81
Faaruu Guyyaa Jilaa
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta suusulle'een faarfatante
Waaqa jabeenna keenna te'eef,
qoonqoo guddo'oon faarsa'a;
Waaqa Yaaqoobiitiif ilillisa'a.
Faaruu jalqaba'a; dibbeelle dhowa'a;
maseenqoo namatti toltuu fi
kiraara guddicha dhowa'a.
Baatii ji'aatitti, goobana ji'aatitti,
guyyaa jila teennaatitti tultullaa afuufa'a.
Kun Israa'eliif seerata;
ajaja Waaqa Yaaqoobii ti.
Inni yennaa biyya Gibxi'ii dhowiisaaf baye,
ajaja kana ijoollee Yoseefiitiif kenne.
Qoonqoon ani dur hin beenne takka,
«Ani gurmuu teessan irraa ba'aa buuse;
harka keessan kollonjoo qabatiisa irraa bilisa baase.
Isin rakkinna keessa na waammattane;
anille isin baase;
addee gollaa jirtu,
duumensa mandi'u keessaa deebii isinii kenne;
ani bisaan Mariiba'aa*Mariibaa: Yaadannoo Bay. 17:7 irratti kenname ilaali. biratti haga isin ilaale.
Ee kolbaa tiyya,
yennaa ani ifi isin eeggachiisu dhage'a'a;
ee Israa'el, adoo naaf dhageettanee jiraattanee,
attam attam dansa'a!
Waaqoti alagaan odduu teessan hin jiraatin;
waaqota ormaaf hin sagadina'a.
10 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan,
ka lafa Gibxi'ii keessaa isin baase;
afaan keessan badhisa'aatii banadha'a;
anille hin guuta.
 
11 «Kolbaan tiyya ammoo na hin dhageenne;
Israa'el naaf hin ajajanne.
12 Maarre ani mataa jabeeyyii akka te'anuuf,
yaada ifiille akka hordofanuuf isaan lakkise.
13 Kolbaan tiyya adoo naaf dhageettee jiraattee,
Israa'el adoo karaa kiyya ideentee jiraattee,
14 ani silaa ariiti'iin
diinota isaanii hin jilbiissisaayyu;
harka kiyyalle
gara nyaapha isaanii hin deebifadhaayyu.
15 Worri ana Mootii Waan Maraa jibbu
na duratti hin jiganiiyyu;
adabbiin isaaniille
haga bara baraa hin teetiiyyu.
16 Ani ammoo silaa
qamadii dansaa isin Israa'el areeraayyu;
damma hollaalle isin quussaayyu» jette.

*81:7 Mariibaa: Yaadannoo Bay. 17:7 irratti kenname ilaali.