122
Leellisa Yerusaalemii 
 Faaruu Daawitii, Ta Ittiin ol bayanu 
  1 «Gara mana Mootii Waan Maraa dhandha!»  
yennaa isaan naan jedhane  
ani gammade.   
 2 Ee Yerusaalem, miilli keenna,  
karra teeti keessa dhaabbateera.   
 3 Yerusaalem qachaa wolitti hiiqee  
jabeeffamee ijaarameeru.   
 4 Akkuma ajaja Israa'eliif kennameetitti,  
achitti maqaa Mootii Waan Maraa leellisiisaaf,  
gosi Mootii Waan Maraa ol bayan.   
 5 Achitti moototi sanyii Daawitii kolbaa bulchiisaaf,  
barcumaa mootumma'aa dhaabbatane.   
 6 Nageya Yerusaalemiitiif daadimadha'a:  
«Worri isii jaalatu milkowuu ti.   
 7 Dalleya isi'ii keessa nageenni,  
mana mootumma'aa  
ta isi'ii keessa sarmiis jiraatuu ti» jedha'a.   
 8 Ani sababa firootaa fi jaalota kiyyaatiif,  
«Nageenni si keessa jiraatuu ti» hin jedha.   
 9 Sababa mana Mootii Waan Maraa  
Waaqa keennaatiif,  
ani waan dansaa si'iif hin halcha.