140
Diinota jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif
1 Ee Mootii Waan Maraa,
namoota hamaa jalaa na baasi;
worra hunnaan nama irratti ka'u
na irraa eegi.
2 Isaan waan hantuu
qalbii ifii keessatti yaadan;
yennaa mara lola kaasan.
3 Isaan arraba ifiitiin
akka dhudhuufa'aa nama iddan;
hidhii isaanii jala
hadhaa buuti'iititti jira.
4 Ee Mootii Waan Maraa,
harka worra hama'aa irraa na eegi;
worra hunnaan nama irratti ka'u,
ka miila kiyya qaxafiisaaf
mala dhowanu irraa na eegi.
5 Worri kooru fonxoroo naaf afe;
isaan wodaroo caccoo ifii diriirsane;
tiyyoo karaa irratti naaf keyane.
6 Ee Mootii Waan Maraa,
ani si'iin, «Ati Waaqa kiyya» jedha;
ee Mootii Waan Maraa,
iyya tiyya dhage'i.
7 Ee Mootii Waan Maraa,
Goottaa kiyya, jabaa na baachu;
ati guyyaa lolaa mataa kiyya golliteerta.
8 Ee Mootii Waan Maraa,
fedhii nama hama'aa hin muummessiniif;
mala dhowelle hin milkeessiniif.
9 Worra na marsee mataa togu,
sababi afaan isaanii
isaanuma irratti garagaluu ti.
10 Kashilli ibiddaa isaan irra bu'uu ti;
ibiddatti yookiin,
boolla deebi'anee keessaa hin baane,
keessatti gatamanuu ti.
11 Nami maqaa namaa balleessu
biyya keessatti hin qubatin!
Ka hunnaan nama irratti ka'ulle
wonni hantuun isa adansituu ti.
12 Mootiin Waan Maraa
haajaa worra hiyyeeyyi'ii akka fixu,
worra rakkata'aaf
haqa akka muru ani hin beeka.
13 Dhugumaan worri balchooleen
maqaa isaa hin leellisan;
worri qajeelaan fuula isaa dura hin le'an.