59
Diinota Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii, ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti, yennaa Saa'ol Daawitii ijjeesiisaaf namoota ergee mana isaa eegisiise faarfatante.
Ee Waaqa kiyya, diinota jalaa na baasi;
worra na irratti ka'u irraa na eegi.
Worra hamaaleyyii jalaa na baasi;
worra dhiiga namaa dhangalaasu jalaa
na hamburi.
 
Isaan ammaayyuu riphanee na gaadan;
Ee Mootii Waan Maraa,
ani cubbuu yookiin dokonkora adoo hin hujin,
worri hunnaameyyiin na irratti ka'an.
Ani dokonkora womaa adoo hin hujin,
isaan na loliisaaf qophowaneeran.
Na qarqaariisaaf ka'i;
gara kiyya koyii na ilaali!
 
Ee Mootiin Waan Maraa
Waaqa Waan Mara Dande'u,
Waaqa Israa'elii,
gosa biyya adda addaa adabiisaaf ka'i;
worra hamaaleyyii,
diinaaf dabarsee nama kennu hin mararin.
 
Isaan akka sare'ee gurura'aa,
galgala galgala qachaa keessa loxxisan.
Waan afaan isaanii keessaa bayu ilaali;
arrabi isaanii akka shallaaga'aa ti;
isaan, «Nami nu dhage'u hin jiru» jedhaa yaadan.
 
Ee Mootii Waan Maraa,
ati ammoo isaanitti hin kollita;
gosa biyya adda addaa maratti hin murgita.
Ee Waaqa, ati jabeenna kiyya,
gollaa kiyyalle waan teeteef,
ani si eegadha.
10 Waaqi jaalala ifii ka bara baraatiin
naan dura ideema;
inni akka ani injifatamiisa diinota kiyyaa dhaggu
hin godha.
 
11 Ee Gootta'a, wontee teenna,
kolbaan injifachaa keeti akka hin deene,
isaan hin ijjeesin;
hunna teetiin isaan bittinneessii,
isaan salphisi.
12 Sababa cubbuu afaan isaaniitiif,
sababa dubbii arraba isaaniitiif,
koora isaaniitiin qabamanuu ti.
Abaarsaa fi dhara waan dubbatanuuf,
13 aarii teetiin isaan balleessi;
ijjumaa isaan balleessi.
Achiin duuba haga qaccee lafaatitti
akka Waaqi kolbaa Yaaqoobii bulchu hin beekkanti.
 
14 Isaan akka sare'ee gurura'aa,
galgala galgala qachaa keessa loxxisan.
15 Isaan akka saree sagale'eef loxxittuu,
ta yoo quufuu dhadde gururaatuu ti.
 
16 Ati guyyaa rakkinnaa gollaa kiyya,
addee ani itti baqadhulle waan teeteef,
marroo jabeenna keetiitii fi
marroo jaalala keeti ka bara baraa
ganama mara hin faarfadha.
17 Ee Waaqa, ati gollaa kiyya,
Waaqa na jaalatu,
ee jabeenna kiyya,
faaruu leellisaa sii dhikeessa.