104
Leellisa Abbaa Dadaatiif Dhikaate
1 Ee lubbuu tiyya, Mootii Waan Maraa leellisi.
Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,
ati attam attam gudda'a!
Ulfinnaa fi arnya uffatteerta.
2 Ati ifa akka woya'aa ifitti maratte;
ol-gubbaa akka dunkaani'ii diriirsite.
3 Ati utubaa mana keetii
bisaan ol-gubba'aa irra dhaabbachiitte;
duumensa garreettaa fardaan harkifamu godhatte;
koola qilleensaa irra teettee gulutte.
4 Ati qilleensa ergamaa keeti,
bobe'a ibiddaa tajaajilaa keeti godhatte.
5 Akka isiin ijjumaa hin raafanne,
ati lafa hundee isi'ii irratti dhaabbachiitte.
6 Abbaayaa akka woya'aa lafatti uffitte;
bisaan gaarota golle.
7 Yennaa ati xixxe, bisaan baqate;
qoonqoo mandiisu'uu teeti yennaa dhage'e dheete.
8 Gaarota gubbaa dhangala'ee,
gad dhooqa keessa,
gara addee ati isaaf qopheessitee dhaqe.
9 Akka deebi'ee lafa hin golline,
meessaa inni dande'ee hin dabarre,
ati isaaf goote.
10 Ati maddi dhooqa keessa akka yaa'u goote;
isaan koobota wodhakkaa yaa'an.
11 Bineensoti isaan unan;
harreen diidaalle untee dheebuu baati.
12 Sinbirrooti bisaan san biratti mana ijaarratan;
isaan dameelee oddu'uu wocan.
13 Gubbaa irraa bokkeyaan gaarota bisaan obaatta;
lattille waan ati hujjeen guutanti.
14 Marri hori'iif akka latu,
namaafille sagalee waan te'uuf,
lafa irraa midhaan akka latu goota.
15 Woyniin gadhaa namaa akka gammachiittu,
zayitiin fuula namaa akka cululussitu,
sagaleen akka nama jabeessitu goota.
16 Mukooti Mootii Waan Maraa birbirsooti Libaanonii,
ka inni dhaabe bisaan guddaa dhaggatan.
17 Sinbirrooti isaan keessatti mana ijaarratan;
qongaan birbirsa irratti hin gala.
18 Gaaroti dhedheeraan ka goda'aa*Godaa: Bineensa re'ee fakkaatu ka gaara irra le'u. ti;
holli rassa'aa lafa osoleen itti baqattu.
19 Ji'a yennaa akka gargar baasuuf dadde;
aduulle yennaa seensuma ifii hin beetti.
20 Ati dukkana dadde; isiin halkan teeti;
yennaa san bineensoti badda'aa luuxanee bayan.
21 Neenqoti dardarooti adamo'oof dhangaa dhowan;
sagalee ifii Waaqa irraa barbaadatan.
22 Yennaa aduun baatu,
deebi'anee mandhee ifii keessa ciisan.
23 Achiin duuba nami gara hujii ifii bayee,
haga galgalaatitti hujii ifii huja.
24 Ee Mootii Waan Maraa,
hujiin teeti attam attam baca'a!
Ati isaan mara qarumma'aan daddeerta;
latti waan ati daddeen guutanteerti.
25 Kunoo, abbaayaan guddittiin guddo'oo fi badhoon achi jirti;
bineensi didiqqa'aa fi gugurdaan,
wonni lubbuu qabu bindillaan achi keessa jiran.
26 Abbaayaa san irra hobolooti gugurdoon hin ideeman;
bineensi naacha fakkaatu,
ka «Lewaataan» jedhamu achi keessa taphata.
27 Sagalee yenna'aan akka isaaniif kennitu,
isaan kun marti si eeggatan.
28 Yennaa ati isaaniif kennitu,
isaan wolitti qabatan;
yennaa ati harka keeti isaaniif diriirsitu,
isaan waan dansaa hin quufan.
29 Yennaa ati isaan irraa garagaltu,
isaan guddoo sodaatan;
yennaa ati hafuura isaanii isaan keessaa fudhatu,
isaan hin du'an;
gara biyye'ee hin deebi'an.
30 Yennaa ati hafuura keeti itti baafatu,
isaan hin dadaman;
ati lafa deebittee haareya goota.
31 Ulfinni Mootii Waan Maraa
haga bara baraa jiraatuu ti;
Mootiin Waan Maraa hujii ifiitiin gammaduu ti.
32 Inni ilaalchaan ka lafa rommisiisu;
tuqiisaan gaara keessaa ka aara baasu.
33 Ani bara jiruu tiyyaa mara
Mootii Waan Maraatiif hin faarsa;
ani haga jiru mara
Waaqa kiyya faaru'uun hin leellisa.
34 Yaadi gadhaa kiyyaa isa gammachiisuu ti;
ani Mootii Waan Maraatiin hin gammada.
35 Cubbaaleyiin lafa irraa badanuu ti;
hamaaleyyiin haganaa achi hin jiraatin.
Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi;
Mootii Waan Maraa leellisa'a.