40
Faaruu Leellisaa
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
1 Ani ossaan Mootii Waan Maraa eegadhe;
innille gara kiyya deebi'ee iyya tiyya dhage'e.
2 Inni boolla caffa'aa,
linxixxoo dhoqqe'ee keessaa na baase.
Inni miila kiyya rassaa irra dhaabbachiisee,
addee jadduu ani ideemu naa kenne.
3 Inni faaruu haareya
leellisa Waaqa keennaa afaan kiyya keessa keye.
Worri hedduun tana dhagganee isa sodaatanee,
Mootii Waan Maraatitti addatan.
4 Nami Mootii Waan Maraatitti addatu,
gara worra koorameeyyi'iitii fi,
dharaameyyi'ii deebi'iisaan ka itti hin addanne,
ka gammade.
5 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,
baasa hedduu nuu gooteerta;
ka akka keetii hin jiru!
Ati waan baasaa nuu yaadatteerta.
Laakkossi waan kanaa guddoo baca'a;
ani ijjumaa odeessee fixee hin dande'u.
6 Ati ciinca'aa fi kennansa hin barbaaddu;
horiin addee ciinca'aa irratti akka ciinceffamu,
yookiin ciincaa araara cubbu'uu hin barbaaddu.
Tanaa manna, gurra sii dhage'u naaf kenniteerta.
7 Tanaaf anille, «Marroo tiyyaaf
kitaaba maramaa keessatti akkuma barreeffante,
kunoo, ani dhufeera;
8 Waaqa kiyya,
ani fedhii teeti muummessuu halcha;
seerri keeti gadhaa kiyya keessa jira» jedhe.
9 Ani wolde'a guddicha keessatti,
balchummaa teeti odeessa.
Ee Mootii Waan Maraa,
akkuma ati beettu ani odeessuu ijjumaa hin lakkisu.
10 Ani balchummaa teeti gadhaa kiyya keessatti
hin dhossine;
ani addatamummaa teetii fi
fayyisiisa keeti odeesseera.
Wolde'a keeti guddicha duraa
jaala keeti ka bara baraatii fi
addatamummaa teeti hin dhossine.
11 Ee Mootii Waan Maraa,
ati marartii teeti na hin dhooggatin;
jaalalli keeti ka bara baraatii fi addatamummaan teeti
yennaa mara na eeganuu ti.
12 Rakkoon hedduun haga hin qanne na marsiteerti;
haga ani woy dhagguu dadhabutti,
cubbuun tiyya na liqinsiteerti;
cubbuun tun rifeensa mataa kiyyaa caalti;
anille jajjabaatiisa dadhabeera.
13 Ee Mootii Waan Maraa, maganne'ee na baasi;
na qarqaariisaaf ariifadhuu koy.
14 Worri na ijjeesiisa barbaadu marti
fokkifatanee qaanowanuu ti.
Worri miidhama kiyya halchu marti
salphinnaan gara duuba deebi'anuu ti.
15 Worri, «Baga, baga» naan jedhu,
fokkoo ifiitiin nayanee goganuu ti.
16 Worri si barbaadu marti ammoo
si'itti gammadanee ilillisanuu ti;
Worri fayyisiisa keeti jaalatanu marti
yennaa mara,
«Mootiin Waan Maraa gudda'a!» jedhanuu ti.
17 Akka kiyyatti, ani rakkata'a; dadhabaalle'e;
Gootta'a na hin dedhin.
Ka na qarqaaruu fi ka na baasu si'i;
Ee Waaqa kiyya, hin turin.