142
Miidhaa Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate 
 Wolaloo Daawitii, ta yennaa inni gadda keessa jiruu; Daadimata. 
  1 Ani qoonqoo ol qabadhee,  
gara Mootii Waan Maraa iyya;  
marartii dhaggatiisaaf  
Mootii Waan Maraa gaafadha.   
 2 Komii tiyya mara  
isa duratti dhangalaasa;  
rakkinna kiyyalle  
isa duratti himadha.   
 3 Yennaa ani addii kutatiisa geyeeru,  
gara ani ideemaaru ati hin beetta.  
Daandii ani irra ideemu keessa,  
isaan fonxoroo naaf dhossaneeran.   
 4 Adaala kiyya ilaalii dhaggi;  
nami naaf yaadatu hin jiru;  
addeen ani itti baqadhu hin jirtu;  
nami tokkolle haajaa kiyya hin qabu.   
 5 Ee Mootii Waan Maraa,  
ani gara keeti iyya;  
ani, «Ati ka ani itti baqadhu;  
lafa worra jiraata'aa tana keessatti  
ati qooda kiyya» jedha.   
 6 Ani waan qarqaarsa hin qanneef,  
iyya tiyya naaf caqasi;  
worri na miidhu  
guddoo waan natti jabaataneef,  
ati isaan jalaa na baasi.   
 7 Maqaa keeti akka leellifadhu,  
hidhaa keessaa na baasi.  
Ati waan dansaa waan naa gooteef,  
worri balchaan na hin marsan.