46
Waaqi Nu Woliin Jira
Faaruu ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif, ta qoonqoo durraatiin faarfatane.
Waaqi addee itti baqannu;
inni hunna teenna;
yennaa rakko'oo inni guddoo nu qarqaara.
Tanaaf latti yoo tachoote,
gaarri gara qilee abbaaya'aa yoo bu'e,
bisaan yoo shookkisee hoomachowe,
raafamiisa isaatiin
gaaroti yoo hollatanelle nuuti hin sodaannu.
 
Lagi maddi isaa qachaa Waaqaa,
addee woyyittii Waaqi Ol Aanaan le'u
gammachiisu tokko jira.
Waaqi qachaa san keessa waan jiruuf,
qachaan sun hin tacho'u;
Waaqi barii ganama qachaa san hin qarqaara.
Gosi biyya adda addaa hogitte,
mootummootille jidde;
Waaqi qoonqoo ifii dhageessise,
lattille baxxe.
 
Mootiin Waan Maraa
Waaqi Waan Mara Dade nu woliin jira;
Waaqi Yaaqoobii addee nuuti itti baqannu.
 
Kowa'aatii, hujii Mootii Waan Maraa,
badii inni lafa irratti fide ilaala'a.
Inni lola biyya lafaa irraa hin dhaabbachiisa;
guube'ee fi eboo hin caccassa;
wonteelle ibiddaan hin guba.
10 Inni, «Cadhisa'aa, ani Waaqa akka te'e beeka'a;
ani gosa biyya adda addaa oddu'utti,
biyya lafaa irralle'etti hin saadama» jedha.
11 Mootiin Waan Maraa
Waaqi Waan Mara Dade nu woliin jira;
Waaqi Yaaqoobii addee nuuti itti baqannu.