125
Wobii Kolbaa Waaqaa 
 Faaruu Ittiin Ol Bayanu 
  1 Worri Mootii Waan Maraatitti addatu  
akka gaara Xiyoonii,  
ka ijjumaa hin tachoone,  
ka haga bara baraa jabaatee dhaabbatuu ti.   
 2 Akkuma gaaroti Yerusaalem marsaneeranu,  
ammaa jalqabee haga bara baraa,  
Mootiin Waan Maraa  
kolbaa ifii hin marsa.   
 3 Worri hamaan  
lafa worra balchoole'ee hin bulchanu;  
yoo bulchane,  
kolbaan balchaan  
waan hantuu hujiisaaf harka diriirfatti.   
 4 Ee Mootii Waan Maraa,  
worra dansaa te'eef,  
worra gadhaa ifii keessatti  
qajeelaa te'eefille dansaa godhi.   
 5 Ammoo, Mootiin Waan Maraa  
worra waan hantuu huju,  
worra karaa dabaalessa ifii gula deebi'e  
woliin hin gata.  
Nageenni Israa'eliif te'uu ti.