136
Faaruu Galataa
1 Mootiin Waan Maraa
dansaa waan te'eef,
isa galateeffadha'a;
jaalalli isa ka bara baraa ti.
2 Waaqa waaqotaa galateeffadha'a;
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
3 Goottaa goottotaa galateeffadha'a;
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
4 Ka qofuu baasa guddaa huju,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
5 Ka qarummaa ifiitiin ol-gubbaa dade,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
6 Ka lafa bisaan gubbaa diriirse,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
7 Ka ifa gugurdaa huje,
jaalalli isaa
haga bara baraa jiraata.
8 Ka aduun guyyaa
baallii akka qabaattu godhe,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
9 Ka Ji'aa fi urjooti
halkan akka baallii qabaatanu godhe,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
10 Ka angafoota ilmaan worra Gibxi'ii ijjeese,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
11 Ka Israa'eloota Gibxii keessaa baase,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
12 Ka hunna ifii guddo'oo fi
jabeenna ifiitiin tana godhe,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
13 Ka abbaayaa diintuu gargar kute,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
14 Ka kolbaan Israa'elii
odduu isi'ii akka dabartu godhe,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
15 Fara'oonii fi loltoota isaa ammoo
abbaayaa diintuu keessatti ka fixe;
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
16 Ka goomolee keessa
kolbaa ifii sooresse,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
17 Ka mootota gugurdoo ijjeese,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
18 Ka mootota hunnaameyyii ijjeese,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
19 Ka mootii worra Amoorotaa,
Sihoon ijjeese,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
20 Ka mootii Baashaanii, Oog ijjeese,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
21 Ka lafa isaanii
dhaala godhee Israa'elootaaf kenne,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
22 Israa'eloota
tajaajiltoota ifiitiif ka dhaalchise,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
23 Ka injifatama keenna keessatti
nu qaabate,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
24 Ka diinota keenna jalaa nu baase,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
25 Ka dada maraaf sagalee kennu,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
26 Waaqa ol-gubba'aa galateeffadha'a;
jaalalli isaa ka bara baraa ti.