67
Faaruu Leellisaa
Faaruu takka, ta meya ribu'uutiin faarfatante, sooressa faarfattootaatiif.
1 Waaqi nu mararuu ti; nulle eebbisuu ti;
fuula ifii akka nu irratti ifu godhuu ti.
2 Achiin duuba, karaan keeti lafa duudii irratti,
fayyisiis keeti
gosa biyya adda addaa mara oddu'utti hin beekkama.
3 Ee Waaqa, kolbaan si leellittuu ti;
kolbaan marti si leellittuu ti.
4 Ati haqaan kolbaa maratti waan murtuuf,
gosa biyya adda addaa waan sooressituuf,
gosi biyya adda addaa gammadaan ilillittuu ti.
5 Ee Waaqa, kolbaan si leellittuu ti;
kolbaan marti si leellittuu ti.
6 Latti midhaan baatteerti;
Waaqi, Waaqayyoon keenna nu hin eebbisa.
7 Waaqi nu hin eebbisa;
kolbaan lafa irraa marti isa hin sodaatti.