61
Daadimata Diinota Jalaa Bayiisaaf Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante.
Ee Waaqa, iyya tiyya dhage'i;
daadimata kiyya caqasi.
Addii kutadhee,
qaccee lafaa irraa si waammadha;
 
Gara rassaa na caalaa
ol ka'eeruu san na geessi.
Ati addee ani itti baqadhu waan teeteef,
diinota kiyya loliisaaf,
ati xelleephoo tiyya jaddu'u.
 
Ani bara jiruu tiyyaa mara
mana keeti keessa le'uu fedha.
Gaaddisa bobaa teetii jalatti baqatuu fedha.
Ee Waaqa, waadaa kiyya dhageetteerta;
qooda worra maqaa keeti sodaatuuf kennite
naafille kenniteerta.
 
Bara jiruu mootichaa irratti
woggaa hedduu ede'i;
inni dhalootaa haga dhaloota heddu'uu le'uu ti.
Fuula keeti duratti
haga bara baraa isa mootonsi;
jaalala keeti ka bara baraatii fi
addatamummaa teetiin isa eegi.
 
Guyyuma guyya'aan waadaa kiyya eegatiisaan,
yennaa mara faaru'uun maqaa keeti leellisa.