28
Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Daawitii.
1 Ee Mootii Waan Maraa, ani si waammadha;
rassaa kiyya, ati na jalaa hin cadhisin!
Ati yoo na jalaa cadhitte,
ani akka worra boolla awwaalaatitti gad bu'ee hin te'a.
2 Qarqaarsa dhaggatiisaaf,
harka kiyya gara addee woyyittii woyyootaa teetii ol kaasee,
yennaa ani gara keeti iyyu,
daadimata kiyya naaf dhage'i.
3 Worra hamaaleyyii,
ka waan hantuu huju woliin na hin harkisin!
Isaan ollaa ifii woliin
afaaniin dubbii nageyaa dubbatan;
gadhaa ifii keessatti ammoo waan hantuu yaadan.
4 Ati akka hujii isaaniititti,
akka hujii hantuu isaaniititti gatii isaaniif kenni;
Akka hujii harka isaaniititti isaaniif kenni;
adabbii isaaniif malte isaaniif kenni.
5 Isaan hujii Mootii Waan Maraa
yookiin hujii harka isaa waan hin ilaalleef,
inni isaan hin diiga malee,
deebi'ee isaan hin ijaaru.
6 Iyya tiyya waan dhage'eef,
Mootiin Waan Maraa leellifamu.
7 Mootiin Waan Maraa jabeenna kiyya;
wontee tiyyalle'e;
ani isatti addadha.
Inni waan na qarqaaree na gammachiiseef,
ani faaru'uun isa hin galateessa.
8 Mootiin Waan Maraa
kolbaa ifiitiif jabeenna isaanii ti;
ka ifii muudeef kushee fayyinnaa ti.
9 Ee Mootii Waan Maraa,
kolbaa teeti baasi;
worra keeti te'ane eebbisi;
tissee isaanii te'iitii,
haga bara baraa isaan ba'adhu.