irra tee'ee,
koolaan ka'aa,
koola qilleensaa irra tee'ee ariifatee dhufiisatti jira.
11 Inni dukkana gollaa ifii godhatee,
dunkaaniin isaa adaala isaa jirtiiyyu;
duumensi gurraachi bisaaniin guutame,
isa marseera.
12 Calalaqa fuula isaa dura jiru keessaa,
dhakaan bokkeyaatii fi kashilli ibiddaa
duumensa dayyaasanee bayane.
13 Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa mandi'e;
Waaqi Ol Aanaan qoonqoo ifii dhageessise.
14 Inni daaya ifii darbatee diinota ifii bittinneesse;
balaqqeessa balaqqeetti'iitiin
gara itti goranu isaan wollaalchise.
15 Ee Mootii Waan Maraa, xixicha keetiin,
dhowicha hafuura funnaan keetiitiin,
dhooqoti abbaayaa jalaa mudhatane;
hundeen lafaa marti qullaa hafane.
16 Inni gubbaa irraa gad hiixatee, na qabe;
bisaan gugurdaa keessaa harkisee na baase.
17 Isaan akka malee hunnaan waan na caalanuuf,
inni diinota kiyya hunnaameyyii,
worra na jibbu jalaa na baase.
18 Yennaa ani rakkadhe, isaan na irratti ka'ane;
Mootiin Waan Maraa ammoo na qarqaare.
19 Inni gara addee badho'oo na geessee,
waan natti gammadeef, na baase.
20 Mootiin Waan Maraa
akkuma balchummaa tiyyaatitti naaf godhe;
inni waan ani yakkaa hin qanneef gatii naa kaffale.
21 Ani karaa Mootii Waan Maraa waan hordofeef,
Waaqa kiyya irraa deebi'ee
waan hantuu hin hunye.
22 Ani seera isaa mara muummesseera;
seerata isaalle hin didane.
23 Ani isa duratti komii hin qabuuyyu;
cubbuu irraalle ifi eeggadheera.
24 Mootiin Waan Maraa akkuma balchummaa tiyyaatitti,
ani waan yakkaa hin qanneef gatii naa kaffale.
25 Ee, Mootii Waan Maraa,
ati worra addatama'aaf, ka addatante;
worra komii hin qanneef, ka komii hin qanne.
26 Worra qulqullu'uuf, ati qulqullu'u;
worra dabaalessaaf,
akka daba isaaniititti gatii isaaniif kennita.
27 Ati worra gad ifi qabu hin baacha;
worra kooru ammoo hin salphitta.
28 Ee Mootii Waan Maraa, ati ifa naaf hin issita;
Waaqa kiyya, ati dukkana tiyya hin issita.
29 Qarqaarsa keetiin ani loltoota hin lola;
qarqaarsa Waaqaatiin
dalleya gubba'aan utaaluu dande'a.
30 Karaan Waaqaa dhidhinna hin qabu;
jechi Mootii Waan Maraa dhuga'a;
worra isatti baqatuuf, inni wonte'e.
31 Waaqa malee Mootiin Waan Maraa eennu?
Waaqa keenna malee rassaan eennu?
32 Jabeenna ka anaaf kennu,
ka karaa naaf qajeelchu Waaqa.
33 Inni miila kiyya akka miila gadansaa hin jabeessa;
gaarota gubbaa sodaa malee na dhaabbachiisa.
34 Guubee sageettu'uu hujuu akka dande'u,
harka kiyyalle lolaaf hin leenjisa.
35 Wontee teeti ta fayyinnaa naa kennitee,
harki keeti middichi na qarqaare;
qarqaarsi keeti guddaa na godhe.
36 Karaa ideemmaa tiyyaa naaf badhitte;
miilli kiyya hin mucucaanne.
37 Ani diinota kiyya ari'ee hin dhaqqaba;
ani haga isaan balleessutti
gara duubaa hin deebi'u.
38 Akka isaan dande'anee hin kaane,
gad isaan hin dhowa;
isaan miila kiyya jalatti hin jigan.
39 Ati lolaaf hunna naaf kennite;
diinota kiyya irratti injifannoo naaf kennite.
40 Ati diinoti kiyya akka duubatti deebi'anu goote;
ani worra na jibbu balleesse.
41 Isaan qarqaarsa gaafatiisaaf iyyane;
ammoo nami tokkolle isaan hin qarqaarre.
Isaan Mootii Waan Maraa waamane;
inni ammoo deebii hin kennine.
42 Akka bukuu qilleensi afuufuu, ani isaan butuche;
akka dhoqqee karaa keessaa, ani isaan irra sirbe.
43 Ati kolbaa na loltu jalaa na baattee*Baattee: Yookiin baache.,
gosa biyya adda addaa irratti bulchaa na goote;
kolbaan ani hin beenne na tajaajilti.
44 Isaan akkuma marroo tiyya dhage'aneen,
naaf ajajaman;
ormi gad naaf jedhan.
45 Isaan Sodaatanee addii kutatan;
rommanee kushee jadduu ifii lakkisanee bayan.
46 Mootiin Waan Maraa jiraata'a!
Rassaan kiyya leellifamuu ti!
Waaqi fayyisaan kiyya jajamuu ti.
47 Inni Waaqa diinota kiyya haluu naa bayu;
gosa biyya adda addaa harka kiyya jala galcha.
48 Inni diinota kiyya jalaa na baasa.
Diinota kiyya irratti ol ol na qaba;
kolbaa hunnaan na irratti kaatu jalalle'ee na baasa.
49 Tanaaf, Mootii Waan Maraa,
gosa biyya adda addaa oddu'utti, ani si leellisa;
Faaruu leellisaatiin maqaa keeti faarfadha.
50 Mootiin Waan Maraa mooticha mootii godheef,
injifachaa kenna;
ka ifii muude Daawitii fi sanyii isaatiif,
jaalala ifii ka bara baraa
itti mudhisa.