92
Hujii Isaatiif Mootii Waan Maraa Leellisuu
Faaruu Guyyaa Sanbataa
Ee Mootii Waan Maraa, si leellisuun
Ee Waaqa Ol Aana'a,
maqaa keetiif faaruu leellisaa dhikeessuun dansa'a.
Jaalala keeti ka bara baraa ganamaan,
addatamummaa teeti halkaniin lallabuun,
meya faaru'uu ka ribuu kudhan qabuu fi
yoyyoma kiraara guddichaatiin
si leellisuun dansa'a.
Ee Mootii Waan Maraa, hujii teetiin na gammachiitta;
ani hujii harka keetiititti gammadee faarfadha.
 
Ee Mootii Waan Maraa, hujiin teeti attam attam guddo'o;
yaadi keeti attam attam gad fagaata!
Nami daalleen tana hin beeku;
gowwaalle tana hin hubatu.
Worri hamaan akka marraa latanulle,
worri waan hantuu huju marti daraaranulle,
isaan ijjumaayyuu hin badan.
Ee Mootii Waan Maraa, ati ammoo
haga bara baraa ol aana'a.
 
Ee Mootii Waan Maraa, diinoti keeti,
dhugumaan diinoti keeti hin badan;
worri waan hantuu huju marti hin bittinnowan.
10 Ati akka gafarsaa na jabeessitee*Akka gafarsaa na jabeessitee: Afaan Ibrootaatiin akka gaafa gafarsaa gaafa kiyya ol kaache jedha. Gaafi ammoo jabeenna isaa ilaala.,
zayiti'iin na muudde.
11 Ilti tiyya injifatama diinota kiyyaa dhaggite;
gurri kiyyalle iyya nyaaphota kiyya hamoole'ee dhage'e.
 
12 Nami balchaan akka muka meexxi'ii hin oshoba;
akka hindheensa Libaanonii hin banqaaqa.
13 Isaan akka muka mana Mootii Waan Maraa keessatti dhaabamanee,
badhinna mana Waaqa keennaatiin duraa keessatti
hin oshoban.
14 Isaan akka muka dullummaa keessa midhaan buusuu,
ka yennaa mara bisille'ee
hin te'an.
15 Isaan, «Mootiin Waan Maraa sirri'i;
inni rassaa ani itti baqadhu;
isa keessa hammeenni hin jiru» jedhan.

*92:10 Akka gafarsaa na jabeessitee: Afaan Ibrootaatiin akka gaafa gafarsaa gaafa kiyya ol kaache jedha. Gaafi ammoo jabeenna isaa ilaala.