138
Faaruu Galataa 
 Faaruu Daawitii 
  1 Ee Mootii Waan Maraa,  
ani gadhaa tokkochaan si galateeffadha;  
waaqota duratti ani faaru'uun si leellisa.   
 2 Ani gara Galma keeti woyyichaa  
fuula galee sagada;  
jaalala keeti ka bara baraatii fi  
addatamummaa keetiifille,  
maqaa keetii fi jecha keeti  
waan mara caalaa waan saaddeef,  
ani maqaa keeti leellisa.   
 3 Yennaa ani si waame,  
ati deebii naaf kennite;  
ati na jabeessitee,  
lubbuun tiyya hunna horatte.   
 4 Ee Mootii Waan Maraa,  
jecha afaan keetii yennaa dhage'ane,  
moototi lafaa martinuu si leellisan.   
 5 Ulfinni Mootii Waan Maraa  
guddaa waan te'eef,  
isaan marroo karaa isaa hin faarfatan.   
 6 Mootiin Waan Maraa ol aanaa te'ulle,  
inni worra gad aanaa hin ilaala;  
worra kooru ammoo fago'otti beeka.   
 7 Ani rakkinna keessa yoo ideemelle,  
ati jiruu tiyya hin eedda;  
ati harka keeti diriirsitee,  
mufii diinota kiyyaa mormita;  
harka keeti middichaan na hin baacha.   
 8 Mootii Waan Maraa,  
ati yaada keeti mara  
naaf hin muummessita;  
ee Mootii Waan Maraa,  
jaalalli keeti ka bara baraa ti;  
hujii harka keetii ati hin lakkisin.