48
Qachaa Guddicha Waaqaa, Xiyoon
Faaruu. Faaruu ilmaan Qoraahii.
1 Mootiin Waan Maraa gudda'a;
qachaa Waaqa keennaa keessatti
gaara woyyicha irratti
guddoo leellifamuu qaba.
2 Gaarri Xiyoonii ka gara kaabaatitti dhaggamu,
ka dheerinnaan miidhagu,
qachaa mooticha gudda'aa,
ka lafa duudii gammachiisu.
3 Waaqi mana mootumma'aa jabaa
qachaa sanii keessa jira;
inni kushee qachaa sanii akka te'e ifi mudhiseera.
4 Qachaa san loliisaaf,
moototi wolitti qabamane.
5 Isaan akkuma dhagganeen maadeffatane;
sodaatanee baqa kottee addeessane.
6 Achitti rommiis isaanitti dhufee,
akka dubartii ciniinsifattuu muddamane.
7 Akka hoboloota gugurdoo Tarshiishii
ta qilleensa gara aduun baatuutiin bututanuu te'ane.
8 Waaqi qachaa ifii
haga bara baraa jabeessee akka dhaabu,
akkuma dhageenne,
akkasuma qachaa Mootii Waan Maraa
Waaqa Waan Mara Dadee,
ka Waaqa keennaa irratti dhaggineerra.
9 Ee Waaqa, Galma keeti keessatti,
jaalala keeti ka bara baraa yaadanna.
10 Ee Waaqa, akkuma maqaan keeti lafa duudii geye,
leellisi keetille lafa duudii geyee,
harki keeti middichi balchumma'aan guutameera.
11 Muraan teeti dhugaa waan teeteef,
worri gaara Xiyoonii irra le'u gammaduu ti;
worri qachoota Yihuda'aa keessa le'u firinxiixuu ti.
12 Qachaa Xiyoonii naannowaa ideemaa,
adaala isaa mara'a.
Xelleephoo isaa laakkowa'a.
13 Dalleya dhaka'aa ka isaa hubadha'a;
kushee isaalle ilaala'a.
Akka dhaloota dhufuun,
14 «Waaqi kun, haga bara baraa Waaqa keenna;
inni haga du'aatitti nu sooressa» jettanu.